Bulchiinsa Yuunivarsiitii Jimmaa, Humna Poolisii fi Tikaa Mootummaa EPRDF/TPLF’n Barattoota Oromoo Ari’uu fi Doorsisuu Itti Fufan.Magaalaan Jimmaas Sakata’amaa Jirti.

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Caamsaa 5,2015

Uni JimmaaBulchiinsii Yuunivarsiitii Jimmaa gaggeessuummaa fi hoggansa a poolisii Komander Kaliid Abbaa Tamamii fi humnoota tikaa mootummaa EPRDF/TPLF’n gaggeeffama jirachuun saaxilame.  Ergamtootni Wayyaanee kun utuu koreen naamusaa(Discipline Committee) jiruu  gaaffii tokko malee barattoota Oromoo irratti gochaa diinummaa bahaa kan jiran ta’uun beekamadha.  President Yuunibarsiitii Jimmaa Dr Fiqiree Lammeessaa dabalatee qamnii akka seeraatti bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaa jedhamuun beekamuu utuu, hin beekiin, Barattoota oromoo irraa ID fudhuun doorsisuun, fi soadaachisuun(Mental turture) fi psychologically dhaloota qaroo boruu biyyatti bakka bu’uu doomsuun barattoota Oromoo irratti shirri guddaan dalagamaa jira. Ariisaa barattoota irratti utuu , President barattoota kan ta’ee bakka bu’aan OPDO’n filannoo barattoota malee dirqamaan barattoota irratti bobbafte illee utuu hin beekiin addaatti barattoota Oromoo iraatti shirrii mirga barachuu irraa mulquun barnoota irraa adabuu gaafatamummaa hogganaa Poolisii Mooraa yuunibarsiitii Jimmaa Kalid Abbaa Tamaamii fi humnoota tikaa Wayyaaneetiin  ilmaan Oromoo Oromummaan Yakkamanii barnoota irraa arii’atama jiru.

JimmaaBifuma kanaan Barataan Oromoo tokko badii tokko malee utuu koreen naamusaa fi bulchiinsii Yuunibarsiitii kana balleessitee jedhee gorsaa fi akeekachiisa tokko illee itti hin kenniin  barattoota Oromoo irratti beeksisa  Waggaa lamaa fi isaa oliif arii’amteeta jedhu irratti maxxansuun barattoota Oromoo barnoota irraa arii’ama jiru, Haala kanaan Barataan Oromoo tokkoo Caamsaa 4/2015 barnoota isaa irraa waaggaa lamaaf arii’amteetta jechuun barnoota irraa ari’amuun walqabatee Barattootni Oromoo yuunibarsiitii Jimmaa guutummaatti barnoota dhaabuun FDG kaachisuuf kan murteeffatan ta’uu beeksifatan. Barataan oromoo haala kanaan arii’ame kunis:

  1. Barataa Abdii Guutataa barataa departmentii Ispoortii Waggaa 2ffaa barnoota isaa irraa waggaa 2f adabamuun beeksifame, kana malees humnootni tikaa mootummaa EPRDF/TPLF  barattoota Oromoo irratti bilbiluun isin ajjeefna, barnoota irraa isin ariina jechuun doorsifni mirga dhala namaa fi mirga lubbuun jiraachuu ilma namaa sarbuu barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa irratti gaggeeffama jira, mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa fi Magaalaan Jimmaas humnoota  basaasaa, waranaa fi Poolisii federaalaan eegamaa jira. Magaalaan Jimmaa immoo addaatti Poolisii Federaalaan sakkattama jirti, Poolisootni Federaalaa wayyaanee EPRDF/TPLF taaskii konkolaataa illee dhaabanii sakkatta’uu fi uummata dararuu itti fufan.

Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa barnoota dhaabuun akeekaa faashistummaa fi Oromoo diina godhate kana dura dhaabbachuuf murtii dabarsan.

Walitti Bu’iinsa Uummataa fi Poolisoota Wayyaanee Jidduutti Uumameen Godina Wallagga Magaalaan Qassoo Goolamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Caamsaa 5,2015 Qassoo

DSC00039Barruuleen warraaqsaa maxxanfame ykn faca’eera sababaa jedhuun, Wallagga aanaa Waamaa Hagaloo  magaalaa Qassoo Keessatti  warraaqsa Bilisummaa ka’een uummataa fi Poolisoota Wayyaanee jidduu walitti bu’iinsi uumameen Poolisoonni mootummaa Wayyaanee afur uummataan reebamuun kaan ammo magaalicha gadhiisanii bahanii kan turan duubaan humna Poolisa Federaalaa gurmeeffachuun gara magaalaatti deebi’anii uummata gooluu fi hidhuutti babba’anii akka jiran Qeerroon gabaase.

Haala kanaan poolisiin maqaa isaa Gulummaa jedhamu kanneen reebaman keessaa madaan cimaa kan irra gahe yeroo ta’u kanneen hafan kaan dabalatee konkolaataa mootummaan mana yaalaatti ergamuu beekame.

Poolisoonni Federaalaas dargaggoota magaalaa ari’anii qabuun badii tokko malee hidhanii reebaa kanneen jiran keessaa hamma ammaatti kan maqaan beekame.

  1. Dargaggoo Asaffaa Dabalaa
  2. Dargaggoo Asfaw Mootii
  3. Dargaggoo Nagaasaa Beekumaa
  4. Jiraataa Qannoo Fiqaaduu

Ta’uu Qeerroon magaalaa Qassoo gabaasee jira.