Sadaasa 30.2015 Naqamte
Mootummaan Wayyaanee Ogeessota fayyaa kanneen tarsiimoo sirna abbaa irree Wayyaanee hin fudhatanii bifa siyaasaan ogeessa fayyaa jedhaman leenjiin siyaasaa ogeessa maraaf laatamuu qaba jechuun magaalota akka Hawaasaa, Jimmaa, Maqalee, Adaamaa fi Baahirdaaritti laatamaa jira. Kanuma irraa ka’uun guyyoota lamaan duraaf dhimma rakkoo fayyaa hawaasa biyyattii waggaa 25 boodas fooyyee akka hin agarsiisin jiruu fi kunimmoo hanqina geggeessumaa sadarkaan jirurraa kan maddu ta’uu kaasanii mari’ataniiru. Ta’us ogeessotni fayyaa quuqama hawwaasaa qabanii fi mootummaa kana ifatti morman hanqinni kun kan madde imaammatichi haala qabatamaa biyya keenyaan utuu hin qoratamin kallattiin biyyoota alaarraa kan fudhatame ta’uu, hooggantootni tajaajilamuu hawaasaa utuu hin ta’in gabaasa miidhagsuu fi baay’isuu kan filatanii fi kunimmoo dhaabichumarraa kan baratan ta’uu, akkasumas hojjettootni ekistenshiinii fayyaa gandatti ramadaman hojii siyaasaa malee waayee fayyaa hawaasichaaf yeroo kan hin qabne ta’uu ifatti itti himaniiru.
Guyyoota lamaan kanaan booda, waliigalatti ajandaan fayyaa dhiifamee gara saamicha lafaa kana mariisisuutti kan galan yoo ta’u, guyyaa hardhaa aanga’oonni Pilaazmaa TV dhaan galmoota shanan kanaaf ibsa Guyyaa hardhaa, Sadaasa 30, 2015 kennaniin “Dhimma Maaster Pilaanii Finfinnee Kan Mormu Dhiphootaa Fi Ergamtoota Isaaniiti, Dhimmi Kun Dhimma Misoomaati, Misooma Dura Kan Dhaabbatummaa Daandiirraa Maqsuuf Qophiidha” jechuun qaanii malee, tuffii uummata Oromoof qaban ibsuun dhaadannoo isaanii irra deebi’aniiru. Ogeessotni Godinaalee Oromiyaa garaa garaarraa bakkichatti argamanis tokkummaan yaadicha mormuuf ejjennoo qabatanii jiraachuu isaanii gabaasaan bu beeksisaniiru. Keessaayyuu guyyaa borii mormiu ol anaan akka mudachuu danda’u ni eegama. Kanaaf jedhan Qeerroleen Ogeessotni Fayyaa, dhiimi kun dhimma lafaaf lafee keenyaati waan ta’eef salphumatti Ameen jedhamee kan fudhatamu miti, uummatni Oromiyaa Lixaarraa akkuma wareegama kaffalaa jiru, qaamonni Oromiyaaf dhaabbatan marrii fi lammiilee fi jaallattootni Oromoo gamtaan ka’uu qabu, jechuun ejjennoo isaanii ibsaniiru.
FDG bifa gaariin eegalame hanga sirna wayyaanee ilmaan Tigraayitti xumuura gochuun Bilisummaan Oromoo labsamutti itti fufuu qaba. Oromiyaan ni bilisoomti!!!! Injifannoon kan ummata Oromooti!!!