Qabsoo Qarayyoo Ilmaan Sabaatiin Jalqabamte Galiin Gahuuf Cufti Ilmaan Oromoo Bakkayyuu Kaanee Dirqama Oromummaa Keenya Bahachuun QBO Itichuuf, Diinota Qabsoo Keenyaa Addaan Baafnee Beekuun Murteessaadha.
Ibsaa Gaaddisaa irraa

Yeroo ammaa Sochiin Qabsoo Bilisummaa Oromoo guddatee sadarkaa Ol aanaa irra gahee jira. Ilmaan Oromoo addaatti ammoo Sabboontotni sabaa sadarkaa garaagaraa keessatti haala adda addaan qooda irraa fudhataas turan;fudhataas jiru.Waan ta’eefis Kanaan booda qabsoo kana wanni of booda deebisu tookkollee hin jiru.
Lukkeelee diinaa garaaf jiraatan ykn gantoota dantaa isaaniitiif jecha diina jala fiiganiin ala, yeroo ammaa irra guddeessi ummata Oromoo hiree isaa akka sabaatti ofii murteeffachuu kan hin feene hin jiru.
Jarreen garaaf bulan kunneen QBOn yoo gufate dantaa isaanii miti.
Har’a nyaatanii buluu fedhu waan taheef. Dhiigni ilamaan Oromoo Qabsoo bilisummaa Saba isaaniif jecha akka Lolaa gannatti dhangala’ee isaan hin gubu. Lubbuun sabboontota qaqqaalii qabsoo kana irratti wareegamee fi lafeen ilmaan Oromoo baddaaf gammoooojjii keessatti dantaa saba isaaniif jecha harca’ee awwaalcha dhabee isaaniif homaa miti. Yeroo diinni qacalee ilmaan Oromoo fuuldura isaaniitti dhiiga lolaasu akka waan hin argineetti callisanii bira darbuun reeffa saba isaaniirra tarkaanfatanii lammii isaanii dabarsanii bineensaaf laatu. Oromoon akka sabaatti ilmaan Yartuu akkasii qabaa? Jennee wal hin gaafannu. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk