
Finfinneen “Dantaa Addaa” Osoo Hintaane Qaama Dachii Dhaloota Oromiyaati
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.
TPLF mata-duree ‘’Bu’aa Addaa Ummatni Oromoo Finfinnee irraa argachuu qabu”jedhuun torban kana wiixinee tokko labsuun isaa ni yaadatame. Wiixineen kun karaa haqaa dantaa sabni Oromoo Finfinnee irraa argachuu qabu heeruuf kan yaadamee osoo hintaane, ijibaata TPLF bara angoo bittaa isaa dheereffachuuf saganteeffate ta’uu isaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo jala harriqee hubachiisuu fedha.
Finfinneen qaama dhaloota Oromiyaati. Oromiyaa irratti abbaan Ummata Oromooti. Ummatni Oromoo bulchiinsa biyya isaaf eyyama ilmaan TPLF argachuu isa hinfeesisu. Finfinneen Maqalee ykn ammoo Aduwaa miti. Finfinneen wiirtuu Oromyaa, jiddu-galeessa buufata Ilmaan Oromooti. Finfinneen dachee akaakilee fi abaabileen keenya baroota dhufaa darbaaf irratti wal horaa jiraataan, qee uuman nu badhaaase malee daangaa ijoolleen Tigiraayi waraqaadhaan sarartee nuuf qooddu miti. TPLF dhimma Oromoo fi daangaa Oromiyaa irrati murtee tokkoyyu kennuuf angoo itti hinqabdu. Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo biyya abbootiin keenya dhawaataan nutti dabarsan eegachuuf, kunuunsuu fi taliiguuf mirga fi dirqama guutuu itti qabna. Continue reading
Takkaa gowwoomuun waan jiru. Bara Baraan gowwoomuun garuu harrummaa malee gamnummaa miti. Mootonni Habashaa yaroo humni isaanii dhabee haxxawwa mee lafa irraa baduuf jedhu gamnumaa fi haxxumaa haaraan as bahuun amala isaa isa duraa ti. Namoota Oromoo keessaa warra jabaa tahan qabatee akka harree itti fe’amee bara dabarfachuu fi lubbuu dheerefachuu deddeebi’ee mulachaa jira. Erga rakkoo isaanii bahanii aangoo isaanii jabeefatanii booda uummatichaaf miti harroota isaanii kanaafuu ulfinaa fi bakka guddaa hin qaban. Akka saree gad baasanii darbuun salphinaaf saaxilu. 