Warraaqsii Biyyaalessaa Oromiyaa FDG Itti Fufe!!

Aside

Muddee 21/2015 Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaatti Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa daran jabaachuun kaleessa galgala qabsiifame Guyyaa Har’aas Gootottni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Waraana Wayyaaneetiin hiraarfamaa jiru, Mooraan Yuunibarsiitii jimmaas Waranumaan Dhunfatame jira.
Barattootni Oromoo kaleessa galgala jechuun Muddee 20,2015 Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa guddicha (main campus) keessaa waraana mootummaan guuraman namoota 55 ukkanfamuun Magaalaa Jimmaa wajjiraa Poolisiitti Guuramuun hidhaman. Barattootni Hedduun Reebamanii midhaa guddaan irra ga’ee Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Yuunibarsiitii Jimmaa (JUSH) galfamanii jiru, akka namni itti siqee hin gaafannee waraanaan eegamaa jiru.

WARRAAQSII FDG DARAN JAJJABACHUUN BAKKOOTA HEDDUU FINIINAA JIRA

Aside

Mudde 21/2015 Warraaqsii biyyoolessaa oromiyaa FDG Godina Horroo guduruu keessatti Jabaachuun itti fufe,Warraaqsaa guyyaa har’aa Magaalaa Haratoo keessatti gaggeeffamaa jiruun hanga ammatti Ilmaan Oromoo Madaa’an 8 ga’aniru,.
Godina Lixa Shaggar aanaa Gindabaratitti Diddaan Uummataa daran Jabaachuu Guyyaa kaleessa irraa eegaluun daandiin Konkolaataa Gara Abunaa gindabarat geessuu bakkoota hedduutti cufamuun waraannii wayyaanee daandii banuuf rakkoo ulfaataan muddamee jira.
Aanaa Meettaa Roobii keessatti Yakki Waraanaa ilmaan oromoo irratti rawwatameen lubbuun namoota hedduu galafatame, hanga ammaa reffii namaa barbaadamaa jiraachuun ibsame jira. Gabaasaan itti fufa.

Godina Horroo Guduruutti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa Magaalaa Haratootti daran Jabaachuun Itti Fufe,

Aside

Mudde 21/2015 Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatii Magaalaa Haratoo keessatti Gootota Qeerroo Barattootaa Oromoo M/B Haratoo sadarkaa 2ffaa,Qophainaa fi sadarkaa 1ffaa, Barsiisota ,Hojjettootaa fi qonnaan bultootaan daran Jabaachuun itti fufe.ilmaan Oromoo 4 rasaasaan madaa’an.

Hanga gaaffiin Mirga abbaa biyyuummaa, gaaffiin karaa nagaa fi dimookiraatawaa taeef deebiin sirnaa kennamutti Warraaqsii keenya itti fufa jechuun Goototni Oromoo godina horroo Guduruu guyyaa haraa Warraaqsaa gaggeeffama jiru daran jabeessuun itti fufuun, labsii waraanaa kan Mootummaan Wayyaanee EPRDF Uummata karaa nagaa falmatu irratti labse gadi jabeessuun balaaleffatan. Mootummaan atattamaan ajjeechaa , hidhaa fi shororkeessaa nurraa dhaabuu qaba, kanneen hidhaman attattamaan gadhiifamu qabu, kanneen wareegamaniif mootummaan gaafatamuu qaba, waraannii nurraa kaafamu qaba jechuun warraaqsaa ganama irraa eegaluun finiinsuutti fufan.

Mootummaan Wayyaanee akkuma amalasaa human waraanaa guddaa uumatatti bobbaasuun namootni 4 rasaasan madeeffamuu fi namootni lama lubbuun haala sodachisaa keessa jiraachuu madden keenya gabasan. Yeroo amma kana Magaalaan Haratoo Dirree Waraanaa Fakkaatti.

Daandiin konkolaataa Shambuu gara haratootti Geessuu fi Haratorraan gara Fincaaaatti geessuu bakkoota hedduutti cufamee jira gabaasaan itti fufa.

Wallagga Magaalaa Mandii Keessaa Maanguddoonnii fi Dargaggoonni Qaroo Ukkaamfamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Muddee 22.2015

Jaarsolii fi Dargaggoonni qaroo uummata Oromoo ta’an magaalaa Mandii keessaa uukkaamfaman

Jaarsolii kanneen akka

 

  1. Oljirraa Dibaar
  2. Oljirraa  Guutaa
  3. Miizanaa Gammadaa

Jaarsolii biyyaa umurii 75 olii yeroo ta’an,jimaata darbe mana cabsuun humni tikaa Wayyaanee ukkaamsee achi buuteen isaanii dhabamera

Guyyuma kana Barsiisaa Qananii Geetaanee dargaggoota magaalaa Mandii wajjin qabamee achi buuteen isaanii dhabamee

Yeroo ammaa kana magaalaan Mandii dargaggootii fi jaarsoliin hawaasi kan keessa hin jiraanne ta’uun beekamaadha!