Gabaasa Qeerroo Aaanaa Xuruur Inninnii Sadaasa 25,2015
Sadaasa 25/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa XUQUUR INCINNIItti FDG Galgala Kan eegale Goototni uummatni Oromoo fi Gootootni Qeerroon
Barattootni dargaggootni Oromoo FDG Magaalaa Dirree INCINNII(Dirree Badhaas) keessatti dhoosuun Mormii MASTER Plan Finfinnee fi Labsii
Magaalota Oromiyaa Irratti Dabarfame Mormuun Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa Dhiyeeffachuu warraqsa guddaa gaaggeessa jiru.
Fincilli Guddaan galgala kana uummataa fi qeerroo dargaggoota Barattoota Oromoon qabsiifame kun Kaabinoota ergamtoota wayyaanee
Karoora Maaster plan Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa dirqamaan fudhachuu qabdu jechuun uummataa fi dabballotaa ishaa dararaa jirtu
irratti Tarkaanfii fudhachuun UUmmatni FINCILAtti seene. Tarkaanfii fudhachaa jiruu kanaan Uummatni mana galmaa kaabinootaa fi ergamtuu
Diinaa OROMIYAA dabarsitee gurgurachaa jirtuu fi Oromoo hiisisaa fi Ajeesisaa, Ragaa sobaa irratti qindeessuun Shira dalagduu irratti Mana
Galmaa Diiguun uummatni HALKAN KEESSA SA’AA 1:00n FDG kaan eegalee Magaalaa XUUQUR INCINNII Yeroof uummanni to’achuu danda’ee jira. Halkan keessaa sa’aa 2:00 Irratti Warraanni Wayyaanee humna darbatamaa jedhamuu Magaalaa Gudar egaa kan jiruu Konkolaataa Sadiin XUQUR INCINNIItti ergamuun Waraana guddaa uummatarratti banuun Magaalaa Dirree Incinnii(DIrree Badhaas) dirree waraanaatti jijjiramee jira, Uummatni Mana galmaa kaabinootaa fi dabballoota ergamtuu diinaa hedduu diigee, biyya keenya Oromiyaa gurgurtanii, Oromoo ajjeesisaa fi
hiisisaa nu keessa hin jiraattan jechuun, Fincilli Uummataan gaggeeffamaa jira. Gabaasaa Guutuun walitti deebina
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist