GGO Ilaalchisee Dhaamsa Qeerroo Yuuniversitii Arbaa Minc Baroota Darbanii

Aside

“DIRAAMAA” FINCILA DIDDAA GARBUMMAA

April 10, 2015 Oromia

Asoosesee kan seenessu—-Kumsaa dha
javascript:void(0);

Kaayyon isaa —————– Uummata Oromoo tokkoomsufi. Sabboonummaa fi absoo bilisummaa jajjabeesufi. Rakkina ilmaan Oromoo gad baasufi falli isaa tokkummaan kanee lolachuu akka taye ibsuufi.
Yaadannoon isaa————-Ilmaan Oromoo qabsoo irratti, mana hidhaatti, otoo  biyyaa baqachaa deemanuu karaatti dhumaniif haa tawu.
Qabiyyee – rakkinni ilmaan Oromoorra jiru waan eexoo caala adhaa’aa deemef, gaafa barattoonni Ambotti hiriira nagaa bayanii sagantaa diinni dhala Oromoo lafarraa balleessuf baafate “Maastar pilaanii” balaleeffatan yoo waraana itti erganii fixan barataan umbarsittii Finfinnee birmatee dhaqee yoo tumsuuf qabanii mana hidhaa Qaallittiitti hidhani.
Sababiin rakkina ilmaan Oromoo “Tokkummaa” dhabuu akka tayee waan beekuf, uummata akkana baay’atu tokkoomsun dirqama kiyya tawuu qaba jedhee kutatee ka’e.
Yaada isaa sabboontota Oromootti erginaan sabboontonni jajjabeessanii, uummata Oromoo bakka hundaa, kabaa amma kibbaatti, bayaa amma lixaatti, biyya keessaa amma biyya ambaatti tokkummaan kaasani.
Walgayii “Fincila diddaa garbummaa” magaala Oromiyaa, Finfinnee, Hurufa Boonbitti waame.
Hawaasni Oromoo biyya jiran hundaa, bayaa amma lixaatti kaabaa amma kibbaatti biyyoolessa keessa jiraatanitti addabaabayiitti bayaniiti Hurufa Boonbitti “sikaaypiin” wal qunnaamaa, yaada isaanii uummataaf dabarsaa, isa biyyaa darbu doowwachaa oolani.
Waan Hurufa Boonbitii dabarsaa jiran uummanni TV fi raadiyoonin ordofa.
Rakkinni ilmaan Oromoo maal maal akka taye irratti dubbatani.
Uummanni Oromoo tokkummaatti amanee of bilisoomsuf murteesse.
————————————————————————————–
Kabajamtootaa, waanan kitaaban kitabe isin hundaan gawuu hin dandeenyef, akka “diraamatti” qopheessee isinii tamsaasuf dirqameera. Gabaabsee dhiyeessuf yaaden ture. Garuu, yoon kana caala gabaabse ergaan isinii dabarsuuf yaade guututti dabarsuu hin dandeenye. Kanaafuu, naaf obsaa, akkuma yeroo argattanitti akka naaf dhaggeeffatan isinin afeera. Yaada yoo naa kennitanis gara fuulduraatti akkan itti jabaadhu na gargaara.

“Goonni Baroodee Baranaa”

Video

Uummati Gaaffii Mirgaa Akka Gaafatuuf Kakaasaa Jirtu Sababaa Jedhuun, Sabboontoti Oromoo Shaggar Kaabaa,Sulultaa Irraatti Loltoota Wayyaaneen Qabamuun Mana Hidhaatti Darbaman‏

Aside

Odeessa Qeerroo Shaggar Kaabaa,Sulultaa Ebla 10,2015
Because I am OromoBarattootni sabboontoni Oromoo godina Shaggar Kaabaa ona Sulultaa irratti yeroo darbe wal dorgommii taasifameen dhaadannoo fi sirboota qabsoo uummatatti dhageessisuun uummata kaasuun sagalee dhageessisuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Akkasuma akka godina kanaatti walgayii taasifamu irratti ummanni argamuu diduunis mootummaa Wayyaanee mufachiisuu, Ayyaanni OPDO godina kana irratti yeroo lamaa ol akeekame barattootaa fi uummataan feshelaa’ee hafuun mufii guddaa mootummaa Wayyaaneetti uumee jira.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa Ebla 10,2015 godina kana keessatti maqaa ABOtiin shakkamuudhaan kanneen uummata,barattoota, waraqaa dhaadannoo uummata kakaasu maxxansan jedhamuun raga qabatamaa tokko malee shakkiidhumaan qote bultoota sadii fi barattoota 5n toohataman, qorannoonis irratti gaggeeffamaa jiraachuu Qeerroon gabaasee jira. Namoota kanaan sabboonummaadhuma isaaniin toohatamuun aanaa Sulultaa irratti hidhamanii qoratamaa jiran keessaa muraasni:

  1. Kabbadee Suufaa-barataa
  2. Obbo Qajeelaa Suyyum-Qonnaan bulaa
  3. Oliyaad Kaffaaloo-barataa

Namootni akka Qeerroon gabaasetti Qeerroo waliin quunnamtii qabaachuudhaan uummata fincilaaf kaasu, uummanni mootummaa waliin nageenya akka hin qabaanne taasisu, mootummaa irratti dargaggoota ijaaru jedhamuudhaan shakkiimaan toohatamanii akka jiran odeessaan Qeerroo magaala Sulultaa irraa addeessa.

Barattooti Oromoo, Wallagga,Horroo Guduruu Aanaa Jimmaa Ganatti Mana Barumsaa Hartoo Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina FDG Itti Fufan

Aside

diddaa9Ebla 9,2015 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatiitti Goototni barattootni Oromoo mana barumsaa Haratoo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina  FDG jabeessuun itti fufuun, wal qabatee Manni barumsaa Haratoo sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina cufame, dullii hidhaas uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jira. 

Godina Wallaggaa Horroo Guduruu torbee darbee keessa FDG Aanaa Amuruu magaalaa Agamsaa fi Lixaa Shaggari Meettaa Roobiitti gootota barattoota Oromoo fi sabboontota uummata Oromoon qabsiifame jabaachuun gara guutummaa Godina Dhihaa Oromiyaatti babbaldhachaa kan jiruu yoo ta’uu, yeroo ammaan kanatti aanaa Jimmaa Gannatii Magaalaa Haratoo fi Mana Barumsaa Haratoo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina keessatti guyyaa kaleessaa irraa egaluun FDG  kan qabsiifamee daran jabaachuun hanga ilmaan Oromoo oromummaan yakkamanii hidhatti ukkanfaman hiikamanitti kutaa seenee barachuun keenya bu’aa kan hin qabnee fi jireenyaa yaaddoo fi teenyee hidhaa eeggachuudha waan ta’eef hanga gaaffiin mirgaa gaafachaa jirruu fi ilmaan Oromoo badii tokko malee hidhaatti guuramaa jiran hiikamanitti FDG itti fufa jechuun goototni barattootni Oromoo barnoota dhaabuun FDG sirna faashistii wayyaanee EPRDF/OPDO/TPLF irratti qabsiisan jabeessuun itti fufan.

Mootummaan abbaa irree humna waraanaa,  poolisaa fi basaastota isaa gara Godina dhihaa Oromiyaa magaalota akka Amboo,Neqemtee, Gimbii fi Jimmaa irraa qubsiisaa jiruu humna poolisaa guddaa gara Magaalaa Haratootti bobbaasuun gootota barattoota Oromoo fi uummata Oromoo afaan qawween ukkamsaa kan jiruu ta’uu maddeen keenyaa gabaasaan addeessaa jiru, yeroo amma kanas barattootni Oromoo 12 olitti lawwaaman mana barumsaa Jimmaagannatii Haratoo irraa ukkaanfamuun waajjiraa Poolisii Aanichaatti hidhamanii jiraachuun walqabatee hanga gootatni baratootta Oromoo ukkanfamaa jiran atattamaan hiikamanitti jechuun barnoota dhaabuun FDG itti fufani jiraachuun ibsame.

Haaluma walfakkatuun yeroo amma kana Godina dhihaa Oromiyaa Aanota akka Lixa shaggar: Amboo,Gudar, xiiqur Incinnii, Jimmaa Raaree Wayyuu, Midaa Qanyii Baallammii, Calliyaa Geedoo, Iluu Galaan Ijaajjii, Dannoo, Bakkoo Tibbee, Fincaa’aa fi Guduruu keessatti FDG guddaan narratti qabsiifamuuf jira maqaa jedhuun mootummaan wayyaanee EPRDG/OPDO/TPLF humna waraanaa, poolisaa fi basaastota isaa bobbaasuun uummata goolaa jiraachuun uummata Oromoo fi dargaggoota qeerroo barattoota Oromoo daran FDGf kan onnachiisaa jiruu fi uummaatni Oromoo gamtaan ka’ee mirga isaaf akka falmatuuf kan murteeffachiise ta’uun ibsamera.

Qeerroo bilisummaa Oromoo yeroon gamtaan kaanee falmannuu amma, (Eblii 11/2014 Guyyaan Warraaqsii FDG bifa qindaa’een itti eegalee bara darbee guutummaa baatii Ebilaa keessaa uummatni Oromoo keessattuu dargaggootni Oromoo wareegamaa qaalii itti kanfaleef Oromiyaa Finfinnee fi mirga uummataa Oromoof falmaan hadhawaa itti godhamee) fi Ebli 15 Guyyaan Gootota oromoo Guyyaan seena qabeessii kan itti kabajamuu ta’uu hubachuun qajeelfamaa fi Ibsa hogannis sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo dabarsuu hordofuun uummatni Oromoo bakka jirruu gamtaan harka walqabannee mirgaa keenyaaf, biyyaa keenyaa fi eenyummaa keenyaa kabachiifachuuf haakanu jechuun dhaamsa isaa dabarsa jira.

Aside

11102989_1621471064733035_6453224586164017519_n

Walaloo GOOTOTA, Najiib Zannuun/Marsimoonaa Irraa

Aside

Qophii Sagalee SIMBIRTUU Ebla 9,2015

Aside

Simbirtuu; Oduu, dhimma tumsa Qeerroo fi marii prezidentii \Waldaa Qorannoo Oromoo (OSA) wajjin ta’e. Obbo Johar Mahaammad wajjin dhimma kora WW OSA, waa’ee obbo Haayilee Fidaa fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti (gabaabinaan) G/D gooneerra.

ቄሮ:የኦሮሞ:ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ ድምፅ:የሳምንቱ: ዜና:: – April 8 ,2015/ “ለኛ ጉዳይ” የቄሮ:ጥሪ!

Aside

Ebla 15, Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Aside

ABO

Baatiin Eblaa Seenaa QBO Keessatti Baatii Seenaa Qabeessa

Ibsa ABO

Ummatni Oromoo sirna gabrummaa walabummaa, birmadummaa fi mirga dimokraasii isaa sarbee hacuuccaa fi saaminsa gadi dhaabuu barbaade baroota dheeraaf of irraa faccisuun walabummaa isaa tikfate. Haa tahu malee dhuma irratti diinni waggoota dheeraaf Oromoo gabroomsuu irratti hin milkaa’iin ture gargaarsa meeshaa fi beekumsaa ala irraa argateen ittisa Oromoo cabsee hawwii isaa bakkaan gahate. Kana irraas sirni Kolonii Oromoo irratti diriirfame. Abbaan biyyummaa Oromoo hafee biyya isaa irratti alagoome. Qabeenyi Oromoo fi Oromiyaa ajaja alagaa jala gale. Gabroomfatootni ummata Oromoo cabsuun ol aantummaa fi sirna Kolonii Oromiyaa fi Oromoo irratti diriirsuuf milkaa’an iyyuu ummatni Oromoo gabrummaa irratti fe’ame fudhatee tole jedhee jalatti hin bulle. Walabummaa fi bilisummaa humna qawween irraa sarbame deebifatuuf wareegama baasaa har’a gahe. Wareegamni gosa hundaa baasaa jirus ummata Oromoo irraa kan dhaabbatu guyyaa mirgi isaa guutummaatti dhugoomee dhimma isaa irratti murteessaa tahe qofa. Oromiyaa diina irraa ittisuu fi diina jalatti erga kufeen boodas walabummaa gonfachiisuuf kanneen wareegaman yaadatuun dirqama lammummaa ti. Kana hubatuun ture ABOn Ebli 15 guyyaa yaadannoo, Gootota haqa ummata Oromoof jecha lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne baasan ittiin yaadatamu akka tahuu kan murteesse. Guyyaan Goototaa miseensota ABO qofaan eegale kun har’a kan ummata Oromoo maraa tahuun hubatamee biyya keessaa fi alatti kabajama. Kunis qabsaawota qabsootti jiran hamlachiisee, kaanis qabsootti akka makamanii fi gumaacha qabsoo adda addaa akka gumaachan taasiseera. Kanatti dabalees ilmaan Oromoo bilisummaa saba isaaniif jecha yeroo fi bakkoota adda addaatti kufan galmee seenaa fi onnee ummata isaanii keessatti akka galmaa’an taasise.

Gutummaan Isbsa Kanaa PDFn :-  Ibsa Guyyaa Goototaa