Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaatti Barsiisaa Tasfayee Cimdeessaa Waraana Koomandii Poostii Wayyaaneen reebichaan ulfaataan irra gahe.

Aside

Ebla 3/2017 Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaatti Barsiisaa Tasfayee Cimdeessaa Waraana Koomandii Poostii Wayyaaneen reebichaan ulfaataan irra gahee du’aaf jireenya gidduu jiraachuu Maddeen Qeerroo Lixa gabaasan.
Waraanni Koomandii Poostii Wayyaanee Ilmaan Oromoo mooraa mana hidhaa Waraana Wayyaanee Xoollaayi keessatti hidhamanii hiraarfamaa erga turanii boodaa mootummaan wayyaanee maqaa leenjii haaromsaa jedhuun olola kijibaa hidhamtoota hiraarsaa jiruu irratti ofuun waanan jedhee dirqamaan fudhadhu jechechuun eenyuummaa namummaa isaanii kan gaaffiikeessa galchisiisaa ture dhummarratti hidhamtoota keessa muraasa gadi lakkisuun ni yaadatama. Yeroo amma kanattis hidhamtoota hiraarfamaa turanii hiikjaman hordofee yakka ajjeechaa, hidhaa fi reebichaa suukkaneessaa irratti raawwacha jira. Continue reading

Aside

Image may contain: 7 people, people smiling, text