Muddee 21/2015 Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaatti Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa daran jabaachuun kaleessa galgala qabsiifame Guyyaa Har’aas Gootottni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Waraana Wayyaaneetiin hiraarfamaa jiru, Mooraan Yuunibarsiitii jimmaas Waranumaan Dhunfatame jira.
Barattootni Oromoo kaleessa galgala jechuun Muddee 20,2015 Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa guddicha (main campus) keessaa waraana mootummaan guuraman namoota 55 ukkanfamuun Magaalaa Jimmaa wajjiraa Poolisiitti Guuramuun hidhaman. Barattootni Hedduun Reebamanii midhaa guddaan irra ga’ee Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Yuunibarsiitii Jimmaa (JUSH) galfamanii jiru, akka namni itti siqee hin gaafannee waraanaan eegamaa jiru.
Jajjabaadha nutis siniwajjin jirraa “gabrummaa hiddaan buqifna dhadhabnus ilmaan itti guddifnaa” j Waaqoo guututu abdii dheeraa onnee keenyaaf hima. Injifannoon kan ummata Oromooti!
tokkummaan humna !injifannoon uummata oromootiif!
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist