Bitootessa 03,2016 Godina Wallaggaa aanaa Bojii Coqorsaa mana barumsaa Giddaa Biqiritti mormii mudateen barattootni heedduun rasaasaan rukutamanii barataan Isaayaas Gabayyoo jedhamu immoo akkuma hospitaala Najjoo gaheen lubbuun darbeera. Barattootni rukutaman muraasni 1. Eebbaa Caalaa 2. Fiqiruu Yaadataa 3. Badhaasaa Fiqaaduu jedhamu.
Daily Archives: March 3, 2016
Yuunibarsiitii Jimmaa Raafama Guddaa Keessa Jirti
Aside
Bitootessa,3,2016
Gochi mootummaa shororkeessaa keessaattuu erga Uummata bal’a Oromootti Waraanaaf gocha diguuggaa sanyii raawwachuu eega Warraaqsi
uummata hudhee kan qabe yoo ta’u gabroonfattoota TPLF Itti xumura gochuuf sochiin Qeerroo rog-arfanirraa sodaaf raafama guddaa keessa galcheera
Haaluma kanaan diddaan Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaa Har’a haaromfamee eegale kun guutummaa moorichaa jechuun humna diinaa mooraa sana keessaa raafama guddaa keessa galcheera.dhukaasii gurguddaan hamma magaalaa Jimmaa socio I sitti barataatti dhukaafamaa
jira.gurmuun Qeerroowwanii sodaa tokko malee dhaadannoo jajjaboo dhageesisaa jiru
_Humni waraanaa Oromiyaatti ramadame nuuf haa had-dhiisu
_mootummaa xinnaaf guddaa keenya ajjeesu nii balaaleffanna
_Gochi duguuggaa sanyii nurratti lallabame haa dhaabbatu
_Nuti abbaa qabna abbaankeenya ABOn nu haa bulchu
jechuun dhaadannoo jajjaboof walleewwan warraaqsaa gurguddaan akka itti fufetti jira wallee warraaqsaa tuuta Qeerroo irraa dhaga’amaa jiru
#Sifan lola Oromo narra hin gorttu
Siifan lola Yaa WBO narra hin gortu
Naannawaa Finfinnee Aanaa Sullultaa Keessatti Abbootiin Qabeenyaa Oromoo Ta’an Loltoota Wayyaaneen Dararamaa Jiru.
Aside
Bitootessa 03,2016 ,Naannawa Finfinnee Aanaa sulultaa keessatti mootummaa faashistii Wayyaanee abbootii qabeenyaa dhuunfaa konkolaataa qaban mana hidhaatti guuruun dararaa garaagaraa irraan gahaa jira.
Akkuma beekamu guyyoottan lamaan darbe konkolaachisttoonni magaalaa finfinnee mormii isaanii hojii dhaabuun dhageessisaa turaniin walqabatee mootumamaan wayyaanee raafama keessa galuun namoota konkolaataa qaban mana hidhaatti guuraa jiru.
1ffaa ob. Birhaanuu Taklee
2ffaa ob. Takkaalegn Mangistuu
3ffaa ob.Birhaanuu Addunyaa
4ffaa ob Salamoon fayyisaa
5ffaa dar. Xilahuun Birhaanuu fi namoota bioo nam 12 dabalatee guyyaa harraa kana mana hidhaa Aanaa sulultaa magaala caancotti darbatamuun dararaan garaagaraa irratti raawwatamaa jira.
Hiriira Mormii Sirna Wayyaanee Irratti Qabeenya Mootummaa Badeef Ummanni Akka Deebisee Kafalu Jechuun Dabballooti Wayyaanee Duula Jalqaban.
Aside
Bitootessa 3,216 ,Wallaggaa Bahaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa magaalaa Adareetii keessatti mootummaan Wayyaanee uummata keenya ajjeese seeratti dhiyaachuu dhabee, konkolaataa miliyoona kudha lamaatti herregamutu caccabe diinagden bades kanaa oli jechuun waan kanaaf ammo uummanni baadiyaa fi magaalaa mootummaaf bakka buusuu qaba jechuun horii guuraa akka jiru beekamee jira.
Kanaaf uummati keenya nutuu qabeenyaa keenya waggoota hedduuf saamameen kan hin himatin,lubbuu nama du’eef illee utuu hin gaddiin kaabinooti mi’a yoomuu caccabuun hin hafneef uummata keenya gidirsan guyyaa “bara birraan barii’e” jedhanii Hayyoonni akka darban booru gaafatama seenaa keessa akka nama buusu hubachiisuu feena
ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ: የሳም:ንቱ: ዜና:: (SQ )March 2, 2016
Aside
Aside
Godina Wallaggaa Aanaa Jaarsoo keessatti Motummaan namaa nyaata… Warrannaa isaa ummaataa nagaa irraattii bobasuun ilmaan Oromoo akka bineessatii reebama jiru.. Eda galgalaas ummataa reebuun meeshaa irraattii dhukkasaa bulanii jiru…yeroo darbees namoota manaa
isanii itti cabsuun reebichaa hammaa kaneen isaan irraattii fudhatan gabaasun keenya ni yaadatama! Ummannii yaaddoof sodaa guddaa keessa
jira