Mootummaan Wayyaanee Olola Siyaasaaf Jecha Baadiyaalee Oromiyaa Keessaa Shamarran Ykn Haadhotii Leenjii Guyyaa Sadii Kennuuf Adaamaa Keessatti Walitti Qabaa Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Adaamaa Bitootessa 3,2015

ShamarranHar’a Bitootessa 3,2015 irraa kaasee Mootummaan Wayyaanee karoora Shamarran haadhoolii godinoota Oromiyaa gandoota adda addaa irraa walitti qabuun Adaamaa galma abbaa gadaa keessatti maqaa leenjii Shamarranii jedhuun Bitootessa 3,2015 walitti qabaa jira.

Akka gabaasi Qeerroo Adaamaa irraa addeessutti ergamtooti Wayyaanee OPDO gariin kan durfamu leenjiin kun kan kaayyeffatee ka’ee fi qabxiileen marii dhihaatee jiru:-

  1. Bakki hundeeffama dhaaba OPDO dirree darraa otoo hin taane dirree Adeet ta’uu
  2. Filmaata bara kanaa gufuu tokko malee mo’achuu akka qabamuuf qoodi shamarran kennan guuddaa ta’uu.
  3. Waayee Master Plan Finfinnee fi gaaffii lafaa qotee bulaan kaasu seeraan waan isa gaafachiisuuf shamarran qonnaan bultoota akka gorsan.
  4. Magaalaa fi Baadiyyaa keessatti dargaggoonni Oromoo mootummaaf waan hin abboomamneef harmootiin ykn shamarran dargaggoota Oromoo akka gorsanii fi mootummaa irratti kaka’uu irraa akka dhaaban.

Leenjiin Haadhotii ykn Shammaranii kun Adaamaa galma Abbaa Gadaa keessatti  guyyaa sadiif kan turu ta’uu gabaasi Qeerroo addeessa.

Bakka walgahii kanaatti ulaagaan shamarran baadiyyaa irraa gara leejichaa dhufan kan uffachuu qaban keessaa T-shirti mallattoo kanniisaa qabu ta’uu qaba. Kunis hirmaattota walgahichaaf raabsamee jira.

Orom Sha

Gaaffiin Abbaa Biyyummaa Barattooti Oromoo Kaasan Jaabaachuu Irraa Guyyaa Har’aa Moraan Yuuniverstii Wallaggaa Waraana Wayyaaneen Marfamee Oole.

Aside

Bitootessa 3,2015 Naqamte

diddaa9Guyyaa har’aa Bitootessa 3,2015 mooraan Yuuniversitii Wallaggaa humna waraana Wayyaaneen naanneffamee eegamaa jira. Barattooti mooraa keessaa bahuu fi galuu hin dandayan

Gabaasi Qeerroo akka addeessutti gaaffiin mirgaa barattooti Oromoo gaafatan jabaatee itti fufuun ammaan dura mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessaa badii tokkoon malee qabamanii barattooti hidhaman haal duree tokko malee akka hiikaman gamtaan ka’uun gaaffii dhiheessan. Gaaffii barattooti gaafatan kanaan wal qabatee mootummaan Wayyaanee battalatti waraana gara moorichaatti erguun mooraan marfamee oole.

Akkasuma sodaa fi shakkii kanaan seensa Yuuniversitii Finfinnee, Haromayyaa fi Bulee Horaa irratti balbala irratti sakatta’iinsi guddaan gaggeeffamaa akka jiru  gabaasi  Qeerroo addeessa. Odeessa hubatamu irraa kanaan dura kan tahee hin argamne,
sakatta’iinsi barattootaa gaggeeffamaa jiru moorawwan Yuuniversitii kanatti sodaan guddaan akka jiru tahuu kan ibsuudha jedhu Qeerroon. Odeessi itti fufee dhiyaata!

Barattoota Sabboontota Oromoo Wareegamaniif Yaadannoo Taasisuuf Manneen Barnootaa Godina Lixa Shaggar Heddumminaan Har’a Cufaatti Oole.‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Qeerroo Magaala Amboo

Geedoo fi tokkee kuttaayyeeBitootessa 3/2015 Lixa Shaggar irratti barattootni guyyaa har’aa jechuun Bitootessa 3/2015 barattoota waggaa darbee wareegamaniif yaadannoo taasisuuf manni barumsaa akka cufamuu fi barataan kamiyyuu mana barumsaa akka hin deemne kaleessa irraa kaasuun ergaa waliif dabarsuudhaan waamicha taasisanii jiru, haaluma kanaan guyyaa har’aa barattootni mana barumsaa Calliyaa,Geedoo,Miidaqany, Amboo,Gudar, Tokkee Kuttaayee fi kkf guutummaan guututti manni barumsaa cufaatti oolee jira,

Kana malees waraqaalee warraaqsaa hedduunis halkan edaa kan bittimfame waraqaalee balaliituun magaalaa Amboo fi naannoo Yuuniversitiitti bittimfamee kan bule tika mootummaa Wayyaaneen naasuu guddaa keessa seenuudhan, ganamaan ka’anii
funaanuun dhagayamaa jira. kanumaan wal qabsiisuun barattootni naannoo jiranitti walitti dhufuudhaanis yaadannoo barattoota waggaa darbe wareegamaniif taasisaniin hucuu gaddaa uffachuudhaan, gumaan obboloota ilmaan Oromoo wareegaman keessattuu dhimma naannowaa Finfinneef mootummaa Wayyaaneen galaafatamaniif wareegamni isaanii bilisummaan deebi’uu  qaba jechuudhaan dhaadannoo fi ergaa waliif dabarsaa akka jiran Qeerroon gabaasa.

SBO Bitootessa 04 Bara 2015. Oduu, Gaaffii fi Deebii Jaal Dhugaasaa Bakakkoo I/A H/D ABO fi Marii ‘PALTALK’ dhimma SBO jabeessuurratti fuuleffatee gaggeeffame ilaalchisee yaada Jaal Saamiyaa Usmaan

Aside

Botootessa 2,2015 Dargaggooti Oromoo Gartuun Bilisummaa Oromiyaa Qeerroo Bilisummaaf Riyaala 10,000 (Kuma Kudhan) Gumaachuu Isaani Beeksisan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 3,2015

Dargaggoonni Oromoo maqaa garee Dargaggoota Bilisummaa Oromiyaa, Hoggansa Dargaggoo Ahmad Mahammad Bosoona Baalee fi Shamarree  Hawwii Fira’oliin sosso’an Qeerroo Bilisummaa Oromoof gumaacha taasisan.

Dargaggooti Oromoo gareen Bilisummaa Oromoo kun Bitootessa 2,2015 Walitti dhfuun Riyaala 10,00(Kuma Kudhan) akka tinnisa Qeerroo Bilsummaa Oromoof oolu galii taasisanii jiru. Gumaachi kunis hamma galii bilisummaatti akka itti fufan beeksisan.

Gutummaa qophii kanaa video gabaabaa kana irra jira.