Mootummaan Wayyaanee Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmaa irratti Humna poolisii Federaalaa fi naannoo bobbaasuun sakkatta’insii gaggeessa jira.‏

Aside

Mudde 2,2014 Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmaa irratti Humna poolisii Federaalaa fi naannoo bobbaasuun sakkatta’insii guddaan Magaalaa Jimmaa irratti gaggeeffama jira.
Sochiin Warraaqsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo haalan jabaachaa dhufuun deeggarsaa guddaa fi dhageettii guddaa uummata Oromoo biratti argachaa dhufuu fi uummatni cina dhaabbachuun mirga isaaf falmachaa jiraachuun mootummaa wayyaanee afaan qawween uummata bitaa jiruuf yaaddoo guddaa ta’uun caasaan mootummichaa waan qabee gadhiisuu dhabuun hubatama jira. Haaluma kana irraa ka’uun magaalaa Jimmaa
keessatti Mudde 2/2014 irraa eegaluun galgala galgala magaalaa Jimmaa keessatti bakkoota garaa garaatti poolisootni federaalaa fi naannoo uummata nagaan daandii irra adeemuu dhaabanii sakkata’uun daran jabaate jira.

Kana malees kutaa magaalaa Jimmaa ganda Mantinaa jedhamutti uummataa fi dargaggoota walitti qabuun olola afaan fajjeessa itti ololuuf yaaliin godhame diddaa guddaan uummatni mootummaan kun nu ajjeessa jira, ajjeechaa seeraan alaa nurratti rawwatamuuf itti nuuf gaafatamuu qaba, mirgi namummaa fi dimookiraasii nurraa sarbamee jiru nuuf kabajamuu qaba jechuun diddaa isaa jabeessuun sagaalee dheekamsaan walga’ii abbaa irree fashaleessuun qaanii guddaa itti uffisee jira.

Dargaggootnis walitti qabamuun mootummaan Waayyaanee dhukaasee nu ajjeesaa jira namootni nama ajjeesaan seeratti dhiyaachuu qabu, nuti biyya mootummaan keessa hin jirree, biyyaa seerrii keessa hin jirre keessa jirra, mirgi uummaataa kabaamuu qaba jechuun sagalee mormii guddaa utuu dhageesisanii gara mana galma isaniitti deebi’un ibsame. Ummaatni Oromoo fi jiraattootni sabaa fi sablamootni magaalaa Jimmaa keessa jiran Sochiin Qeerroon Bilisummaa Oromoo biyyatti keessatti gaggeessa jiru, socchii sirna qabeessaa fi kan bilisummaa Uummata Oromoo mirkaneessuu fi nagaa fi tasgabbii biyyattiif fidu waan ta’eef waan dandeenyu maraan deeggarasa keenya qeerroof ni gumaachina jechuun uummatni Qeerroo cina dhaabbatee mirga isaaf falmachuuf qophii ta’uu hubachiisa jira. sirna wayyaaneef bitaamaa akka hin jirrees sagalee mormii dhageesisuun mirkaneessa jira.

የኦሮምያ የጸጥታ ዘርፍ ሃላፊ የዋቄፈታ እምነት ለማዳከም እንቅስቃሴ መጀመራቸውን ተናገረ

Aside

(ቄሮ:የኦሮሞ ወጣቶች  ነፃነት ንቅናቄ :) የኦሮምያ የጸጥታ ዘርፍ ሃላፊ  የዋቄፈታ እምነት ለማዳከም እንቅስቃሴ መጀመራቸውን ተናገረ።

ባለስልጣኑ ፣ ኦነግ በዋቄፈታዎች መጠቀም ይፈልጋል፤ የዋቄፈታ ድርጅት ተወካዮችን ስትራቴጂ ለመፈተሽ በስውርም በግልጽም ሰዎችን አሰማርተናል፤ እነሱ በሚያቀርቡት ሪፖርት ላይ ተነስተን እርምጃ እንወስዳለን ብለዋል።

ቄሮ:የኦሮሞ: ወጣቶች :ለነፃነት: ንቅናቄ : ድምፅ : የሳምንቱ : ዜና:: December 03, 2014

Aside

Humna Waraana Wayyaanee keessaa Ilmaan Oromoo Kan Ta’an Gaaffii Uummata Keenya Ni Deggerra Jedhu!‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Muddee 03,2014

OromiaALutaContinua2011FDGAkkuma beekamu waraana Wayyaanee keessattis wal dhabdeen erga muldhachuu eegalee oolee bubbulee jira, haala kanaan ilmaan Oromoo humna waraanaa keessatti argaman ilaalcha sabboonummaa sadarkaa oliitti keessatti dhalachaa waan deemeef jecha Oromoota kanneen ta’an irratti xiyyeefannaan addaa fi jibiinsi irratti hammaachaa waan dhufeef jedha wal dhabdee fi wal shakkiin guddaa uumamee jira. Haala kanaan kallattii kana irraan gabaasni nu gahe, ilmaan Oromoo waraana mootummaa Wayyaanee keessa jiran uummata keenya irratti harka hin kaasnu, miidhaan uummata Oromoo waraana mootummaa Oromoo ta’an illee waan gaga’uuf jedhcha nutis akka ilmaan sabaa tokkotti obbolaa keenya, abbootii keenya ilaallee ilaalcha diinummaa saba keenya irraa kaasuu qabna sababaa jedhuun kutaalee waraanaa jiran keessatti gaaffii kaasaa jiru.

Mootummaan Wayyaanee haala kana irratti rifaatuu qabu Oromoota garii ramaddii daangaa eegsisuu sababa jedhuun gara gammoojjii biyyattiitti ergaa jiraachuun beekamee jira. Haata’u malee kaayyoon kun , diddaa uummanni Oromoo kaasan keessatti miidhama uumata Oromoo teeny hin ilaallu,hamma ilmaan sabaa taanetti callisuun nu hin baasu isa jedhu irraa madda.

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Dirree Dhawaa Gootummaan Wayyaanee Dura Dhaabbachuun Roorroo Dhageessifatan.

Aside

Dirree Daawwaa

Muddee 1,2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Dirree Dhawaa Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sablammootaan dhoksaan mootummaan Wayyaanee mooraa Yuunibarsiitii Dirree Dawwaa keessatti gaggeessa jiru irratti dammaquun sirna mootummichaa fi gochaa Wayyaanee irratti diddaa kaasuu Qeerroon gabaase.

Halkan edaa sa’aa 12:30 wb irraa eegaluun hanga halkan keessa sa’a 5:00tti Mooraa Yuunibarsiitii Dirree Dhawaa dhuunfachuun walleewwaan warraaqsaa ABO fi uumata Oromoo faarsuu fi qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuun diddaa jabaa kaasan.

Mootummaan Wayyaanees Qeerroon barattootni Oromoo FDG ni kaasu  sababaa jedhuun  guyyaa ayyaana sabaa fi sablamoota sobee itti fakkeessu kana kabajadha jechuun muddamaa utuu jiruu waan godhu dhabee utuu barattootni hin beekiin mooraalee Yuunibarsiitii human waraanaan eegsiisaa ayyaanaa sabaa fi sablamoota jedhu dhoksaatti mooraa Yuunibarsiitii Dirree Dawwaa keessatti kabajaa jiraachuu Goototni Qeerroon barattootni Orpomoo irratti dammaquun gamtaan gaaffii mirgaa kaasuu fi walleelee warraaqsaan mirga saba Oromoof falmaa bulan.

Wallee ABO’n kallacha uummata Oromooti, ABO Abdii Uummata Oromoo fi gaachana Uummata Oromooti, ABO’n dimookiraasiif qabsa’a, ABO’n mirga ilma namaa kabachiisuuf qabsaa’a , ABO’n mirga sabaa fi sablamootaa har’a Wayyaaneen ugguraa jirtu kabachiisuuf qabsa’a jechuun sagaalee warraaqsaa guddaa wallee warraaqsaa ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuu dhageessisuun mootummaa wayyaanee dura dhaabbatan.

Mootummaan Wayyaanee human waraanaa heddumina qabu bobbaasee sochii dargaggoota kana dhaabsisuuf yaalii guddaa godhus dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo soda tokko malee sagalee warraaqsaa wal irraa hin citne itti fufuun dhageesisan. Haala rakkisaa keessatti sagalee warraqsaa Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Dirree Dhawaa dhageesisaan

WBO/OLA Day 2015 – Oromo History of Defense & Resistance – Featuring Abishe Gerba [Abishee Garbaa]

Aside

SBO Mudde 03 Bara 2014 Oduu – Gabaasa sirna yaadannoo GFD Konyaa Gadaa Bilisummaa Kanadaa fi Leeds UK – Gaaffii fi deebii J.Toleeraa Adabaa waliin akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

የኦሮሞ ወጣቶች (Qeerroo)የትግል ፋና!

Aside

barruuMeseret Tulluu irraa                    

ሲነድ ሲቃጠል የሚጭስ ወይም የሚስቅ እሳት።

ጀግና የጀግና ዘር ትግል የወለደው፡

ገና ሳይተኩስ ወይን(ወያኔ) ተርበርብዶ፡

ይህን ካዲ ባንዳ ጐርፉ የወለደው፡

ቄሮ የኦሮሞ ወጣት ትግሉን አነደደው።

ይህ ጠብደል  አጋዚ እውቀት የማያቀው፡

ወቦ(WOB)እያሳደደ ደግሞ እየወቃው፡

ተጀመር እንጂ መች አበቋ ትግሉ፡

አንዱ ቄሮ ሲወድቅ ወይም ሲስዎ፡ ሌሎች ሲቀጥሉ፡

ሞትን የደፈር ክቶ የማይራራ ፡

ደግሞም  እየሽለለ እንደው እያቅራሪ፡

ትውለድ የቄሮ እናት ደግሞ መንታመንታ፡

ሂድ ተዋጋ እያለች  እንዳያመነታ፡

አለህና አጋዥ የሆላ ደጀን ፡

ተላላኪ( ወይን )ሰላይን የሚያመክን፡

ታጠቅ የጀግና አባት ክቶ እንዳታቅማማ፡

ወርድ ልጀችህ ወደ ጀግኖች ማማ:

የኦሮሞ ወጣቶች (Qeerroo)የትግል ፋና!

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, December 1, 2014

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Qophii Muddee,1 Bara 2014

Aside