Finfinnee fi Buraayyuu Hin Laatnu, ABO Leellisuun Warraaqsi Bilisummaa Aanota Godina Wallaggaa Hedduu Keessatti Itti Fufee Oole.

Aside

Gabaasa Qeerroo Wallaggaa Muddee 1,2015

Godina Wallagga  dirree Warraaqsaatti jirjjiramtee jirti, yeroo Ammaa kana FDG Godina Wallagga Aanotaa garaagaraa kanneen akka Ayiraa Gullisoo, Laaloo Asabi , Jaarsoo, Mandii,Gimbii,Najjoo, Qilxuu Karraa, fi Aanota garaagaraa keessatti haalan jabachuun kan itti fufee jiruu dirmaanna uummata qonnaan bultoota baadiyyaa argachaa kan jiruu ta’uun madden keenya gabaasan.
Caalmadhumatti immoo guyyaa har’aa kana AANAA GULLISOO MAGAALAA GULLISOO keessatti FDG uummataa fi dargaggootan haanan jabaachuun itti fufe jira. Mootummaan wayyaanee waraanaa guddaa bobbaasee dhukaasaa guddaa barattoota fi uummata karaa nagaa falmachaa jiru irratti dhukaasuus FDG dhaabuu hin dandeenye, Warraaqsaa kanaan Magaalaa Gullisoo keessa naanna’uu sagaalee mormii jabaa erga dhageesisanii booda dhaadannoo guddaa dhageesisuun . Warraaqsa kana keessatti bakka hundattuu uummatni fi Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo dhaadannoo dhageesisaa turaniin sagalee guddaan Master Piliaaniifinfinnee balaaleffachuu fi ABO Irree fi gaacha uummata Oromooti, ABOn nu haa bulchu, ABO’n Biyya hin Gurguru, ABO mirgoota dimookiraasii fi namommaa ni kabachiisa jechuun jaalalaa fi kabaja guddaa ABOf qaban ifatti argisiisuun gabaafame. Dhukaasaa guddaa gaazii summaa’aa fi meeshaa gurguddaa dhukaasaa kan ture ta’uun ibsame. Gabaasaan itti fufa…

Gaaffiin Mirgaa Barattoota Oromoo Magaalaa Gimbii fi Gullisoo Keessatti Itti Fufee Oole.

Aside

Reebichii fi Gochaan Hammeenyaa Mootummaa Itiyophiyaa Hagam Itti Fufus FDG Hin Dhaabbanne‏, Magaalaan Naqamtee Waraanaan Marfamte.

Aside

Muddee 1,2015 Naqamte

Dhiigni barattoota daftaraa fi qalama malee hin qabne dhangala’ee seenaan dhaaba OPDO haagatafu jechaa har’a Muddee 1,2015 FDG akkuma
jirutti tahee godinoota Oromiyaa fi Yuuniversitiiwwan keeysatti jabeffamee jiraachuun haqa qabeessa. FDGtu gaggeeffame jennee waan addaa goonu osoo hin taanee ammas dirqamni uummata Oromoo fi jaarmaa qabsoo bilisummaa oromoo Qeeyrroo Bilisummaa dhaaba keenya ABO dhan hoogganamaa diddaa finiinaa jiru oromiyaa waliin gahuu irraa boodatti kan hin deebine ibsaa, godinoota oromiyaa keeysatti FDG finiinaa akka jiru yuuniversitiiwwan kanneen akka Haromayyaa, Bulee Horaa, Madda Walaabuum Mattuu fi Amboo keeysatti haala wal fakkaataa fi wal irraa hin cinneen hin dhaabbatin jira, haatahu malee Diddaan itti fufuun hanga mootummaa wayyaanee abba irree xumuraatti kan itti fufu tahee miidhawwan waraanni wayyaane yeroo ammaa kana gaggeeysaa jiru saaxiluu ykn gabaasuu feena.
Har’a Muddee 1/2015 godina wallagga lixaa aanaa Ayira Gulisootti FDG gaggeeffamaa jiru adda taasisetu tahe. Kan adda taasisu waraanni
Wayyaanee akkanatti heddummatu oromiyaa keessaa bakka qubate hin qabu uummannis heddummina waraana wayyaanee kanaaf hin jilbeenfanne. Tarkaanfii gara jabdummaan uummata naga iratti fudhatame kan garaa nama nyaatu maanduggoo, harmootii, daa’imas osoo hin jenne reebichi hamaan irratti fudhatame turtii sa’a 2:00 oliif magaala Ayira Gullisoo keessatti adeemsifamee jira. Kun ammas uummata sodaachise osoo hin taane uummanni daandii cufeedhuma dhaabbatee jira. Ganama sa’a 1:00 irraa kan egale haga amma sa’a 9:00tti FDG reebichi, hidhamuun osoo jiru hamma dhumnutti ejjennoo keenya hin jijjiiru jechuun daa’imaa hanga maanguddoowwaniitti daandiitti bahanii falmii gaggeeysaa jiru.
Kaleessa Sadaasa 30,2015 walgayii OPDOn uummata aanichaa iddoo tokkotti waamteen uummanni Billaa qara qabu, Dullaa, Eeboo fi
dhagaadhaan ariyee aanichaa baasuun ture, sababa kanattis humnoonni uummata duuba jiran ABO fi Qeerroo Bilisummaa jechuun tarkaanfiin
fudhatame jira ammas uummanni kaayyoo isaatti booda hin jennu jechuudhaan itti cichee FDG finiinsa jira.
Baha oromiyaa yuuniversitiiwwan garagaraa keesatti har’a kan egalee jiru FDGn barattootni har’a dhadannoo dhageesisaa oolanii jiru.
Barataan, uummanni hidhaatti guuramuun amala mootummaa wayyaanee tahus kana jala bu’uudhaan kannen FDG Sadaasa 2015niin hidhaman uummataaf dhiyeessina.

SBO MUDDE 02,2015. Oduu fi Sochii FDG Oromiyaa keessaa akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Gaaffiin Mirgaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Haromayaa Itti Fufe.Mootummaan Wayyaanees Diinummaa Oromoof Qabu Ifatti Muldhisaa JIra.

Aside

Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuuniversitii Adaamaa Ibsa Baasee Doorisisuu Eegale.

Aside

Gaazeexaa Leelloo Tokkicha Afaan Oromoon Oromiyaa Keessatti Maxxanfamaa Jiru.

Aside

Leelloo-2ndLeelloo 2nd edition Updated 22 (1)

“Ka’i Yaa Oromoo Obsa Fixatteetta!” Walaloo Gootittii Oromoo fi Qeerrittii Biiftuu Galmoo

Aside

Wallagga,Anaa Jimmaa Arjootti Bulchiinsi Aanaa fi Bulchiinsi Magaalattii Uummatis Bulchiinsota Kana Wajjin Waliitti Bu’uun Wallolaa Jiru.

Aside

Muddee 1,2014 Arjoo Wallagga

IMG_20151128_042247Qeerroon Jimmaa Arjoo akka hubachiisetti waliitti bu’iinsi kun kan uumamuu danda’eef sababa BOSONA TABBA ARJOOTI jedha.

Bosona Tabba Arjoo bosona uumamaatti dabaluun kan dhaabe uummata naannoo tabba kanaa jiraatu yeroo ta’u, bulchiinsi magaalaa Arjoo immoo kaartaa pilaanii Magaalaan itti qaba jechuun,bosonicha gurgurate Wayita uummanni Bosonni Oromiyaa guutuu mancaasaa jirutti callisnee hin ilaallu jechuun bosona Arjoo ciramaa jirutti ba’an bulchiinsi Jimmaa Arjoo kana girguruun nu ilaala jechuun bulchiinsa magaalattifi uummaticha wajjin wal dhabuutu himame.

Uummatichi yeroo ammaa kana Bosonni tabba Arjoo gonkumaa hinciramu jechuun mormii jabaa dhageessisaniin achuma aanicha keessa bakka leenjii humna waraanaa wayyaaneetii loltuu bobbaasuun uummaticha ba’aaf gala dhorkachaa fi uummaticha akka jeeqa jiran beekameera

Uummatichis humna loltuu kana jalaa utuu hin dheeffin,mee muki tokko bosona kana keessaa haa cittu jedhee eeggachaa akka jiru qeerroon gabaaseera.

Mootummaan Wayyaanee Godina Ilu Abbaa Booraa Bakka Lamatti Qooduuf Murteessee Baajeta Sekterootaa Ammoo Gutummaatti Irraa Dhaabuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Muddee 1,2015 Mattuu

IMG_20151128_120329Bulchiinsi Godina Iluu Abbaa Booraa :-Godina Buunnoo Beddelleefi Iluu Abbaa Booraa jedhamtee iddoo lamatti ba’uuf haal dureen marti xumurame yeroo jedhamu kanatti sekteroonni mootummaa jaha godinicha keessaa bajata hin qabani bajati ramadames hanga ammaa isaan hin geenye jedhameera

Qeerroon Beddellee akka nutti himetti yeroo ammaa kana godinicha guutuutti waajjirri hojjettoonni Waajjira galii galii eenyuuf galchina? galiin nurraa galu guddaa ta’ee utuu jiruu sekteroonni jaha galii ittin socho’anirra darbee,waggaa darbe sektara dargaggoof ispoortii aanaa Cawwaaqaa akka fakkeemnaatti yoo fudhanne miindaa waggaa keessaa kan ji’a torbaa qofatu kaffalameefi. Kanaafuu eenyuuf galii galchina jechuun warri gaaffii kana kaasan akka diinatti ilaalamuun himati irratti banamee akka jirus beekameera. Godinni Iluu Abbaa Booraa bal’inaafi haala mijataa qaburraa yoo ilaalame Godina lama mitiitii afurittii yoo ba’e kan hojii saffisiisu ture.Haata’u malee,akeeki OPDO guddinaaf utuu hin taane olola siyaasaatiif itti fayyaduufidha.

Yeroo ammaa kana Magaalaan mattuu Ibsaa hin qabdu bishaanuma magaalattii keessa burqu ijaarsa irratti ijaaranii bishaan qulqulluu uummatichi dhuguurra uummatichi konkolaataadhaan torban keessatti kontiraataan gurma’anii waraansofatu.

Gama hundumaan Iluun buna,bosona yaayyoo kan uummata Oromoo boonsu galii biyyaa ta’u qabaattus faayidaan uummatichi irraa argatu homtuu hin jiru Dachee badhaatuu kana keessatti namni bilbilaan wal hin argu sababisaa neetworkiin kibba lixa Oromiyaa immoo addatti rakkina qaba waan jedhamuufi Walumaagalatti, Iluu Abbaa Booraa fi uummati Oromoo yeroo ammaa kana mootummaa garboomfataa kanaan saamamaa jira waan ta’eef kaanee falmachuutu nuuf furmaata
Ka’i Qeerroo!