Mootummaan Wayyaanee FDG Adeemsifamaa Jiru Dhaabuuf Jecha Manneen Barnootaa Cufuu Eegale!‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Naqamtee,Sadaasa 26,2015

img_1448503140873Duulli Faccifannaa mirga Abbaa biyyummaa Qeerroo barattootaan adeemsifamu jabaatee itti fufee akka jiru beekamaadha.

FDG adeemsifamu Afaan qawwee fi tooftaawwan gara garaan doomsuun akeeka TPLF tigiraayi fi ergamtuushee OPDO kan ta’e guyyaa har’aa kana torban tokkoof misoomaan maatii keessan tumsaa jechuun torban tokkoof manneen barnootaa Naqamtee cufaman

Barattooti mana barumsaa sadarkaa duraa Daaloo dhaadannoon jalqaban poolisaan akkuma bittinneessameen,barattoota sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa Naqamtee poolisaan eegaman barataan tokkollee akka harka wal hin qabannes taasisaman. Yeroo dhuma kana barattooti manneen barnootaa

  1. Biiftuu Naqamtee
  2. Kaatolikii Naqamtee
  3. Dargee Naqamtee

Torban tokkoof barnoota akka dhaabanii maatitti galan karaa daayirektera isaanii kan itti himame ta’uu qeerroon hubachiise

Gama biraan Torbee isaatti Wiixata darbe hiriirri nagaa keessa deebiin Giddaa Ayyaanaa tti geggeessamee waan tureef,konkolaataan fi imaltoonni gara giddaatti qaxxaamuran ni sakkata’amu Magaalaa Naqamtee keessatti tikoonni gartokko mana diigsisaa,gartokko immoo warra ABO ti jedhaman akeekkachiisaa jiru Miirrii fi Haamileen uummati keenya FDG dhaan agarsiisaa jiru kun hanga Bilisummaa tti tokkoo tokkoo keenyaan akka tumsamu dhaammatna

Godina Lixa Shaggar Aanaa Dandii Magaalaa Giinciitti M/B Giincii Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina Mormiin Master Plan Finfinnee fi Magaalota Oromiyaan Wal Qabatee Ka’een Oromoonni 70 Ol Loltoota Wayyaaneen Qabamanii Seeraan Ala Hidhamuu Qeerroon Gabaase

Aside

Gabaasa Qeerroo Sadaasa 26,2015

Because I am OromoWarraaqsa Bilisummaa gaafa Sadaasa 22,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Dandii Magaalaa Giinciitti Goototni barattootni Oromoo M/B Giincii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina Mormiin Master Plan Finfinnee fi Magaalota Oromiyaan irratti gaaffii mirgaa karaa nagaan dhiyeeffachuun hiriira mormii waan gaggeessaniif barattootaa fi uummata Oromoo jirattoota magaalaa Giincii dabalatee namootni 70 olitti lakka’aman humna waraanaan ukkanfamuun Hidhaman.
Aanaa Dandii Magaalaa Giinciitti goototni barattoota Oromoo M/B Giincii Sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi Qophaa’inaa akkasumas uummata Oromoo jirattoota magaalaa Giincii dabalatee hiriirrii mormiin itti fufinsaan gaggeessuu fi barattootni barnoota dhaabuun FDG kaachisuun gaaffii mirga abbaa biyyummaa karaa nagaa dhiyeeffachuun wal qabatee ilmaan Oromoo nagaan 70 olitti lakka’aman humna waraanaan ukkanfamuun hidhaman, gariin isaanii immoo eessa buuteen isaanii hin beekamu. Sadaasa 21/2015 Mormii Masterplani Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa walqabatee FDGdaran jabeessuun hiriiraa mormii guddaa Magaalaa Giincii keessatti gaggeeffameen wal qabatee mootummaan Wayyaanee humna waraanaa fi poolisoota Federaalaa hidhachiisuun uummata karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafachaa jiruutti dhukaasa meeshaalee waraanaa fi dhukaasaa gaazii summaa’aa uummatarratti banuun yakka reebbichaa suukkaneessa barattootaa fi uummata jiraattoota magaalaa Giincii irraan kan ga’an ta’uun ibsame jira. Barattootaa fi uummata nagaas Afaan qawween dirqisiisuun konkolaataa waraanaan ukkamsuun hidhaatti guuraa kan turan ta’uun hubatamera, haaluma kanaan barattootaa fi uummatni walumaa galaatti namootni 70 olitti lakkaa’aman ukkan famanii yeroo amma kana dhaabbata Leenjii Poolisii Godina Lixa Shaggar Sanqalleetti ukkanfamanii hidhamuu madden keenya gabaasan, maqaa namoota hidhamanii keessa kan yeroof maqaan nu qaqqabee jiru:
1. Barataa Ciibsaa Baanee barataa hojii guyyaa hojjetee barnoota galgalaa baratu, akka malee reebamee midhaan qaamaa guddaan irra
qaqqabee kan jiru.
2. Barataa Lammiif Baanee
3. Barataa Baacaa kan jedhamu
4. Barataa Bojaa Katamaa
5. Addee Hiiwoti Naggasaa jiraattuu magaalaa Giincii mana
nyaataa’Jiinenuus’’ jedhamu kan qabduufi
6. Addee Yergalem Tafarraa
7. Getachoo kan jedhamuu jiraataa magaalaa Giincii, hojii konkolaachisa.
8. Barsiisaa Nuureddiin Asiree barsiisaa mana barumsaa Giincii sadarkaa 2ffaa
9. Barsiisa Dalasaa
10. Obboo warquu Dirriibaa jiraataa magaalaa Giincii
11. Obboo Abdiisaa Dhugumaa jiraataa Magaalaa Giincii
12. Barsiisaa Badhaasaa
13. Barsiisaa Kabbabaa Barsiisa
14. Giddiisaa kan jedhamu hojjetaa wajjira dhimma dubartootaa aanaa Dandii, kan ta’ee humnoota waraanaan reebamee miidhaa guddaan kan irra
qaqqabee jiru.
15. Obboo Raggaasaa Qaanqessaa hojjetaa manajera gandaa kan ta’e, uummataa kakasaa jirta jechuun ukkanfame. Walumaagalatti ilmaan Oromoo
irraa Caalaan Isaanii barattoota Mana Barumsaa Giincii Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa kan ta’an ilmaan Oromoo 70 olitti lakkaa’aman humna
waranaan ukkanfamuun barattootni fi jiraattootni Magaalaa Giincii hedduun isaanii buufata Leenjii Poolisoota Lixa Shaggar Sanqalleetti
hidhamuun dararamaa kan jiran yoo ta’uu kaan immoo eessa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun ibsamee jira.
Mootummaan wayyaanee yakka ulfaataa uummata nagaan gaaffii mirgaa gaafachaa jiru irraatti waraana bobbaasuun yakka rawwaachaa jiru,
guyyaa kaleessaa Sadaasa 22/2015 humnaan jiraattoota Magaalaa Giincii umriin gannaa 18 ol kan taataan walqa’ii ba’uu qabduu jechuun uummata
dirqisiisuuf yaaluus, uummatni magaalaa Giincii diddaa guddaan dura dhaabbachaa kan Olee ta’uun ibsamee jira.

Kaabinooti Wayyaanee/OPDO Wallagga Godina Qellem Ona Jimmaa Horroo Keessatti Duula Wal Irratti Bahuun Walii Isaanii Wal Nyaataa Jiraachuu Qeerroon Gabaase‏

Aside

Sadaasa 26,2015 Gabaasa Qeerroo D.Doolloo

Gaggeessitoota OPDO olaanaa ona Jimmaa Horroo kan tahan keessaa Malkaamuu Raggaasaa itti gaafatamaa bulchiinsa magaalaa ona Jimmaa Horrooti. Yakka ittiin himatamuudhaan wayyaaneen hiite Kaartaa fi Pilaanii magaalaaf qarshii uummata irraa aangootti fayadamee funaanuun
dhimma dhuunfaa isaaa irra oolchatuun yeroo ammaa mana hidhaa Karchallee jira. Kaabinee wayyaanee/OPDO olaanaadha. Inni itti aanu Ayyaalehu Akkumaa jedhama. Kunis qondaala OPDO aanaa Jimmaa Horroo irraa hojjetu gaafatamni qabus itti gaafatamaa waajjira qonnaa aanaa Jimmaa Horrooti. Namootni waajjira isaa keessatti isa waliin hojjetan Siraaj Maammud, Taammirat Waaqjiraa fi Nagaasa Dhiinaa isaan kun qonnaan bulaa yoo tahanis isaan kun wal tahuudhaan gargaarsa biyya bakkee irraa kenname faayidaa dhuunfaa isaanii irra oolchuudhaan hidhamanii akka jiran Qeerroon kan gabaaseedha. Kan biraan akkasuma Wayyaanee hoji irraa ariyaa akka jirtu kanneen keessaas itti gaafatamaa mana marii Waaqtolaa Jaallataa kan jedhamu dhimma yeroof adda hin baaneen hojii irraa gaggeeffamuu gabaasni Qeerroo kann ibsuudha. Haala kanaan aanaa Jimmaa Horroo irratti hojjetootni Wayyaanee kaabinno wal nyaachaa wal irratti duulaa hidhaati wal geessuun gabaafamaa jira.

Warraaqsa Biliisummaa Ka’een Wal Qabatee Wallagga Magaala Najjoo Keessaa Manneen Barsiisotaa Sakkata’aa Jira.Barattooti FDG Itti Fufan.

Aside

Sadaasa 25,2015 Gabaasa Qeerroo Magaala Najjoo
OromiaALutaContinua2011FDGAkkuma beekamu har’a FDG lixa Oromiyaa fi giddu galeessatti haala Wayyaanee yaaddeesseen eegalee jira. lixa wallaggaa Najjoo fi Mandii irratti akka eegale gabaasnee jirra. Magaala Najjoo irratti manneen namootaa sakatta’amaa jira humnaan dirqiisiifamee, manneen barsiisotaa akkasuma sakata’amaa jira. barataan tokkkos humna federaala W ayyaaneen reebichi hamaan irratti raawwatee haala yaaddeessaa keessa jiraachuun gabaafameera. Magaala Mandii irratti hiriira mormii taasifameen waraanni wayyaanee mormii kana dura dhaabbachuu irrayyuu dhukaasa baneen namootni lamaa olis madoo tahanii akka jiran gabaasaan addeessaa jira. magaalota kanneen lamaanitti ijoolleen hedduun hidhamaa akka jiranis gabaasanii jiru. Itti fufuudhaan magaala Dambi Doollootti humni waraana wayyaanee diddaan achittis ka’a jedhamee waan shakkaniif har’a waraanni achitti ramadame uummanni nurraa deemaa isin hin barbaannu jechuunis fincila kaasan. Har’a ganama irra kaasuudhaan magaala DD keessa humni waraanaa buufate jira. poolisoonni fi milishootni gara uummataa dhaabbachuun diddaa uummataa deggeran.

Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo FDG Magaalaa Dirree INCINNII (Dirree Badhaas) Keessatti FDG Mormii Maaster Palanii fi Gaaffii Mirgaa Abbaa Biyyummaa Kaasuun Waraana Wayyaanee Waliin Walitti Bu’iinsi Ta’e.

Aside

Gabaasa Qeerroo Aaanaa Xuruur Inninnii Sadaasa 25,2015

diddaa9Sadaasa 25/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa XUQUUR INCINNIItti FDG Galgala Kan eegale Goototni uummatni Oromoo fi Gootootni Qeerroon
Barattootni dargaggootni Oromoo FDG Magaalaa Dirree INCINNII(Dirree Badhaas) keessatti dhoosuun Mormii MASTER Plan Finfinnee fi Labsii
Magaalota Oromiyaa Irratti Dabarfame Mormuun Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa Dhiyeeffachuu warraqsa guddaa gaaggeessa jiru.
Fincilli Guddaan galgala kana uummataa fi qeerroo dargaggoota Barattoota Oromoon qabsiifame kun Kaabinoota ergamtoota wayyaanee
Karoora Maaster plan Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa dirqamaan fudhachuu qabdu jechuun uummataa fi dabballotaa ishaa dararaa jirtu
irratti Tarkaanfii fudhachuun UUmmatni FINCILAtti seene. Tarkaanfii fudhachaa jiruu kanaan Uummatni mana galmaa kaabinootaa fi ergamtuu
Diinaa OROMIYAA dabarsitee gurgurachaa jirtuu fi Oromoo hiisisaa fi Ajeesisaa, Ragaa sobaa irratti qindeessuun Shira dalagduu irratti Mana
Galmaa Diiguun uummatni HALKAN KEESSA SA’AA 1:00n FDG kaan eegalee Magaalaa XUUQUR INCINNII Yeroof uummanni to’achuu danda’ee jira. Halkan keessaa sa’aa 2:00 Irratti Warraanni Wayyaanee humna darbatamaa jedhamuu Magaalaa Gudar egaa kan jiruu Konkolaataa Sadiin XUQUR INCINNIItti ergamuun Waraana guddaa uummatarratti banuun Magaalaa Dirree Incinnii(DIrree Badhaas) dirree waraanaatti jijjiramee jira, Uummatni Mana galmaa kaabinootaa fi dabballoota ergamtuu diinaa hedduu diigee, biyya keenya Oromiyaa gurgurtanii, Oromoo ajjeesisaa fi
hiisisaa nu keessa hin jiraattan jechuun, Fincilli Uummataan gaggeeffamaa jira. Gabaasaa Guutuun walitti deebina

Lixa Wallaggaa Magaalaa MANDII Mormii MASTER Plan Finfinnee Fi Labsii Magaalota Oromiyaa Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa FDG Kaasan,Loltooti Mootummaas FDG Dhaamsuuf Jecha Gaaza Summaawaa Dhimma Bahaa Jiru.

Aside

DiddaaHar’a, Sadaasa 25/2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Wallaggaa Magaalaa MANDII FDG Mormii MASTER Plan Finfinnee Fi Labsii Magaalota Oromiyaa Irratti Dabarfame Mormuun Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa Dhiyeeffachuun Fincila Dhoosuun Daandii Konkolaataa Magaalicha Keessa Jiru Cufuun Waraanaa Wayyaanee Waliin Wal Dura Dhaabbachuun FDG Dhoosan. Barattootni Oromoo Lama Rasaasa Wayyaaneen Rukutamuu Maddeen Keenya Gabaasan.
Goototni Barattootni Oromoo Magaalaa Mandii sadarkaa 2ffaa hanga sadarkaa 1ffaatti jiran Fincilli Kun Akkuma kan Magaalaa Amboo
Eeggichaa guddaan humna Waraana WayyaaneMagaalaa Mandii fi Dhiha Wallaggaa Irra qubsiifameen humnaa ol eegamaa utuu jiruu, Goototni
barattootni Oromoo Mandii FDG dhoosuun diina dura dhaabbachuun falmii mirga abbaa biyyummaa fi mormii Master Plan Finfinnee fi Magaalota
Oromiyaa akka haqamuu gaafatan. FDG kun Godina Lixa Wallaggaa Aanaawwaan Kanneen akka Mandii, Najjoo magaalaa Najjoo,Qiltuu Karraa,
Gorii fa’aa keessatti uummataa fi barattootaan finiinaa jiraachuun ibsame jira.

Mootummaan abbaa irree Nafxanyaan wayyaanee TPLF/EPRDF/OPDO jedhamtu gaaffii uummataa karaa nagaan itti dhiyaachaa jiruuf deebii afaan qawwee fi rasaasa gochaa kan jirtu humna waraana Agaazii fi kora Bittinneessaa barattootaatti bobbaasuun dhukaasaa irratti banuun
barattootni lama Magaalaa Mandii keessatti rukutamuu madden keenya gabaasan.
Mootummaan Wayyaanee dhukaasaa guddaa uummata irratti banuun addatti immoo HIRIIRAA MORMII QABSIIFAMEE IRRATTI DHUKAASA GAAZII SUMMA’AA IJA NAMA BOOSISUUN DEEMICHAA NAMA DHORKUU dhukaasuun uummata gooluun warraaqsaa uummataa dura dhaabbachaa kan Olte ta’uu Maddeen ibsame jira. Warraaqsa uummataa fi Gootota ilmaan Sabaa Qeerroo barattoota Oromoon Godinaalee Dhiha Oromiyaa Amboo,Mandii, Giincii, Najjoo ,fi Giddaa Ayyaanaatti qabsiifameen Oromiyaan gara dhihaa Waraanaa fi dirree FDGtti jijjiramaa jirti. FDG kun Godinaalee Oromiyaa fi Maagaaloota Gurguddoo Biyyatti keessatti jaabaatee kan itti fufuuf kutannoo fi murannoo guddaan qabsaa’otni Qeerroon dargaggootni Barattootni Oromoo irratti hojjetanii xummuruu ifa godhan. Mootummaan wayyaanee akkuma amaleeffannaa isaa network fi ibsaa dhihaa Oromiyaa irraa balleessuu itti fufee jira, bakka jirtaan hundaa karaa danda’amu hundaan barruulee warraaqsaa walitti daddabarsuun harka wal qabannee ni falmanna.Gabaasaa Itti fufinsa FDG godinaalee Oromiyaa gaggeeffamaa jiruun walitti deebina.Qabsoon haalaan finiinuu eegalee kun kan hin dhaabbanne ta’uu uummaatni dugda duuba jira. hanga KAROORRI MASTER PLAN FINFINNEE fI MAGAALOOTA OROMIYAA haqamutti fi Gaaffiin Mirga abbaa biyyummaa deebii argatutti qabsoon wal irraa hin citnee jabaatee
itti fufa!!

Barattooti Oromoo FDG Oromiyaa Keessatti Eegalan Sadaasa , 2015

Aside

Breaking News : Guyyaa Har’aa Sadaasa 25/2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Mormii Maaster Palanii Finfinnee Fi Gaaffii Mirga Saba Oromoof FDG Bifa Adda Ata’een Dhoosan,Daandiileen Konkolaataa Wallagga Geessu Cufame.

Aside

Sadaasa 25,2015 Amboo Gabaasa Qeerroo

ambo

Sadaasa 25,2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo FDG mORMII MASTER Plan Finfinnee fi labsii magaalota Oromiyaa irratti dabarfame fi gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa dhiyeeffachuun fincila dhoosuun Daandii konkolaataa gara dhiha Oromiyaa fi Wallaggatti dabarsu cufuun waraanaa wayyaanee waliin wal dura dhaabbachuun FDG dhoosan.

Guyyaa har’a ganama sa”aa 1:30 irraa eegaluun Magaalaa Amboo keessatti goototni barattootni Oromoo M/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa, M/B Liibaan Maccaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi M/B Carii Amboo sadarkaa 1ffaa fi dargaggootni Oromoo Magaalaa Amboo walitti dhufuun magaalaa Amboo utuu waraanaa wayyaanee guddaan eegamaa jirtuu FDG dhoosuun daandii Konkolaataa Finfinnee gara Dhiha Oromiyaa fi Wallaggatti dabarsuu cufuun hiriira mormii akkuma eegalanitti Waraana wayyaanee nafxanyaa hamma funyaanitti hidhate waliin wal dura dhaabbachuun Mormii guddaan itti fufee jira.
Goototni Barattootni fi Dargaggootni Oromoo lubbuun wareegamna malee, hidhatti ukkanfamna malee Oromiyaan kan uummata Oromooti, jechuun Karoorrii Master Plan Finfinnee fi Magaalota oromiyaa irratti xiyyeeffatee karooraa guddaa kan Oromoo lafarraa balleessuu ”DUULA GENOCIDE” jechuun goototni barattootnii fi Qeerroon dargaggootni Oromoo Magaalaa Amboo FDGtti seenan. Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mormii master plan Finfinnee bara 2014 dhiyeeffanneef deebiin nuuf kennamuu qaba, sabaaba karaa nagaa gaaffii mirgaa fi mormii Master Plan Finfinnee dura dhaabbatneef ilmaan Oromoo 80tti jumlaan Amboo keessatti fi Oromiyaa keessatti ajjeefamaniif Mootummaan itti gaafatamuu qaba, kanneen jumlaan ukkanfamanii hidhaman hiikamuu qabu,
Masterplaniin Finfinnee Haqamuu qaba, gaaffiin barattoota Oromoo Giincii gaaffii keenya deebii argachuu qaba, kanneen giincii irraa dheengadda hidhaman hiikamuu qabu jedhuu fi Gaaffii mirga abbaa biyyummaaf kan bilisummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba gaaffii jedhu dhiyeeffachuun goototni Qeerroon barattootni Oromoo fincila dhoosan.
Yeroo amma kanatti daandiin konkolaataa Finfinnee Gara dhihaa Oromiyaatti dabarsuu fi Wallaggatti geessuu magaalaa Amboo keessatti yeroof cufamee jira, Waraanni Wayyaanee hiriiraa mormii dargaggoota barattoota Oromoo dura dhaabbachuuf daandii cufuun hiriiruun gaazii summaa’aa barattoota irratti dhukaasuu eegalan, Sochiin mormii warraaqsaa kun itti fufee jira.. Gabaasaa guutuu waraabbii sagaalee dhaadannoo fi suuraa qabanne walitti deebina…. FDG golee Oromiyaa
cufa keessatti itti fufa!!

Barreessaan Kitaaba UDDEELLAA Kan Ta’e Dargaggoo Galataa Caalaa Baayyisaa Tikoota Wayyaaneen Ukkaamfame.

Aside

Sadaasa 25,2015 Ganjii

GalataaGodina Wallagga Lixaa Aanaa Ganjii irraa barreessaan kitaaba UDDEELLAA, kan ta’e Galataa Caalaa Baayisaa jedhamu tika Wayyaaneen qabamee bakka buuteen isaa dhabamee jira. sadaasa 21/2015 galgala keessaa sa’a 10:00 magaala Ganjiitii qabamee waajira poolisii aanichaatti geeffamee ergasii dhabamuu Qeerroon gabaasee jira. Barataa leenjii barsiisota Naqamtee waggaa 3ffaa yoommuu tahu kitaaba Uddeellaa mata
duree jedhu barreessuu fi gabaa irra kan jiruu dha. Ilaalcha siyaasaan wal qabsiisuudhaan waajjjira poolisii godina wallagga lixaa aanaa Ganjiitti namni isa waliin harka diinaa gale Obboleessa isaa Qadiidaa Caalaa Baayisaa fi Takkaaliny Bantii Baayisaa kan jedhamu yeroo ammaa kana Oromoonni kun bakka buuteen isaaniii dhabamee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.
Wayyaaneen yeroo ammaa ilmaanOoromoo sabboonumma qaban yakka malee hidhatti guuraa jira. Maqaa sodaa ijaarsa uummataa mootummaa irratti jedhuun dargaggoota oromoo sabboonoo tahan irratti wayyaaneen xiyyeeffannoo gattee doorsisaa fi hidhaatti naqaa akka jirtu gabaasni Qeerroon oromiyaa bakka garagaraa irraa addeessee jira.

Uddeellaa

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Sadaasa 24,Bara 2015

Aside