Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Qophii Bitootessa 10, 2015

Aside

Warraaqsi Bilisummaa Oromoo Guddoo Kan Isa Baaragse Wayyaaneen Konkolaataa Godinoota Deeman Hunda Sakatta’uuf Murteesse.

Aside

Bitootessa 12,2015 Naqamte

IMG_20150312_112935Sochii Oromiyaa keessatti bifa addaan Qeerroon Bilisummaa itti fufeen kan baarage mootummaan Wayyaanee waan qabee gadhiisu wallaallee jira,haala kanaan barattooti Yuuniversitii fi hojjettooti mootummaa aannoolee dhaloota isaanii fi bakkoota adda addaatti ramadamanii hojii warraaqsa bilisummaa ni gaggeessu sababaa jedhuu fi shakkii hin jirre afarsuun konkolaatotiin aanaa fi godina deeman hundi akka sakattama’amaniif ajjaja dabarsee jira.

Ajaja kanaan kan sakatta’u loltoota Wayyaanee naannoo biraa irraa rarramadamanii bakka buufata konkolaataa fi keellaalee irra dhaabbatanii jirachuu Qeerroon gabaasa.

Wallagga,Aanaa Jimmaa Horroo Keessatti FDG Itti Fufe.Poolisoonni Oromiyaas Qeerroo Deggeran.

Aside

JHBitootessa 11-12 bara 2015 sochiin Qeerroo Bilisummaan Oromoo taasisaa jiruun goleelee Oromiyaa walii gala keessatti gaaffiin mirgaa fi bilisummaa Oromoo bu’ureffate itti fufuun, Bitootessa 11 irraa kaasee uumata waliin wal qabachuun godina Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo keessatti diddaa kaasaniin waraana Wayyaanee waliin walitti bu’aa oolanii jiru.

Gaaffii uumanni Oromoo aanichaa gaafataa jiru keessaa:-

Mootummaan Wayyaanee haamlee fi aangoo ittiin uumata Oromoo bulchu waan hin qabneef waggaan 23 isa gahee jira nurraa haa bahu.

Qeerroon Bilisummaa akeeka mirga democaracy fi bilisummaa qabatee falmaa itti fufa.

Finfinneen kan Oromooti,

Gochaaleen hammeenyaa mootummaa Wayyaaneen nurratti ta’aa jiru akka dhaabbatu!

Fi dhadatnooleen adda adda addaa dhageessifamaa Qeerroonis wallee warraaqsaan ABO fi WBO faarsaa oolee jira.

Poolisonni naannoo Oromiyaas Qeerroo cinaa dhaabbattan isa jedhuun mootummaan Federaalaa humna addaa fiduun ummata itti roorisaa ooleen poolisii Oromiyaa keessaa tokko ammoo namni Shifera Kuusaa jedhamu akka hidhame gabaafama.

FDG Bitootessa 11,2015 Ona Daawoo Magaalaa Buusaa Keessatti Ka’een Wal Qabatee Dargagaggoon Oromoo Galataa Waaqoo Reebichaan Mana Hidhaa Wayyaanee Keessatti Dararamaa Jira

Aside

Gammachuu WaaqoBecause I am Oromo

Bitootessa 12,2015 Gabaasa Qeerroo Magaala Buusaa

Dargaggoo Galataa(Tamasgeen) Waaqoo kan jedhamu godina Shaggar Kibba Lixaa ona Daawoo magaala Buusaa keessa itti guyyaa kaleessa ganama keessaa toora 12.30 pm itti gaaffii mirgaa kaftan sababaa jedhuun Poolisootaa fi kaabinootaan ari’amee erga qabamee booda sadafii qawween erga rukutamee haalaan miidhamee jira,kana malees reebicha Poolisoonnii fi dabballoonni Wayyaanee irraan gahanii lafa irra harkisuun reebicha humnaa ol erga irraan gahaanii booda mana hidhaa aanichaatti galchanii jiraachuu Qeerroon gabaasa.

Kana malees Dargaggoo Galataa Bitootessa 11,2015 erga reebanii hidhanii booda rifeensa gogaa irraa haadun fi mana kophaatti galchuun harkaa fi miilla muka dhaabbatutti hidhuun reeba kan jiran yoo ta’u erga kaleessa hidhamee haga amma hidhan kan irraa hin hiikkatiinifi reebichi irraa hin dhaabbatin ta’uu oodeffannoo achiirraa nu gahe ni addeessaa!

Sagalee Simbirtuu,Bitootessa 12,2015/Oduu fi Gabaasa FDG Yuniverstii Wallaggaa

Aside