Hamma tuffatamtu utuu beektee?

Aside

Waliin dubbii Saree fi Harree

Image result for dog and donkeyToora facebook Abdiisaa Guuttataa jedhurraa


Saree : Jirtaa akkam yaa abbaa Gurra guddaa?
Harree : Jira akkam abbaa morma Furdaa?
.
Saree: Akkam dugdikee madaan fayyee?
Harree : Humaa hin jedhu hayyee
.
Saree : Hamma tuffatamtu utuu beektee…
Harree : Hamma jibbamtu utuu bartee…
.
Saree : Dugda madaan baattee halaakta
Harree : Tuffatamaa jiraatta
.
Saree : Akka Sangaa hin kunuunfamtu
Harree : Atis akka Adurre hin kabajamtu
.
Saree : Ba’aa hormaaf dalagaasaaf Harki si dhubba
Harree : Siinimmoo alaaf manaa martuu si jibba
.
Saree : Gaafa ba’aa si waammatu
Harree : Karraaf qe’ee si eegsifatu Continue reading

“Yaa Baraa” SQn Qophawe

Aside

Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 Ilaalchisee Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroon Qindaawe

Aside

Dabballoonni Wayyaaneen TPLF Qonnaan Bultoota Bishaan Qulqulluu Isinii Baafna Jedhanii Gowwomsaa Jiru

Aside

Ebla 11,2017/ Dhiyeenya kana mootummaan Wayyaanee baha Wallaggaa Waayyu Xuqaa keessatti tajaajila bishaan dhugaatii isinii galchina jechuun gowwomsaa guddaa hawwaasa naannoo Moloo, Guftee, Oddoo, Burqaa,keessa jiraatan sossobuuf yaalaa ture. Warraqsa hawwaasaa itti dhaamsuuf bishaan guddaa laga Waamaarraa tubboon hidhamullee tubbii laastikaa irraa hawwaasa ittiin sobachuuf kan yaale waa daddabarsuuf yaalullee onoota Sana keessatti erga gaafa galee qabee utuu guyyaa tokko hin turin dhohuun uummatni hanga waan dhugy dhabutti gahee jira. Ololli miudiyyaarraa dubbatamuuf waan arginu Marti wal qabachaa hin jiru jechuunis komataa jiran. Continue reading

Wallaggaa Waamaa Naannoo Qassoo Keessatti Loltooti TPLF Uummata Saamaa Jiru.

Aside

Ebla 11,2017/ Godina Wallaggaa Waamaa naannoo Qassoo jedhamtuuf bakkeewwaan aanaa Sana jalaa jiran keessatti maqaa inshuraansii Fayyaa jedhuun maallaqa 250 quote bulaa tokkoon buusaa jechuun walga’iin ganamaa galgala dhiphisaa jiraachuuf uummati diduu isaa odeessi argame IFA godha.Haaluma kanarraa ka’uun hattoota gurmeessuun yakkoota waggoota danuuf itti gargaaramaa tureen uummata saamaa kan jiru yoo ta’u hattoota kana harka lafa jalaan tajaajilaa uummataan hattuu isinirraa tasgabbeessinaa jechuun IJA diimaan maallaqa kennaa jechuun gidirsaa jiran. Continue reading

DUBARTOOTA OROMOOFI AADAA OROMOO:

Aside

 Dubartiin Haadha, Obboleettiifi Haadha Manaati: Oromoon Dubartootaaf Kabajaa Guddaa qaba!!

Beekan Erena (http://beekanguluma.org)

Aadaafi Dubartoota

Dubartoonni caasaa hawaasaa keessaa tokkodha. Akkuma caasaa hawaasa tokkoottis gaheefi dirqama isaanii ba’uu keessatti bakka guddaa haa qabataniyyuu malee, sirnoota adda addaa addunyaan keenya keessa darbite keessatti, sadarkaa hawaasaa keessaa akka gadi antummaatti, ilaalamaa turaniiru. Biyya keenya keessattiis, jechootaafi mammaaksa xiinsammuu dubartootaa miidhuun akka hacuucamaa turantu himama.  Waa’ee jechootaafi afoola xiinsammuu dubartootaa miidhan kana hayyuun Mutero Joy  jedhamtu kitaaba ishee (Sunday Nation, july 11, 1999, p.16), jedhmau keessatti yoo ibsitu “…traditional folktale have had negative effect on the development of young girls as long as they condition the girls to accept the institution of marriage as the ultimate way of life…” Muteroon barruu ishee keessatti Afoolli keenya maaliif dubartoota gadi qaba jechuun falmiti. Uummanni Oromos, yeroon booda dhiibbaa biyyoota yookaan saboota ollaa kana qooddachuun, yaada gadi aantummaa dubartootaaf qabu calaqqisisuu haa eegalu malee, akka sabaatti Oromoon ilaachi dubartootaaf qabu daran guddaa akka ture kan agarsiisan immoo ragaalee hedduutu mul’ata. Continue reading

Mootummaan TPLF Godina Arsii lixaa Aanaa Adaabbaa gandoota adda addaa keessaa Oromoota hedduu qabuun himannaan irratti bane.

Aside

Ebla 9,2019 /Godina Arsii lixaa gandoota Aanaa Adaabbaa keessatti loltooti TPLF Oromoota hedduu walitti qabanii hidhuun dararaa jirturratti himannaa dharaa irratti banuun,Manca’uu qabeenya qarshii Miiliyoona 3O Oliitin himattee jirti,

Maqaan Ilmaan Oromoo Godina Arsii lixaa Aanaa Adaabbaa gandoota adda addaa keessaa qabamuun himannaan dharaa murna bicaa Wayyaaneetiin irratti banamuudhaan mana murtii walii galaa Oromiyaa dhaddacha kibbaa magalaa shaashamanneetti,yakki himannaa seeraa bara 1996 bahe keewwata 32(1A,B)fi 239 darbitanii jirtu jechuun himannaan isaanirratti baname

  1. Adam Yaassin H/ Waadoo Qonnaan bulaa ganda Laajoo
  2. Wubushet Hayla Mikaa’el Qotee bulaa ganda Laajoo
  3. Ganna Hasan Waaqoo Qotee bulaa ganda Laajoo
  4. Abbuu Huseen Fatoo Qotee bulaa ganda shaayaa jibboo
  5. Huseen Jaanoo Guyyee Qotee bulaa ganda Buuchaa
  6.  Umar Abdii Kadiiroo qotee bulaa ganda Gadeedoo
  7. Awwal Qaasim Amboo daldalaa Aloolaa Continue reading

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ebla 9,2017

Aside

ABO Risaa Tahuu Qaba

Aside

Damee Boruu Irraa

Image result for OromiaABO erga akka kaayyoo bilisumm ti  bu’uraa’ee gara waggaa afurtamaa tahaa jira. Akeeka kana bakkaan gahuuf qaroon ilmaan Oromoo lakkoobsa hin qabne dhiiga isaanii itti lolaasanii lafee isaanii itti tareessanii jiru. Kaayyoo bilisummaa kana irratti ilmaan Oromoo warri dammaqinsa gahaa gaban utuu Kaabaa Kiba , Bahaa Dhiha hin jennee gamtaan wareegama qaalii baasanii darbaniiru. Har’as guca bilisummaa  qabatee jiru galmaan gahuuf ilmaan Oromoo kumaataman irratti kitimaa jiru.

Utuu ilmaaan Oromoo qaroo tahan lubbuu isaanii kenanii kaayyoo Bilisummaa kana irratti hin ciccinee sabni Oromoo bakka har’a jiru kana jiraachuu danda’a jennee  hin yaadnu. Qabsoon bilisummaa bu’aa bahii guddaa qaba. Beelaa’uu,  dheebochuu, dhukkuba adda addan dararmuu, aduun gammoojii keessatti waadamu, bokkaan tumamuu , harka diina itti kufanii waxxalamuu fi isa dhumaa aarsaa tahuutu jira. Continue reading

Waajjira ABO Godina Lixa Shaggar Magaalaa Jalduu Bara 1991/ Galmee Seenaa

Aside

 Tolchaa Wagii irraa
Videeon kun Bara 1991 Waajiira ABO Jalduu keessatti qohii qopheesine
irratti Jarsoliin keenya yeroo eebbifatanii alaabaa isaanii fanifatan kan ilaaludha.

Continue reading