Lixa Wallaggaa Magaalaa MANDII Mormii MASTER Plan Finfinnee Fi Labsii Magaalota Oromiyaa Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa FDG Kaasan,Loltooti Mootummaas FDG Dhaamsuuf Jecha Gaaza Summaawaa Dhimma Bahaa Jiru.

DiddaaHar’a, Sadaasa 25/2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Wallaggaa Magaalaa MANDII FDG Mormii MASTER Plan Finfinnee Fi Labsii Magaalota Oromiyaa Irratti Dabarfame Mormuun Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa Dhiyeeffachuun Fincila Dhoosuun Daandii Konkolaataa Magaalicha Keessa Jiru Cufuun Waraanaa Wayyaanee Waliin Wal Dura Dhaabbachuun FDG Dhoosan. Barattootni Oromoo Lama Rasaasa Wayyaaneen Rukutamuu Maddeen Keenya Gabaasan.
Goototni Barattootni Oromoo Magaalaa Mandii sadarkaa 2ffaa hanga sadarkaa 1ffaatti jiran Fincilli Kun Akkuma kan Magaalaa Amboo
Eeggichaa guddaan humna Waraana WayyaaneMagaalaa Mandii fi Dhiha Wallaggaa Irra qubsiifameen humnaa ol eegamaa utuu jiruu, Goototni
barattootni Oromoo Mandii FDG dhoosuun diina dura dhaabbachuun falmii mirga abbaa biyyummaa fi mormii Master Plan Finfinnee fi Magaalota
Oromiyaa akka haqamuu gaafatan. FDG kun Godina Lixa Wallaggaa Aanaawwaan Kanneen akka Mandii, Najjoo magaalaa Najjoo,Qiltuu Karraa,
Gorii fa’aa keessatti uummataa fi barattootaan finiinaa jiraachuun ibsame jira.

Mootummaan abbaa irree Nafxanyaan wayyaanee TPLF/EPRDF/OPDO jedhamtu gaaffii uummataa karaa nagaan itti dhiyaachaa jiruuf deebii afaan qawwee fi rasaasa gochaa kan jirtu humna waraana Agaazii fi kora Bittinneessaa barattootaatti bobbaasuun dhukaasaa irratti banuun
barattootni lama Magaalaa Mandii keessatti rukutamuu madden keenya gabaasan.
Mootummaan Wayyaanee dhukaasaa guddaa uummata irratti banuun addatti immoo HIRIIRAA MORMII QABSIIFAMEE IRRATTI DHUKAASA GAAZII SUMMA’AA IJA NAMA BOOSISUUN DEEMICHAA NAMA DHORKUU dhukaasuun uummata gooluun warraaqsaa uummataa dura dhaabbachaa kan Olte ta’uu Maddeen ibsame jira. Warraaqsa uummataa fi Gootota ilmaan Sabaa Qeerroo barattoota Oromoon Godinaalee Dhiha Oromiyaa Amboo,Mandii, Giincii, Najjoo ,fi Giddaa Ayyaanaatti qabsiifameen Oromiyaan gara dhihaa Waraanaa fi dirree FDGtti jijjiramaa jirti. FDG kun Godinaalee Oromiyaa fi Maagaaloota Gurguddoo Biyyatti keessatti jaabaatee kan itti fufuuf kutannoo fi murannoo guddaan qabsaa’otni Qeerroon dargaggootni Barattootni Oromoo irratti hojjetanii xummuruu ifa godhan. Mootummaan wayyaanee akkuma amaleeffannaa isaa network fi ibsaa dhihaa Oromiyaa irraa balleessuu itti fufee jira, bakka jirtaan hundaa karaa danda’amu hundaan barruulee warraaqsaa walitti daddabarsuun harka wal qabannee ni falmanna.Gabaasaa Itti fufinsa FDG godinaalee Oromiyaa gaggeeffamaa jiruun walitti deebina.Qabsoon haalaan finiinuu eegalee kun kan hin dhaabbanne ta’uu uummaatni dugda duuba jira. hanga KAROORRI MASTER PLAN FINFINNEE fI MAGAALOOTA OROMIYAA haqamutti fi Gaaffiin Mirga abbaa biyyummaa deebii argatutti qabsoon wal irraa hin citnee jabaatee
itti fufa!!

3 thoughts on “Lixa Wallaggaa Magaalaa MANDII Mormii MASTER Plan Finfinnee Fi Labsii Magaalota Oromiyaa Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa FDG Kaasan,Loltooti Mootummaas FDG Dhaamsuuf Jecha Gaaza Summaawaa Dhimma Bahaa Jiru.

  1. Pingback: Oromia: Sadaasa 25/2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Mormii Maaster Palanii Finfinnee Fi Gaaffii Mirga Saba Oromoof FDG Bifa Addaa Ta’een Dhoosan. Wallagga Lixaa, Mandiittis Haaluma Walfakkaatuun FDG Geggeesan

  2. Pingback: Oromia: Sadaasa 25/2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Mormii Maaster Palanii Finfinnee Fi Gaaffii Mirga Saba Oromoof FDG Bifa Addaa Ta’een Dhoosan. Wallagga Lixaa, Mandiittis Haaluma Walfakkaatuun FDG Geggeesan

  3. Pingback: Oromia: Sadaasa 25/2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Mormii Maaster Palanii Finfinnee Fi Gaaffii Mirga Saba Oromoof FDG Bifa Addaa Ta’een Dhoosan. Wallagga Lixaa, Mandiittis Haaluma Walfakkaatuun FDG Geggeesan

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s