SBO Fulbaana 27,2017. Oduu, Dhumaatii Irreecha irratti Onkoloolessa 2 bara 2016 mootummaa wayyaaneettin Raawwatame ilaalchisuun Gabaasaa HRW tibba darbe baase kessatti hirmaachuun Qooda guddaa kan qabu Dargaggoo Lammii Beenyaa Waliin gaaffii fi deebii taasifame kutaa 2ffaaf isa Xumuraa fi itti fufa Yaada Hirmaattota Kora Sabaa ABO 4ffaa akkasumas SBO sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Tapha Wallee Dhaamsa Jabaa Qabu.

Video

Wayyaaneen TPLF maqaa dhaabbata Lotorii biyyoolessaa jedhuun tooftaa saamichaa bal’isaa jira.

Aside

Fulbaana 26,2017/ Dhaabbanni lototii biyyooleessaa kan jedhan fakkeessuun uummata saamaa kan turee fi kan jiru akkasumas hidhaa laga Abbayyaaf jedhee uummaata immicha hin hubannee saamaa kan turee fi ammas kan itti jiru uummaata tattaafatatee Jireenya Isaa siqsuuf waan guyyaan argatan irraa kuufachuuf hixaa waliif darban irratti qaqqoobbii dhiyyeesse jiraachu namoonni quba qaban addeessan.
 Dhaabbanni kun namoota hixaa kana buusan isintu galii mootummaaf malu galii dhuumfaa keessanii gootani,akkasumas namoota akka lotorii hin kunne gochaa jira jechuun lukkeelee isaa gara namoota waan  kana hijjetanitti bobbaasee jiraachu namoonni waan kana dalagan Continue reading

Yaaneet Dinquu fi Caalaa Bultuume: “Abbaan Biyyaa Oromoo Dha Yaa Qeerroo”

Aside

Wallee Warraaqsaa Hawwisoo QEERROO Bilisummaa Arsaan Dhiigaa

Aside

https://youtu.be/cvefnnEr730

Mootummaa Wayyaanee raayyaa ittisa biyyaa jedhe beeksisa baasee jiraachuun beekame.

Aside

Image may contain: textFulbaana 25,2017/ Namoota haalli jireenyaa rakkisuudhaan gara wallaalchise walitti guuree raayyaa ittisa biyyaa jechuun dargaggoo funaanaa kan ture mootummaan abbaa irree Wayyaanee, har’as itti fufuudhaan dargaggootaaf beeksisa baasee akka jiru odeeffannoon kutaalee Oromiyaa adda addaa keessaa arganne ifoomsee jira. Dargaggoonni Oromoo carraan barnootaa isaan rakkisuufi haalli jireenya hawaasummaa isaanitti ulfaachuudhaan tarkaanfii raayyaa ittisa mootummaa wayyaanee ta’uudhaan hojjechuu ofirratti fudhataa akka turan namui quba qaba. Akkuma baroota darban irraa hubachuu dandeenyutti, ilmaan hiyyeessaafi harka qalleeyyii barnoota gahaa hin qabne funaanuun leenjii waraanaa kennee uummatyma ofiitti bobbaasuudhaan hojii diinummaa akka hojjetan taasisaa kan ture mootummaan Wayyaanee, yeroobammaa kanas hojii kanaaf carraaqaa akka jiru madden eeraniiru. Dargaggoota Oromoo gara humna waraanaatti fiduudhaaf tooftaa adda addaa fayyadamaa kan turte mootummaan Wayyaanee, tooftaa kanaanis milkaa’aa turteetti. Karaa itti dargaggoonni Oromoo gara leenjii waraanaatti seenuun humna ittisa wayyaanee ta’an keessaa tokko, dargaggoota biyya keessaa nageenya booressitan jechuudhaan Continue reading

Wayyaaneen TPLF Shira Saboota Walitti Buusuu Itti Fufee Jira.

Aside

Fulbaana 25,2017 Mootummaan Wayyaanee shira Oromoofi ollaa isaa walitti buusuu xaxaa turte ammas itti fufuun daangaalee Oromiyaa adda addaa keessatti rakkoon uumamaa akka jiru dhaga’ame. Yeroo dheeraadhaaf uummata nagaan waliin jiraataa ture walitti buusuudhaaf mootummaan wayyaanee adeemsa adda addaa deemaa turteetti. Uummata Oromoo oromiyaa bahaafi kibba baha Oromiyaa jiran uummata somaalee waliin walitti buusuudhaan nageenyi akka dhabamu taasisaa kan turteefi lubbuuf qabeenyi uummataa akka badu taasisaa jirti. Sababii walitti bu’insa kanaatiinis lubbuun oromoota hedduu kan darbeefi miidhaan ulfaataan uummata kanarra kan ga’e yommuu ta’u, Continue reading

“Isin Yaamti Harmeen” Lammii Baraaruuf Qooda Dargaggoota Oromoo Magaalaa Gimbii

Aside


Continue reading

Artiistotaa Oromoo – Yaa Oromoo Lammii Koo Walii Birmannu 2017

Aside

“Haati Dhiiraa Hin Boossee” Eliyaas, Seenaa, Heenook J & Keeyeroon

Aside

https://youtu.be/SpBeWCTL52M

Continue reading