Sochii Barattoota Yuuniversitii Bulee Horaa fi Diddaa Uumataa Aanaa Ginniir Dura Dhaabbachuuf Jecha Waraanni Wayyaanee Hedduminaan Godinicha Irratti Ramadame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Godina Baalee, Ona Ginnir Irraa Muddee 22,2014

diddaa9Humni waraana Wayyaanee Baalee aanaalee garagaraa fi naannoo Yuuniversitii Bulee Horaa socho’uun beekame. Gabaasni Qeerroo har’a Muddee 22 addeessuun , mormiin bulchiinsa mootummaa fi karoora miisooma mootummaa gufachiisuudhaaf uummannii fi barataan Yuuniversutuu Bulee Horaa wal tumsee jira sababa jedhuun mootummaan Wayyaanee ona Baalee garagaraa keessatti humna waraanaa qubsiisuun sochii diddaa dura dhaabbachuu qaba jedhee qubachiisuu gabaasni nu gahe addeessa.

Akka madda gabaasichaatti baatiwwan darban keessatti uummanni gaaffiwwan dhimma hidhamtootaa ilaalchisee gaafachuu irraan, akkasuma mootummaan dhimma amantaa keessa akka hin gallee fi hordoftoota amantaa musliimaa keessattis namoota maqaa shororkeessummaatiin mana hidhaa keessa jiraniin wal qabsiisanii gaaffii kaasuun kan yaadatamuu fi akkasuma barattootni Oromoo mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa, gaaffii kaasan waraqaadhaan mooraa keessatti bittimsuun gabaasuun keenya kan yaadatamuudha kanumaan kan wal qabate mootummaan Wayyaanee godina Baalee irratti wal tumsi uummataa fi barataa daran jabaatee akka jiru waan hubateef FDG Oromiyaa keessatti ka’u humna waraana isaatti amanuun uummata dura waraana isaa buusuun hojii isaa fardii waan taheef, sodaa fi shakkii diddaa yeroo ammaa Oromiyaa keessatti qabuun kan ka’e ammoo godina Baalee irratti sochii barattootaa fi uummataa waan isaa yaaddeesseef, humni waraana isaa godina kana keessa onaalee garagaraa fi naannoo Yuuniverstii Bulee Horaa buufatee socho’aa fi doorsisa adda addaa mul’isaa jiraachuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo biratti jibbamuu jala muree kan beeku tahullee abdii kutachuu dhabuun, tooftaa hannaa fi doorsisaan filannoo irratti filatamuuf amma irraa haala aanjeffachaa kan jiruu fi uummata keessatti ammoo uummanni qaama biraa filachuun akka adabsiisaa tahe doorsisa uummata irratti bananii baadiyaa keessa socho’uudhaan duula taasisaa jiru,kun godinaalee Oromiyaa garagaraa keessaa gabaasni Qeerroo addeessa.

Aside

Beeksisa:- Walleeleen Bara 2014 Keessa gaaffii Mirga Uumata Oromoo ol-kaasuun Mootummaa Wayyaaneen hundeen raasan keessaa hammi tokko Amajjii 1,2015 Itti Guutuu Oromiyaa fi Biyya Alaa keessatti Ummata Oromoo dhaqabuuf jira.

CD marsaa duraa tokkichi isaa walleelee 28 kan qabatu ta’a. Kan marsaa 2ffaas akkasuma baatiilee muraasa booda uumata Oromoon dhaqaba.

dvd lebel cov 333-02

Sababaa FDG fi Mormii Master Plan Finfinneen Wal Qabatee Dargaggooti Oromoo Mana Hidhaa Sabbataa Keessatti Dararamaa Jiru.

Aside

Mudde 22,2014 Gabaasa Qeerroo Sabbataa

Gaaffii mirga uumata Oromoon wal qabatee Ebla 2014 keessa dharaan yakkamanii mana hidhaa keessatti dararaa guddaan kan irraan gahamaa jiru Oromooti hedduu dha.Godinaalee Oromiyaa bakkoota gara garaa manneen hidhaa beekamuu fi hin beekamiin keessatti dararaan Oromoota irraan gahamaa jiru haalaan hamaachaa kan dhufe yeroo ta’u yeroo ammaa kanatti Master Plan Finfinnee mormuun Oromoota mootummaa Wayyaanee irratti kakaaftaniittu sababaa jedhuun Oromoota hedduu hidhamanii mana hidhaa sabbataa keessatti dararamaa kan jiran yeroo ta’u,kanneen keessaa haala hamaa miidhama guddaan warri irra gahan namni 4 karaa adda addaan ragaalee kijibaa kaabinoota, polissootaa fi nama dhalootan oromoo hin tahiin(abashaa) tti dhimma bahanii mana hidhaatti deddeebisuun dararaa guddaa irraan gahaa jiru.

Kanneen keessaa ammatti kan ragaa kijibaan yakkamanii dararaan irraan gahamaa jiru keessaa:-

Because I am Oromo1,Leencoo Girmaa

2,Tashoomaa Adunyaa

3,Caalaa Fufaa

4,Girmaa Araarsoo

Kanneen jedhaman keessatti argamu.

Oromia show 2014 on Oromia@Federation Square Melbourne Australia Dec 21,2014

Aside