Gabaasa Qeerroo Mudde 29,2014 ,Jimma
Mootummaan Wayyaanee Yuuniversitii Jimmaa Keessaa Humna Waraanaa fi Tikaa Qubsiise, Amajjii 1 Guyyaa WBO fi Bara Haaraan Wal Qabsiisee Barattoota Yuuniversitii Kaanis Jeeqaa Jira.
Goototni barattootni Oromoo Yuuniverstiilee fi kolleejjota jiran keessatti gamtaa tokkummaa isaanii jabeeffachuun gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafatneef deebiin sirnaa fi seera qabeessi nuuf kennamuu qaba jechuun warraqsa FDG wal irraa hin citne bifa garaagaraan gaggeessa jiraachuun mootummaa Wayyaanee gaaffii karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyaateef deebii waraanaa fi ajjeechaa kenneef yaaddoo ulfaata ciniinsuu hamaa itti ta’ee jira. Wayyaaneen gaaffii karaa nagaa gaafachaa jirruuf deebii ajjeechaa jumlaa dugugginsa sanyii, hidhaa jumlaa, biyyaa fi barnoota irraa nu arii’atullee warraaqsa FDG bifa qindaa’een irratti gaggeessineen Wayyaanee tapha addunyaa si’anaa keessa baasaa jirra, kun dargaggoota barattoota Oromoo , hawwasa Oromoo fi jarmiyoota qabsoo bilisummaa Oromoo akka waliigalaatti sochii warraaqsa FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo qindeesse irraa qooda fudhataniif injifannoo boonsadha, Wayyaneef yaaddoo fi ciniinsuu dhumaa dhalaa jira.
Haala kana irraa Wayyaaneen hedduu sodaachuun mooraalee Yuunibarsiitii akka Jimmaa, Mattuu, Amboo, Walqixee, Wallaggaa , Gimbii, Shambuu, fi Walisoo humna poolisii federaalaa bobbaasuun eeggumsa guddaa gaggeessuu irratti xiyyeeffattee jirti. Addatti Yuunibarsiitii Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa irratti humna waraana guddaa bobbaasuun eegumsa itti jira.
Haala kanaa Muddee 29,2014 mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa Humna tikaa Wayyaaneen guutamee jira. dabballootni Wayyaanees barattoota Oromoo fi ilmaan Oromoo barsiisotaa hanga hojjettoota olaanoo Yuunibarsiitichaa fi hojjettoota gadi aanoo Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti argamaan hundumaa irratti hordoffii guddaa gaggeessa jiru.
Mootummaan Wayyaanee sochii uumata Oromoo addattis dargaggoota Oromoo irraa soda waan qabuuf wagga haaraa fi guyyaa WBO irratti FDG ni ka’a sababaa jedhuun mooraalee barnootaa akka aadeffate humna waraanaan doorsisuu eegalee jira.

