Godina Wallaggaa Aanaa Qellem Gaa’oo Qeebbee Keessatti FDG Ka’en Wal Qabatee Qonnaan Bultooti Oromoo 30 Ol Hidhuu Qeerroon Gabaase.‏

Aside

Qellem Gaa’oo Qeebbee; Caamsaa 31,2015
Because I am OromoFilannoo Wayyaanee torbee har’aa jechuun Caamsaa 24,2015 gaggeeffameen wal qabatee uummanni oromoo fi barattootni Oromoo bakka garagaraatti FDG finiinsaa itti fufuun yeroodhaa yerootti gabaasni isaa darbaa jira. ammallee haaluma wal irraa hin cinneen oromiyaa keessatti kan itti fufeedha.

Godina Qellem aanaa Gaa’oo Qeebbee, ganda Qonnaan Bulaa Leeqaa Kobbachaa jedhamu keessatti torban kana qonnaan bulaan shiraa fi filannoo kijibaa mootummaa wayyaanee wal qabsiisuun diddaa kaasee jiraachuu Qeerroon gabaasee jira. Erga filannoon filannoo kijibaa tahe, erga mootummaan wayyaanee uummaata sobee, erga sagaleen uummataa mootummaadhaan hatamee, jechuun Caamsaa 25,2015 irraa akasee aanaa ganda garagaraa keessatti diddaan qabate guyyuudhaan jabaatee kan dhufee fi Wayyaaneen humna bittimneessaa gara sanatti erguudhaan qonnaan bulaa nama 30 ol mana hidhaatti darbee reebichaan hiraarsaa jiraachuu Qeerroon gabaasa. Qotatee bulaa nama 30 keessaa waajjira poolisii magaala Arroojjii jedhamtutti kan hidhamanii jiran maqaan muraasni nu qaqqabe keessaa Qonnaan Bulaa:

  1. Toomaasa Uwwisaa
  2. Gasullaa Tasfaayee
  3. Nagaasaa Kibbii,
  4. Milkii Kibbii,
  5. Lammaa oljirraa,
  6. Simoon Uwwisaa,
  7. Fedhesaa Baqqalaa
  8. Toofik Abdallaa
    Kanneen jedhaman torbee kana guyyaa guyyaatti qonnaan bulaa FDG finiinsaa jiru waraana agaazii gara sanatti erguudhaan qabsiisee
    tumsiisaa jira, namootni kun waajjira poolisii kanatti guyyoota qabaman irraa kaasee hedduu reebichi irraa gahaa jiraachuu fi uummanni
    qonnaan bulaan aanaa kana keessa jiraatu FDG itti fufee akka jiru Qeerroon gabaasa.

Wallagga Horroo Guduruu Keessatti Ummanni Magaalaa Fi Baadiyyaan Tokkummaan Ka’ee FDG Gaggeessaa Jira,Loltooti Wayyaanee Amma Galgalaatti Qabaneessuu Hin Dandeenye.

Aside

Caamsaa 31.2015 Magaala Finca’aa

diddaa9Wallagga, Horro Guduruutti keessatti har’a Caamsaa 31,2015 FDG uummataan Finine, Aanaan Guduruu fi magaalli Finca’a fincila uummataa dura dhaabbatuuf humni waraana Wayyaanee ergame uummata dura dhaabbachuu hin dandeenye.
Uummanni qonnaan bulaan, daldalaan, hojjetaan mootummaa barattotni, jaartii fi jaarsa osoo hin jedhin dargaggoonni godina Horro Guduruu aanaa Guduruu keessa har’a mootummaan Wayyaanee hattuu dha, kana booda jalee Wayyaanee OPDO hin barbaannu, hattuu fi saamtuun nurraa haa kaatu kan jedhe uummatichi ganama sa’a 1:00 irraa kaasee hanga galgala kana sa’a 11:00tti jechuun guyyaa guutuu daandiitti bahee oole, akkasuma hojjetootni warshaa sukkaaraa Finca’aa keessaa hojjetan guyyaa boruu kaasanii hojii akka dhaaban beeksisan.

Weelluwwan qabsoo dargaggoota oromoon Guduruu keessatti dhagayamaa oole, Hattoota Wayyaaneef bakka hin qabnu, Sagaleen keenya hatame aangootti fufe mootummaan wayyaanee, Wayyaaneen hattuudha. Hidhamaan keenya amma nuuf haa gadhiifamu OPDOn maxxantuu saree, haadha garaa kan sabashee diinatti gurgurteedha. Kottaa waliin kaanee Bilisummaa fi walabummaa keenya mirkaneeffanna. Oromiyaan Ni Bilisoomti Jechuudhaan dhaadanno fi weelluu garagaraa uummanni aanaa Guduruu keessaa dhageesisaa oole, guyyaa keessaa gara sa’a boodatti humni waraana Wayyaanee bakka biroodhaa dhufe kan achi jirutti dabalame uummata dura dhaabbate, uummannis cabsee bira darbe, sagalee isaaa dheeressee wal dhageesise, humni waraana wayyaaneen diddaa uummataa har’a aanaa Guduruutti qabsiifame dura dhaabbachuu hin dandeenye. Itti fufee jira. Hojjetootni warshaa Sukkaaraa Finca’aa kana booda hojii dhaabuun gara FDG seenuu wal akeekan. FDG itti fufeera.

Warraaqsi Bilisummaa Dargaggoota Oromoo Itti Fufuun Godina Wallaggaa,Horroo Guduruu Keessatti FDG Itti Fufe.

Aside

diddaa9Caamsaa 30,2015 Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti FDG uummata Oromoo fi dargaggoota Oromoon Jabbaachuun Walqabatee barsiisotni
Oromoo kan keessatti argaman namootni 12 hidhamuu maddeen Qeerroo gabaasan.
Diddaan Uummataa kallattii hundaan mootummaa abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF irratti jabaachuun kan itti fufe yoo ta’uu, Godina Horroo
Guduruu Wallaggaa AANAA AMMUURUU jedhamu keessatti diddaan uummata daran jabaachuun mootummaa Wayyaanee guyyaa irraa gara guyyaatti raafama guddaa keessa galee jira.

Wayyaaneen gaaffii uummataaf deebii kennuu dhabuun ilmaan Uummata Oromoo qaroo biyyaa ta’an qabee hidhuu fi dararaan gochaa diinummaa isaa calaqisiisuu fudhachaa jiraachuun ibsame jira, haaluma kanaan ilmaan Oromoo kanneen barsiisotni Oromoo keessatti argaman AANAA AMMUURUU irra Caamsaa 29/2015 maqaa uummata nurratti kakasuun fincila nurratti gaggeessaa jirtu jedhamuun fi isin miseensota Qeerroo
Bilisummaa Oromooti jedhamuun qabamuun kanneen hidhaman ta’uu madden Qeerroo bilisummaa magaalaa Shaambuu irraa gabaasan.ilmaan Oromoo hidhaman kessaan kanneen maqaan nu ga’ee jiruu keessa:
1.Barsiisaa Arabuu Yaasiin
2.Barsiisaa Jireenyaa Dachee
3. Barsiisaa Gammachuu
4.Dargaggoo Garramuu Biyyansaa kanneen keessatti argamaan AANAA AMURUUtti hidhamuu maddeen keenya gabaasan.mootummaan wayyaanee hidhaa fi ajjeechaan warraaqsaa FDG fi bilisummaa keenya dura dhaabbatus nuti ilmaan Oromoo wareegama kamiifuu of qopheesinee mirga keenyaa fi bilisummaa keenyaa kabachiifachuuf murteeffannee kaane jirra jechuun dhaammata sabboontootni Oromoo dhaammatu.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast – 30 May 2015

Aside

Yuuniversitiilee Gara Garaa Keessatti Ka’e Gaaffiin Mirgaa Barattoota Oromoon Itti Fufe.

Aside

Caamsaa 30,2015 Adaamaa

DSC00047Yuuniversitii saayinsii fi teknoloojii Adaamaa keessatti Caamsaa gaafa 27/2015 barattootni waraqaa garagaraa mooraa keessatti facaasuun
kan dhagayame YEROO BILISUMMAAN KEENYA DHIYAATE KANATTI HIN CALLISNU YAA BARATTOOTA OROMOO KA’AA kan jedhu barattootni waraqaa balaliituu bittimsuun eegduwwan mootummaa Wayyaanee bakkaa kan sochoose tahee jira, akkasuma yuuniversitii Bulee Horaa, Madda Walaabu fi Haromayyaa keessatti walleewwan qabsoo dhageessisuu, mootummaa Wayyaanee hin barbaannu, bulchiinsi Wayyaanee nugaheera jechuu fi barumsa dhaabuun gara FDG olkaasuun uummata dhageesisuu fi hirmaachisaa jiraachuu Qeerroon gabaasaa jira.

Gaafa Caamsa 29/2015 barattootni mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa keessaa qabamanii bahan yeroof maqaa isaanii argachuu baannus ilmaan Oromoo sabboonummaa qabanii fi kijibni mootummaa Wayyaanee wayita kana aangoo isaa itti fufee jiraachuuf karoorfate kun yoomiyyuu cal kan nama hin jechiisne tahuu barattootni diddaa gaggeessanii fi kanneen fincila kaasuuf adda dureedha jedhamanii shakkaman tikoota wayyaaneen qabamanii mooraadhaa bahuus gabaasni Qeerroo nugahe hubachiisa. FDG ammas haaluma wal irraa hin cinneen itti fufee jiruudha.

Yuuniversitii Mattuu Keessaa Barattooti Oromoo 7 Waraana Wayyaaneen Ukkaamfamanii Kaan Reebicha Irraa Dheessuun Mooraa Gadhiisan.

Aside

Caamsaa 30,2015 Mattuu

Because I am OromoBarattootni Yuuniversitii Mattuu mooraa keessatti  FDG guyyaa filannoon Wayyaanee gaggeeffame irraa kaasee itti fufiinsaan aarsaa kaffalaa jiru. Gama tokkoon barumsa isaanii dhiisanii gara mirga uummata bal’aa uummata Oromoo kabachiisuu dhaaf torbee kana guutuu humna waraana Wayyaanee dura dhaabbatanii FDG finiinsaa jiru, humni waraana Wayyaanees didaa yeroon kan wal qabate barattoota harka qullaa mooraa
fi doormii ciisicha isaanii seenuudhaan barattoota hedduu reebuu fi dhaanicha suukkanneessaa irratti raawwataa turan, barattootni sabboontootni moorichaa guutummaatti humna waraana Wayyaanee dura dhaabbataa turan, ammas haaluma kanaan kan itti fufe yoo tahu barattoota muraasa waraana Wayyaaneen qabamanii bahan guyyoota lamaan kana bakka buuteen isaanii dhabamee jiru keessaa:-

  1. Warquu Darajjee-barataa Engineering waggaa 3ffaa
  2. Guutuu Baqqalaa-barataa Engineering waggaa 2ffaa
  3. Amaddiin Jamaal- barataa Engineering  waggaa 2ffaa
  4. Shimallis Durgommee-barataa waggaa 3ffaa
  5. Ibrahim Rundaas-
  6. Oliiqaa Gechoo-
  7. Ermiyaas Leellisaa-

Kana malees  walakkaa ol yeroo ammaa bosona naannoo sanaatti badanii dhaanicha fi qabamuu baqatanii fi guyyaa guyyaadhaan barattootni ammas humna kanaan qabamanii bahaa akka jiran Qeerroon gabaasee jira.