Wallee Warraaqsaa Hawwisoo QEERROO Bilisummaa Arsaan Dhiigaa
Aside
Fulbaana 25,2017/ Namoota haalli jireenyaa rakkisuudhaan gara wallaalchise walitti guuree raayyaa ittisa biyyaa jechuun dargaggoo funaanaa kan ture mootummaan abbaa irree Wayyaanee, har’as itti fufuudhaan dargaggootaaf beeksisa baasee akka jiru odeeffannoon kutaalee Oromiyaa adda addaa keessaa arganne ifoomsee jira. Dargaggoonni Oromoo carraan barnootaa isaan rakkisuufi haalli jireenya hawaasummaa isaanitti ulfaachuudhaan tarkaanfii raayyaa ittisa mootummaa wayyaanee ta’uudhaan hojjechuu ofirratti fudhataa akka turan namui quba qaba. Akkuma baroota darban irraa hubachuu dandeenyutti, ilmaan hiyyeessaafi harka qalleeyyii barnoota gahaa hin qabne funaanuun leenjii waraanaa kennee uummatyma ofiitti bobbaasuudhaan hojii diinummaa akka hojjetan taasisaa kan ture mootummaan Wayyaanee, yeroobammaa kanas hojii kanaaf carraaqaa akka jiru madden eeraniiru. Dargaggoota Oromoo gara humna waraanaatti fiduudhaaf tooftaa adda addaa fayyadamaa kan turte mootummaan Wayyaanee, tooftaa kanaanis milkaa’aa turteetti. Karaa itti dargaggoonni Oromoo gara leenjii waraanaatti seenuun humna ittisa wayyaanee ta’an keessaa tokko, dargaggoota biyya keessaa nageenya booressitan jechuudhaan Continue reading
Fulbaana 25,2017 Mootummaan Wayyaanee shira Oromoofi ollaa isaa walitti buusuu xaxaa turte ammas itti fufuun daangaalee Oromiyaa adda addaa keessatti rakkoon uumamaa akka jiru dhaga’ame. Yeroo dheeraadhaaf uummata nagaan waliin jiraataa ture walitti buusuudhaaf mootummaan wayyaanee adeemsa adda addaa deemaa turteetti. Uummata Oromoo oromiyaa bahaafi kibba baha Oromiyaa jiran uummata somaalee waliin walitti buusuudhaan nageenyi akka dhabamu taasisaa kan turteefi lubbuuf qabeenyi uummataa akka badu taasisaa jirti. Sababii walitti bu’insa kanaatiinis lubbuun oromoota hedduu kan darbeefi miidhaan ulfaataan uummata kanarra kan ga’e yommuu ta’u, Continue reading