“Yaa Saba Koo ABSHIR ni Bariiti” Kajamaa Artist Afandii Siyyoo/ Wallee Haaraa

Aside

” ABSHIR ni BARIITI”

SBO Ebla 12 Bara 2015. Oduu, Gabaasa ergamtoota wayyaanee irratti qophaa’e, Haala Baqattoota Oromoo Biyya Yemanii fi gaaffii fi deebii Art.Callaa Carcar waliin geggeeffame.

Aside

GGO Ilaalchisee Dhaamsa Qeerroo Yuuniversitii Arbaa Minc Baroota Darbanii

Aside

“DIRAAMAA” FINCILA DIDDAA GARBUMMAA

April 10, 2015 Oromia

Asoosesee kan seenessu—-Kumsaa dha
javascript:void(0);

Kaayyon isaa —————– Uummata Oromoo tokkoomsufi. Sabboonummaa fi absoo bilisummaa jajjabeesufi. Rakkina ilmaan Oromoo gad baasufi falli isaa tokkummaan kanee lolachuu akka taye ibsuufi.
Yaadannoon isaa————-Ilmaan Oromoo qabsoo irratti, mana hidhaatti, otoo  biyyaa baqachaa deemanuu karaatti dhumaniif haa tawu.
Qabiyyee – rakkinni ilmaan Oromoorra jiru waan eexoo caala adhaa’aa deemef, gaafa barattoonni Ambotti hiriira nagaa bayanii sagantaa diinni dhala Oromoo lafarraa balleessuf baafate “Maastar pilaanii” balaleeffatan yoo waraana itti erganii fixan barataan umbarsittii Finfinnee birmatee dhaqee yoo tumsuuf qabanii mana hidhaa Qaallittiitti hidhani.
Sababiin rakkina ilmaan Oromoo “Tokkummaa” dhabuu akka tayee waan beekuf, uummata akkana baay’atu tokkoomsun dirqama kiyya tawuu qaba jedhee kutatee ka’e.
Yaada isaa sabboontota Oromootti erginaan sabboontonni jajjabeessanii, uummata Oromoo bakka hundaa, kabaa amma kibbaatti, bayaa amma lixaatti, biyya keessaa amma biyya ambaatti tokkummaan kaasani.
Walgayii “Fincila diddaa garbummaa” magaala Oromiyaa, Finfinnee, Hurufa Boonbitti waame.
Hawaasni Oromoo biyya jiran hundaa, bayaa amma lixaatti kaabaa amma kibbaatti biyyoolessa keessa jiraatanitti addabaabayiitti bayaniiti Hurufa Boonbitti “sikaaypiin” wal qunnaamaa, yaada isaanii uummataaf dabarsaa, isa biyyaa darbu doowwachaa oolani.
Waan Hurufa Boonbitii dabarsaa jiran uummanni TV fi raadiyoonin ordofa.
Rakkinni ilmaan Oromoo maal maal akka taye irratti dubbatani.
Uummanni Oromoo tokkummaatti amanee of bilisoomsuf murteesse.
————————————————————————————–
Kabajamtootaa, waanan kitaaban kitabe isin hundaan gawuu hin dandeenyef, akka “diraamatti” qopheessee isinii tamsaasuf dirqameera. Gabaabsee dhiyeessuf yaaden ture. Garuu, yoon kana caala gabaabse ergaan isinii dabarsuuf yaade guututti dabarsuu hin dandeenye. Kanaafuu, naaf obsaa, akkuma yeroo argattanitti akka naaf dhaggeeffatan isinin afeera. Yaada yoo naa kennitanis gara fuulduraatti akkan itti jabaadhu na gargaara.

“Goonni Baroodee Baranaa”

Video

Uummati Gaaffii Mirgaa Akka Gaafatuuf Kakaasaa Jirtu Sababaa Jedhuun, Sabboontoti Oromoo Shaggar Kaabaa,Sulultaa Irraatti Loltoota Wayyaaneen Qabamuun Mana Hidhaatti Darbaman‏

Aside

Odeessa Qeerroo Shaggar Kaabaa,Sulultaa Ebla 10,2015
Because I am OromoBarattootni sabboontoni Oromoo godina Shaggar Kaabaa ona Sulultaa irratti yeroo darbe wal dorgommii taasifameen dhaadannoo fi sirboota qabsoo uummatatti dhageessisuun uummata kaasuun sagalee dhageessisuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Akkasuma akka godina kanaatti walgayii taasifamu irratti ummanni argamuu diduunis mootummaa Wayyaanee mufachiisuu, Ayyaanni OPDO godina kana irratti yeroo lamaa ol akeekame barattootaa fi uummataan feshelaa’ee hafuun mufii guddaa mootummaa Wayyaaneetti uumee jira.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa Ebla 10,2015 godina kana keessatti maqaa ABOtiin shakkamuudhaan kanneen uummata,barattoota, waraqaa dhaadannoo uummata kakaasu maxxansan jedhamuun raga qabatamaa tokko malee shakkiidhumaan qote bultoota sadii fi barattoota 5n toohataman, qorannoonis irratti gaggeeffamaa jiraachuu Qeerroon gabaasee jira. Namoota kanaan sabboonummaadhuma isaaniin toohatamuun aanaa Sulultaa irratti hidhamanii qoratamaa jiran keessaa muraasni:

  1. Kabbadee Suufaa-barataa
  2. Obbo Qajeelaa Suyyum-Qonnaan bulaa
  3. Oliyaad Kaffaaloo-barataa

Namootni akka Qeerroon gabaasetti Qeerroo waliin quunnamtii qabaachuudhaan uummata fincilaaf kaasu, uummanni mootummaa waliin nageenya akka hin qabaanne taasisu, mootummaa irratti dargaggoota ijaaru jedhamuudhaan shakkiimaan toohatamanii akka jiran odeessaan Qeerroo magaala Sulultaa irraa addeessa.