WAREEGAMA HANQISUUF WAL TUMSUUN MURTEESSAADHA. kutaa 4ffaa fi xumuraa

Aside

SEENAA Y.G (2005) kutaa 4ffaa fi xumuraa | Muddee 21, 2014

Barreessaa dhugaa baasa!Mata Duree “WAREEGAMA HANQISUUF WAL-TUMSUUN MURTEESSAADHA”! jedhu jalatti, yaada bal’aa kutaa 3n kaasuu yaaleera. Yaadoonni kun irra jireessa, waan haaraa osoo hin taanee, qalbii Dhala Oromoo hundaa keessa kan jiruudha. Tumsi ani baanuus, kan hundi keenya keessa keenyatti hawwiinu, garuu , Hawwuu qofti furmaata akka hin taaneellee hubannu, har’a borii odoo jennuu wareegama Ummata keenyaa akka ida’aa deemuuf, odoo beeknuu carraa kennaa jiraachuu keenya yaadachiisuufi. Rakkoo keessa keenyatti arginu hundaaf Qorichi isaa, harkuma keenya keessa jira. Qorichi Tokkummaa ykn Wal-Tumsuu deebifnee of gaafaachaa fi wal gaafachaa jirru kanaaf kan ta’u, Ulaagaa WAL-TUMSUU YKN TOKKOOMUUN barbaaddu guutanii argamuudha. Inni lammaffaa Ulaagaa kana dhugeessuuf “HAWWII”keessaa ba’anii hojiin mul’achuuf murteeffachuudha.

Waanuma Umamaan Ummati keenya qabu , warri abshaalli totolchanii deebisanii nu barsiisanii akka ittiin eebbifamnee hafnu ykn waanuma akka dhuunfaatti qabnu fakkeessanii ofittummaan nu gaadi’an malee,TUMSA kabajaa qabu fi hiikkaa quubsaa qabu, Aadaa Umama Oromoo keessaa qabna. Waan Waliin umamne deebisnee barbaadaa akka jirru hubachuu dhabuu keenyatu, habjuu hawwii keessa nu gangalchaa jiraata. Nuutis sababaa ofittummaa irraa maddaniin, Tumsa Umamaa qabnu qorannaadhaan achi fageessaa jirra.warra wal Tumsee Bilisoome ilaallee ykn warra waliif dhaabbatee sagalee isaanii addunyaatti dhageesifatan TVn ilaallee “Oromoon akkas odoo godhee” jennee, hawwiin of dhukkubsina. Garaagarummaan isaan waliin qabnu garuu , hojiin mul’isuu ykn argisiisuu irratti qofaadha. Waan amma har’aatti gaggeeffame fi gaggeeffamaa jiru bishaan itti naquu miti. sadarkaa irra jirru irraa dachaan hojjachuutu Wareegama keenya hanqisuu danda’aatti amanu irraati.

WAREEGAMA HANQISUUF……..kutaa 4ffaa fi xumuraa..docx