Marii Ogeessota Fayyaa Magaalota Impaayera Itiyoophiyaa Garaa Garaa Keessatti Geggeeffamurratti Dhimma Maaster Pilaanii Kan Mormu “Dhiphattootaa Fi Ergamtoota Isaaniiti” Jedhchuu Hogganoonni Wayyaanee Dhadatan.‏

Aside

Sadaasa 30.2015 Naqamte

Embedded image permalinkMootummaan Wayyaanee Ogeessota fayyaa kanneen tarsiimoo sirna abbaa irree Wayyaanee hin fudhatanii bifa siyaasaan ogeessa fayyaa jedhaman  leenjiin siyaasaa ogeessa maraaf laatamuu qaba jechuun magaalota akka Hawaasaa, Jimmaa, Maqalee, Adaamaa fi Baahirdaaritti laatamaa jira. Kanuma irraa ka’uun guyyoota lamaan duraaf dhimma rakkoo fayyaa hawaasa biyyattii waggaa 25 boodas fooyyee akka hin agarsiisin jiruu fi kunimmoo hanqina geggeessumaa sadarkaan jirurraa kan maddu ta’uu kaasanii mari’ataniiru. Ta’us ogeessotni fayyaa quuqama hawwaasaa qabanii fi mootummaa kana ifatti morman hanqinni kun kan madde imaammatichi haala qabatamaa biyya keenyaan utuu hin qoratamin kallattiin biyyoota alaarraa kan fudhatame ta’uu, hooggantootni tajaajilamuu hawaasaa utuu hin ta’in gabaasa miidhagsuu fi baay’isuu kan filatanii fi kunimmoo dhaabichumarraa kan baratan ta’uu, akkasumas hojjettootni ekistenshiinii fayyaa gandatti ramadaman hojii siyaasaa malee waayee fayyaa hawaasichaaf yeroo kan hin qabne ta’uu ifatti itti himaniiru.
Guyyoota lamaan kanaan booda, waliigalatti ajandaan fayyaa dhiifamee gara saamicha lafaa kana mariisisuutti kan galan yoo ta’u, guyyaa hardhaa aanga’oonni Pilaazmaa TV dhaan galmoota shanan kanaaf ibsa Guyyaa hardhaa, Sadaasa 30, 2015 kennaniin “Dhimma Maaster Pilaanii Finfinnee Kan Mormu Dhiphootaa Fi Ergamtoota Isaaniiti, Dhimmi Kun Dhimma Misoomaati, Misooma Dura Kan Dhaabbatummaa Daandiirraa Maqsuuf Qophiidha” jechuun qaanii malee, tuffii uummata Oromoof qaban ibsuun dhaadannoo isaanii irra deebi’aniiru. Ogeessotni Godinaalee Oromiyaa garaa garaarraa bakkichatti argamanis tokkummaan yaadicha mormuuf ejjennoo qabatanii jiraachuu isaanii gabaasaan bu beeksisaniiru. Keessaayyuu guyyaa borii mormiu ol anaan akka mudachuu danda’u ni eegama. Kanaaf jedhan Qeerroleen Ogeessotni Fayyaa, dhiimi kun dhimma lafaaf lafee keenyaati waan ta’eef salphumatti Ameen jedhamee kan fudhatamu miti, uummatni Oromiyaa Lixaarraa akkuma wareegama kaffalaa jiru, qaamonni Oromiyaaf dhaabbatan marrii fi lammiilee fi jaallattootni Oromoo gamtaan ka’uu qabu, jechuun ejjennoo isaanii ibsaniiru.

Iyyannoo Barattoota Oromoo Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Hunda Irraa Dhiyaate

Aside

Iyyannoo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Harammayyaa

Bulchiinsa Yuunibarsiitii Harammayyaaf

                                   Harargee

QeerrooNuti dargaggootni barattootni Oromoo yuunibarsiitii Harammayyaa DUULA cunqursaa fi Gidiraa Maqaa Master Plan Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa Federaala jala galchuuf Caffeen Oromiyaa raggasisee jiru wayita dhageenyetti gadda guddaatu nutti dhagaa’ame. Uummatni keenya Oromiyaa badhaatuu keessa utuu jiruu mootummaa isa misoomsuu fi mootummaa wabii uummataa dhaabbatu dhabuun balaa beelaan lafarraa duguugame dhumaa jiruu yeroo aginuutti obsinee tenyee ilaaluuf boqonnaa dhabnee waan jirruuf iyyachuuf dirqamnee jirra. Bara 2014 Karoora master plan Finfinnee hin fudhannu jennee gaaffii mirga abbaa biyyummaa karaa nagaan waan gaafanneef mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO jedhaman humna waraanaa of harka qabu nurratti bobbaasuun ilmaan Oromoo dhobbootaan lakkaa’aman daa’imman ganna 8 hanga manguddoo ganna 80tti kanneen umriin isaanii keessatti argamu dabalatee ilmaan Oroomoo guyyaa saafa loltoota mootummaan ajjeefamaniif mootummaan itti gaafatamummaa fudhachuu diduun dhiiga ilmaan Oromoo irra ejjechuun karoora master plan Finfinnee fi Karooraa Magaalota Oromomiyaa Federaalaa jala galchuuf dabballoota mootummichaa kan maqaaf ‘ Caffee Mootummaa naannoo Oromiyaa’ ofiin jedhan karoora master plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa federaala jala galchuuf karoorfame kan raggasisuun gadda gadda caaluu nutti ta’ee jira. Iyyannoo Barattoota Oromoo Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Hunda Irra.pdf 22

Oduu Ammee:- Wallagga Magaalaa Ayiraa Keessatti Diddaan Barattoota Oromoo Itti Fufe Jedha Gabaasi Qeerroo.

Aside

Sadaasa 30,2015 Ayiraa Gullisoo

Yes We Can!!!FDG har’a Sadaasa 30,2015 Oromiyaa dhaabbilee barnootaa fi godinale garagaraa keeysatti itti fufee jira.
Odeessa amma nu qaqqabaa jiruun
1.Godina wallagga lixaa aanaalee garagaraa keessatti torbee darbe FDG finiinee jiru osoo wal irraa hin cinne hanga har’aatti jabeeffamee itti fufeera. Bifa haaraadhaan har’a barattootni mana barumsaatii bahuudhaan Wallagga aanaa Aayiraa keessatti dhagaa fi dullaa qabachuun dhaadannoo dhageesisaa humna waraana wayyaanee diddaa kana dura dhaabbatuuf ramadame waliin lola gaggeeysaaa oolaaniru. Barattoota deggeruudhaan qonaan bulaan diddaa magaala Ayiraatti barattootaan qabateen itti hirmaachuudhaan wal’aansoo fi dhaadannoo dhageesisaa jiru. Maanguddooliin akkasuma gaaffii barattootaa ni deggerra jechuun daandii bahan. Sagalee barattootaa dhaadannoo dhageessifameen sirbootni qabsoo sa’a kana ganama irraa kaasee kan itti fufeedha. Godinaalee mara magaalota keessattis haaluma wal fakkaadhaan itti fufee jira.
2.Dhaabbilee barnootaa garagaraa keeysattis diddaan qabatee akkuma jiru har’a Yuuniversitiin Haromayyaa hiriira bahaniin dhaadannoo dhageesisaa kan turan yoommuu tahu waraanni wayyaanee kora bittinneessaa fi waraanni agaazii jedhamu barattoota dhaanuu irratti kan argameedha. Barattootni hedduun kan miidhaman yoo tahullee diddaan barattootaan qabate kan itti fufee hn dhaabbatiin jiruudha.Yuuniversitii biroon Mattuu, Jimmaa, Amboo fi Adaamaa dabalatee humni waraanaa naannoshee buufatee akka jirus Qeeyroon nuuf addeessee jira.

Breaking News :- Aanaa Jaarsoo Gandi Baadiyyaa Haro Birruu Jedhamu Gutummaatti Mormii Sirna Wayyaaneen Diddaa Irra Jiru.Barattooti Oromoo 3 Waraana Wayyaaneen Rukutamanii Madoo Ta’an.

Aside

Sadaasa 30,2015 Gabaasa Qeerroo Jaarsoo

Jaarsoo har'aaWallagga Aanaa Jaarsoo baadiyyaalee adda addaa fi gandoota baadiyyaa Haro Birruu jedhamu keessatti uummanni gamtaan ka’ee diddaa guddaa deemsisaa jira.

FDG aanaa kana keessatti ta’een wal qabatee barattooti Oromoo sadii rasaasa Wayyaaneen rukutamanii buufata fayyaa aanaa Jaaroo keessatti waldhaanamaa jiru haala Kanaan barattootaa fi qonnaan bulaa akkasumas jiraattota aanicha keessaa manneen hidhaatti guuraman hedduu waan ta’aniif ammatti guutuutti adda baafachuun nama dhiba.Jaarsoooooo

Haala walii galaan aanaan Jaarsoo qabsoo farra gabrummaa olaanaa keessa galanii jiru,waraanni Wayyaanee humnaa ol ta’uu irraan humna dabalataa Gimbii irraa yaammatee naannichi dirree lolaa fakkaachuun waraana Wayyaaneef buufata ta’aa jira.

Barruuleen Warraaqsaa Qeerroo Tamsa’uu Kan Itti Fufe Yeroo Ta’u FDG Qellem A/Jimmaa Horrootti Ka’een Jiruun Baattooti Oromoo Ukkamfamaa Jiru.

Aside

Sadaasa 30,2015 Qeellam

23Godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo keessatti halkan edaa dargaggootni goototni Oromoo dhaadannoo dhageesisaa fi waraqaa qabsoo adda addaa maxxansaniin FDG qonnaan bulaa, hojjetaa fi maanguddoota osoo hin jenne  saamicha lafaa fi karoora Maaster Pilaanii dura dhaabbannee fesheleessuu mirkaneessu qabna jechuun diddaa taasifamaa buleen har’a itti fufee jira. akka maddi odeessa nu gahe ibsutti kaleesa sadaasa 29/2015 manneen uummataa keesattuu dargaggoota mana qaban sakatta’aa ooluun gabaafamee jira. sakatta’iinsi taasifame kunis diddaa kan itti jabeesseedha. Halkan edaa mirga keenyaaf ni falmanna, oromiyaaf ni wareegamna jechuun barattootni godina Qellem aanaa garagaraa keessatti waraqaa maxxansanii buluun kan beekame yoommu tahu har’a akka odeessi nugahetti aanaa Jimmaa Horroo keessatti FDGn finiinaa jiruun dargaggootni fi barattootni humna waraana wayyaaneen ukkaamfamaa jiru. Humni waraanaa magaala Jimma Horroo keessa buufatee dirree waraanaa fakkeessanii jiru. Dhaadannoon barattootaa itti fufe. Qonnan bulaan, xiqqaadhaa hanga guddatti, milishootni fi deggertootni QBO hunduu FDGtti hirmaatanii jiru. Ganama kanaaf isin FDG qindeessitu jedhamee kanneen ukkaamfaman keessaa dargaggoota muraasa maqaan nu qaqqabee jiru

  1. Saamu’eel Masgabaauu –barataa
  2. Abbushaa Buzaayyoo- barataa
  3. Raamataa Tashoomee
  4. Raamataa Solomoon
  5. Milkiyaas Addisuu fi
  6. Saamsoon Solomoon

Kanneen jedhaman sabboontotaa fi Qeerroo oromoo magaalaa Jimmaa Horroo keessaa har’a lafa barii sa’a 12:00tti ijoolleen kunneen waraanan qabamanii bakka buuteen isaanii dhabame.

Sadaasa 30/2015 Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Harammayyaa Warraaqsaa Bilisummaa Kaasuun Gaaffii Mirgaan Mootummaa Wayyaanee Sardaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Naqamte1Sadaasa 30,2015 Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Harammayyaa Warraaqsaa FDG dhoosuun gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa dhiyeeffachuun karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa mormuun Warraaqsa Finiinsuun Waraana Wayyaanee Waliin Waldura dhaabbatan. Haromayaa
Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Harammayyaa FDG golee Oromiyaa dhihaa keessatti finiinaa jiru daran jabeessuuf har’a ganama barii irraa eegaluun gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa fi Mormii master Pilaanii Finfinnee fi labsii magaalota Oromiyaa Mormuun FDG bifa jabaa ta’ee fi qindaa’een Iyyannoo gaaffii mirga Abbaa biyyummaa Oromoo gaafatuufi duula duguuginsa sanyii maqaa master Pilaanii Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaan wal qabateen Mootummaan abbaa irree Wayyaanee uummata Oromoo qe’ee fi qabeenyaa dhabsiisuuf karoorfatee Oromoo
lafarra duguuga jiru irrattimormii guddaa dhiyeeffachuun .Haromaya

Iyyannoo gaaffii waliigala rakkoo haala yeroo uummata Oromoo mudatee jiruu irratti qindeeffachuun gaaffiilee 11 kan of irra qabuu aangawoota bulchiinsa Yuunibarsiitii Haramayyaatti kennuuf sochii gochaa akkuma jiranitti Waraanni Wayyaanee Mooraa Yuunibarsiitii Harammayyaa marsee eegaa jiru mooraa cabsee seenuun brattoota irratti dhukaasa banuun dirree waraanaa fakkeesse jira. Goototni barattootni Oromoo afaan qawween gaaffiin mirga abbaa biyyummaa karaa nagaa dhiyeeffachaa jirruu hin ukkanfamuu, hidhaa, du’aa fi waraanaan roorrifamuu hin sodaanuu jechuun FDG itti fufuun waraanaa Wayyaanee waliin yeroo amma kanatti wal jala dhaabbachuun falmii guddaatu gaggeeffamaa jira, aangawoonni mootummaa bulchiinsii yuunibarsiitii Harammayyaa gaaffii barattoota irraa fuudhuu diduun waraanaa itti bobbaasuun waraana guddaa mooraa Yuunibarsiitiitti seensiisuun Yuunibarsiitiin Harammayyaa dirree waraanatti waan jirjjiramtee jirtuuf Barattootni Oromoo mooraa gadi gadhiisuun gara uummataatti bahaa jiraachuun ibsame, yeroo amma kana warraaqsii haalan jabaatee waan itti fufee jiruuf Qeerroon gabaasa irraa jalaan ni dhiheessa.