Sadaasa 30,2015 Qeellam
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo keessatti halkan edaa dargaggootni goototni Oromoo dhaadannoo dhageesisaa fi waraqaa qabsoo adda addaa maxxansaniin FDG qonnaan bulaa, hojjetaa fi maanguddoota osoo hin jenne saamicha lafaa fi karoora Maaster Pilaanii dura dhaabbannee fesheleessuu mirkaneessu qabna jechuun diddaa taasifamaa buleen har’a itti fufee jira. akka maddi odeessa nu gahe ibsutti kaleesa sadaasa 29/2015 manneen uummataa keesattuu dargaggoota mana qaban sakatta’aa ooluun gabaafamee jira. sakatta’iinsi taasifame kunis diddaa kan itti jabeesseedha. Halkan edaa mirga keenyaaf ni falmanna, oromiyaaf ni wareegamna jechuun barattootni godina Qellem aanaa garagaraa keessatti waraqaa maxxansanii buluun kan beekame yoommu tahu har’a akka odeessi nugahetti aanaa Jimmaa Horroo keessatti FDGn finiinaa jiruun dargaggootni fi barattootni humna waraana wayyaaneen ukkaamfamaa jiru. Humni waraanaa magaala Jimma Horroo keessa buufatee dirree waraanaa fakkeessanii jiru. Dhaadannoon barattootaa itti fufe. Qonnan bulaan, xiqqaadhaa hanga guddatti, milishootni fi deggertootni QBO hunduu FDGtti hirmaatanii jiru. Ganama kanaaf isin FDG qindeessitu jedhamee kanneen ukkaamfaman keessaa dargaggoota muraasa maqaan nu qaqqabee jiru
- Saamu’eel Masgabaauu –barataa
- Abbushaa Buzaayyoo- barataa
- Raamataa Tashoomee
- Raamataa Solomoon
- Milkiyaas Addisuu fi
- Saamsoon Solomoon
Kanneen jedhaman sabboontotaa fi Qeerroo oromoo magaalaa Jimmaa Horroo keessaa har’a lafa barii sa’a 12:00tti ijoolleen kunneen waraanan qabamanii bakka buuteen isaanii dhabame.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist