Uummata Oromoo Gidirsaa  Itti Qoosuun Dhaabbatuu Qaba!

Sadaasa,27,2017
Qalbeessaa Dhangi’aa tin
Dudduubbeen Habashootaas har’i habashootaas nu Oromoof badiisaaf duguuginsa kan hawwu qofaa ture. Akka argan bargaanfatanii jiraachuuf
uummata Oromoo daguugaa turaniiru daguugaas jiru. Mootota habashaa kaleessaa wanti ittiin Oromoon yaadannu nu Oromoon Akka namaattillee
ilaalaa akka hinturre seenaan ragaadha. Har’as akka namaatti ilaalamaa hinjirru. Tarree namaatti waamamaa hinjirru. Lakkoofsa namaa keessaa
hinqabnu, Habashaa biratti jechuudha.

Mootota habashaa darban jecha isan yoo waraana keessatti wal ajjeesan Oromoo irraa namummaa irraa molqaa turan haa yaadannu. Kanarratti
cimana Oromoo irratti was xuxuqeen darbuu barbaada. Oromoon namummaa akkamiittiin laata? Biyyi biraahoo Namummaa kana akkamitti walii
laata? Waraana keessatti booji’amaaf Ilaalchi Oromoo fi biyyoota biroo akkam ture?

Kana dirqama waanan barreessuu barbaadufan qaba. Uummata addunyaarratti ajaa’ibsiifamuu maleef ilaalcha Habashaan laataa turte
addaan naasnee olilaalla.

Namummaa(personality):
Giriik:
Biyyoota addunyaarraa Giriik keessatti namummaan (personality)
akkaataa kamiin laatama? Kan jeshuuf, Giriikonni nama kan jedhan
dhalatee erga waggaa 18 gahee namummaan ski kennama. Nama jedhamta.
Sanuu yoo dhiira taateen ala dubartiin nama hinjedhamtu. Inni dhiiraas
yoo dulloome akkaasuma ijoolleef namummaan hinlaatama. Umuriin
namummaa 18-65  gidduu kan jiru qofaan nama jedhu.

Roomaan:
Roomaa keessattimmoo nama ta’uuf dirqama lamummaa( citizenship)
argachuu qabda. Lamummaa biyya sanaa ta’uuf immoo dirqama biyyicha
keessatti yoo dhalatteen ala daldala garbaa ( slave trade’n) kan
dhaqxedha taanan lamummaa hinargattu.  Ati daldala garbaan (slave
trade) dhaqxe taananis nama hinjedhamtu. Ati daldala garbaan kan
dhaqxe taanan meeshaa (property) jedhamta. Roomaa keessatti waraanan
yoo booji’amtes ati nama hinjedhamtu, meeshaa taatee akka meeshaatti
sitti fayyadamuun ala akka namaatti hinlakkaahamtu. Adeemsii addunyaa
hedduun jarreen olii lamaan wal fakkaata.

Oromoo: Oromoon nama tokkoon nama kan jedhu dhalatee bultii 5 booda
erga maqaan sii mogga’een booda umuriif saalaa (Gender) utuu addaan
hinbaasin namummaan sii laatama. Akkasumas haala kamiinuu biyya Oromoo
kan dhufu yoo jiraate namummaan irraa hinmolqamu. Kanarra taree
waraana keessatti kan booji’u yoo ta’es namummaasaa bakkatti eegurra
darbee maqaa isaa moggafachuun ofitti maka. Kun addunyaarraa uummata
ajaa’ibsiisaa isa jechisiisa.

Yaa ta’u males garboonfattoonni habashaa kaleessaa namummaarraa
molquun Oromoon Sabootni habashaa waliin waraana deemanii kan
wareegaman yoo ta’ellee “namamoo gaalla du’e” jechuun nu xiqqeessaa
yoona gahani. Kan gidirsanirra itti qoosuun isaanii akkaan kan nama
mufachiisudha

Hubadhaan Habashaan kaleessaa namummaa nurraa molqaa yoona gahe.
Garboonfataan Habashaa ammaammoo Oromummaa nurraa molquurratti argamu.
Jechoota habashaa baraan kulkulfataa hafnu keessaa, jechoota madaa
nuuf ta’an keessaa jechin amma xuqe isa tokko.

As dhiyootti yoo deebine Wayyaaneen erga beddee TPLF keessatti OPDO
bixxiltee qabdee karaa OPDO afaan baafataa yoona geesseetti. Jechoota
ittiin uummata sammuu keessa waqartu (attack idea) karaa Tubbooshee
OPDO dabarfataa turteetti. Bara aangoo Wayyaanee keessa ajjeefamaa,
reebamaa, hidhamaa, mana barnootaarra waajjiraalee mootummaaf
dhaabbata hojii garaagaraa keessaa ari’atamaa nurratti qoosamaa
tureera.

Kan nu gidiraanirra xinsammuu (psychology) akka xuqamuu qabnutti
jechoota miira namaa gubani waxalaniin nu dhiphisaa turaniiru. Galmeen
Oromoota gidiraman Gidirsaa sana keessa uutuu jiranii jechoota galtuu
OPDO fi Wayyaaneen xiinsammuu xuqamanis utuu manni lakkaa’ee ka dhibu
hinse’u.

OPDO ilmaan nyaatanii jiraachuu qofaaf uumaman habukaattummaa
wayyaanee ta’anii wayyaaneef falmaa yoona gahaniiru, wayyaaneef
falmaas jiru. Wayyaaneen utuu ilmaan Oromoo gidirsituu, kunaantuu
badii Wayyaanee gara uummatatti deebisuun waggoottan 26 darban
dabaraanii jiru. Har’as habukaattummaa dhaabbachuufiin dabballoota
Wayyaanee ilmaan haadha gara akkuma dur sana itti fufee jira.
Qondaalota OPDO dur irraa kaanee hanga yoonaatti dubbiin afaan isaanii
keessaa ba’u dubbii xuliqqeessa saba Oromoo ta’uun isaa beekamaadha.
Badiin saba biraas badii Oromoo ta’ee lakkaahama yoona gaheera. Kana
booda dhaabbatuu qaba.

Gaagurri kanniisa wayyaanee OPDO ta’uusaa qaamni wal’aaluu hinjirru.
Gaagurri kun gaafa ka’u dibbee gurra uummata cufu ta’aa bula. Gurri
uummata gaafa cufamtummoo Oromoo lafarraa buqqaasuu, Oromoo ajjeesuu
duguuginsa sabaa raawwachuutu salphataaf.

Bara aangoo isaanii Obbo Junaddiin Saaddoo seenaa guddaa seenaa
hindagatamne hedduu hojjetaniiru. Keessattuu ilmaan Oromoo nagaatti
hidhaa umurii guutuu laachisuun isaanii kan dagatamuuf seenaa
irranfatamu miti. Kanarra darbee gubachuu bosona Baalee barattoota
falmaa turaniif barattoota jijjiirraa magaalaa guddoo Oromiyaa
ijoollee falman irratti yakkoota hamaa raawwachuurra taree itti
qoosuun isaa Oromoon yoomuu akka kulkulfatu nii taasisa.

Junaddin Saaddoo ergamtichi Wayyaanee booji’aman Tigiree kun
barattoota Oromoo 320  ol mooraan Yuunibarsiitii Finfinnee akka adabu
gochuu, irra taree miidiyaadhaan ibsa bara sana laateen “Barataan 320
kan ari’atamu yoo ta’e kun waan Oromoo miidhu hinqabu. Nuti barattoota
miseensa OPDO ta’an 1 yoo eebbifanne 1 OPDO barattoota 320 sana
caalti” oduu jedhu dubbachuunsaa ragas hinalamnedha. Hubadhaa: kan
ariisisurra itti qoosuun isaa daba guddaadha. Keessattuu barataan
tokkittiin hangam akka saba kanaaf barbachiftu dagachuudhaan
barattoota kana irratti Qoosaa dabaa qoosuunsaa baraan kan
hindagatamneedha.

Akkasuma baroota dhiyoo uummata naga nagaadhaan ba’ee murgasaa falmatu
irratti Wayyaaneen waraana bantee lubbu ilmaan Oromoo lakkoofsaan
hedduu baaftee, kumaan kan lakkaahaman madeessite irratti ibsa
Precedent Oromia Obbo Muktaar Laatan qoosaan inni foddaa miidiiyaa
Television tiin uummatarratti qoose baraan yaadatamaadha. Uummata
Agaaziin rukutte hameessuun isaa diinummaa OPDO ragaawwan duriirratti
dabalee raagesse. Kanaanis ” Agaaziin galata guddaa qabdu!” Jechuun
ajjeesuun keessan, uummata kana lafarraa daguguuf hojiin hojjettan
jajjabeeffamaadha. Jechuun isaa ibse. Kun qoosaa du’aa uummata
keenyaatti qoosamedha.

Bara bulchiinsa Lammaa  Magarsaa ykn Abbaa Arrabaa kana keessattimmoo
yakkoonni wayyaanee ka duriirra dunuunfatanii adeemaa jiru. Oromoon
ardaasaarraa buqqaafamaa jira. Qe’een Oromoo cufaatti hafaa jira.
Lafti Oromoo ciramee daamgaan biyya Oromiyaa ka duriirra kallattiin
cicciramee dhume. Tubboon Wayyaanee obbo Lammaa Magarsaas uummata
Oromoo akka waan aantummaa qabuutti dubbadhuutii dubbiin nuu sobii
TPLF tiin dubbatee uummata callisiise. Uummanni erga calliseemmoo
ittuu ajjeechaan dabale. Lafa Oromoo Booranaa, Gujiirraa, Harargeerraa
Baaleerraa kallattiin saamamuu egale. Project wayyaanee waggaa 26 tu
hojitti kallattiin seename.

Lola maqaa Liyyuu ayilii Sumaaleetiin uummatatti gadhiistee calliftee
ilaalte. Waraana uummatatti bobbaaften ardaa Oromoo hedduu saamtee
Oromoo harkaa baasuutti jirti. Odoltichi Lammaan Uummata luugamuuf
luugama bitame ta’e. Akkuma luugamamaaf bitametti luugama ta’ee
uummata Oromoo saamaisaa jira. Kana irra taree uummata Oromootti
qoosuu jalqabe.

Qe’ee warra nu ajjeesanii, warra nu ajjeesanii turanii qe’ee habashaa
deeme dhiichisuu jalqabe. Oromoon utuu ajjeefamuu, Oromoon utuu
ardaarraa buqqaa’uu. Akka Oromoon walakkaan  miliyoonaa buqqaa’aa jiru
utuu arguu uummata kanarraa diinaa deebisiisuurra dubbii uummata
ofitti hammachiisuufii danda’u arraba sobaan miidiyaa yaabbatee
hololuu jalqabe. Kanarrayyuu taree ardaa halagaa deemee nyaatee dhugee
“Ethiopia anaaf Suusiidha!” Jechuun uummata Oromootti qoose. Hubadhaa
kan nu miidhaa jiru sirna Ethiopia akka ta’e. Kaleessaas  Ethiopia
keessatti miidhamaa akka turre  utuu beekuu Oronootti baacuun Oromoo
tuffachuudha.

Akkuma kana Qondaala olaanaa OPDO obbo Nagarii Leencoo waraana
Oromootti banamee jiru, Oromoo miliyoona Walakkaa ol buqqaa’ee jiru
irratti badii muruusaa. Namoota qabaman keessaa muraasatuu Oromoo
sanaan abbaan badii Oromoo akka ta’etti lallabe. Kun qoosaadha. Kun
du’a keenyatti baacuudha.

Kanaaf nu ajjeesaa, nu dararaa, nu hidhaa, nu fannisaa, nu doorsisaa,
lafarraa nu buqqaasaa nutti baacuuf nutti qoosuun hundeen gogee baduu
qaba. Oromoon bakka maraa walii dirmachuu baannan Oromiyaan ciramtee
dhumteetti. Loltoonni Lammaan nuu leenjise jettanii eeggachaa turan
Meesha maleeyyii milishaa Sirna Wayyaanee bakkatti eegan, kanneen
dullaadhaan uummata Hiriira bahu reeban ta’uuf akka deemaanis shakkaa.
Loltoonni Oromiyaa kan uummata kanarraa diinaa dewbisuuf ga’umsa qaban
utuu ta’ee nii jajjabeeffamu. Ammas dhugumaan aantummaa nuuf
agarsiisuu taanan nii jajjabeeffanna. Taatus harka haadha Hormaarraa
Bilisummaa eeguun, utuu haati jirtuu gayyaa buddeen kadhachuun Oromoo
nutti hafuu qaba. Gurra qabaadhaa! Walii dhageenya. Dhugaadhaan
falmannee nagaa keenya deeffanna.

Horaa Bulaa
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: