Wallagga Aanaa Jimmaa Horroo Keessatti Barattootni Oromoo Kutaa 11ffaa Mormii Sirna Bulchiisa Wayyaanee Kaasuun Barnoota Dhaaban.

Aside

11387_489669604505323_7735385139558897223_n

Mudde 23,2014  Wallagga, Aanaa Jimmaa Horroo

Wallagga Aanaa Jimmaa Horroo Keessatti Barattootni Oromoo Kutaa 11ffaa Mormii Sirna Bulchiisa Wayyaanee Bultii 3f Deemsisan Itti Fufuun Gutummatti Barnoota Dhaaban

Hanqina Meeshaa Barnootaan Wal Qabatee Barattootni Qellem Wallagga Aanaa Jimmaa Horroo Kutaa 11 fi 12 Barumsa Dhaabuudhaan Gaaffii Kaasaa akka jiran gabaasa Qeerroo yeroo darbee irraatti darbee jira. Haaluma kanaan barattooti Oromoo gaaffii mirgaa fi haqa qabaniin itti fufuun Mudde 23,2014 loltoota mootummaa Wayyaanee waliin walitti bu’uu fi doorsifamuun hammaatnaan guutummaatti mana barnootaa cufanii ykn dhaabanii warratti galanii akka jiran Qeerroon aanicha irraa gabaasa.

Kana malees hir’inni meeshaa barnootaa manneen barnootaa hunda irra gahe maatii barataa fi barattoota ilaala jedhee mootummaan uumata irraa horii funaanuuf saganteeffate guutummaatti farrummaa uumataaf qabu muldhisa malee hir’inni meeshaa barnootaa fi qulquullinni barnootaa kan ilaalu mootummaa Wayyaanee mataa isaati, kanaaf hanga mootummaan of tuulaan miidiyaadhaan tarsiimoo fi misooma barnootaa jedhee odeessu kun meeshaa hanqate fidee guututti barumsa hin barannu, deggersa barumsaas qarshiin nutty murtaa’e dhimma barumsaaf miti mootummaa sooruudhaaf malee jedhanii har’a diddaa isaanii cimsanii barattootnii mooraa gadhiisanii bahuun barnoota dhiisanii gara maatiitti galanii jiru.

Waldorgommii Ispoortii Aanota Lixa Shaggar Magaalaa Ambootti Gaggeefamuu Eegale Irratti FDG Dargaggootaa Oromoon Ka’uu Irraan Waraanni Wayyaanee Dirree Ispoortii Heddumminaan Qubate.

Aside

diddaa9Mudde 23/2014 Waldorgommiin Sportii  Aanoota Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo keessatti gaggeeffamaa jiru gara FDG tti jijjirame. Staduim Amboo Wallee Warraqsaa Qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO faarsuun dhuunfatame!!

Waldorgommiin Ispoortii gosa garaagaraan aanoota Godina Lixa Shaggar 18 gidduutti kan gaggeeffamaa jiru gara FDG tti jijjarame jira,Goototni dargaggootni Oromoo uummatni Oromoo bakka waldorgommiin Ispoortii kun gaggeeffamutti walitti qabamuun wallee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi gootota Oromoo fi ABO  faarsu sirbuun  sagantaa ispoortii fi taphootni garaagaraa wayyaaneen ittin sochii Warraqsa FDG laffisuu fi diddaa uummata Oromoo akka waliigalatti gaggeeffama jiru dura dhaabbachuuf qopheessite dura dhaabbachuun  diddaa sirna abbaa irree EPRDF’f qaban ifatti mul’isan.

Olollii afaan faajjii Wayyaaneen gama kamiin iyyuu gaggeessitu akeeka mirga keenyaa fi eenyummaa keenya kabachiifachuuf qe’ee keenyaa fi qabeenya keenya irratti wareegama qaalii baasa jirru irraa duubatti nu hin deebisu jechuun waraana wayyaanee, poolisoota Federaalaa Wayyaanee  basaastota wayyaanee ergama diinummaa fudhatanii sochii adeemsa FDG uummtni gaggeessa jiru kana dura dhaabbachuuf babbafamanii fi sabboontota Oromoo adamsuu fi qabanii hidhatti darbachuuf bobba’an dhagaan haleeluun bakkaa Waldorgommiin ispoortii Magaalaa Amboo Stadium guddicha keessatti gaggeeffamaa jiru arii’uun waldorgommiin ispoortii battalumatti gara FDGtti jijjiramuu danda’ee jira.

Mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa human waraanaa fi poolisoota federaalaa of harka qabu dargaggoota fi uummata irratti bobbaasuun dirree Stadium  Magaalaa Amboo gara dirree waraanatti jijjiruun uummata fi dargaggoota irratti goolii kaasuun uummata gooluu itti fufan illee goototni dargaggootni Oromoo Godina lixa Shaggar irraa sababaa wal dorgomii ispoortii Wayyaaneen ololaaf qopheesiteen magaalaa Ambootti walitti dhufan Wallee Warraqsaa ABO faarsuu fi qabsoo bilisummaa Oromoo fi gootota Oromoo leellisuu itti fufuun dargaggootni Oromoos tokkummaa isaanii jabeeffachuun  gara tokko dhaabbachuun dhagaan humnotaa tikaa fi waraanaa poolisii federaalaa wayyaanee dura dhaabbatan. Haaluma kanaan waldorgommiin Ispoortii ololaaf wayyaaneen qopheesitee guyyaa kaleessa irraa eegaluun caalmatti gara FDGtti jijjiramee jira. Guyyaa har’aa mudde 23/2014 illee Magaalaan Amboo human waraanaa guddaa fi poolisaa federaalaa heddumina guddaa qabuun marfamtee utuu eegama jirtuu, Walleen warraqsaa haalaan jabaatee itti fufee jira.

 

SBO Mudde 24 Bara 2014 – Oduu – Gabaasa Festivala Aadaa Oromoo Melbourne Australia – Dhaamsa Bara Haaraa miseensota WBO akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside