ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ: የሳምንቱ :ዜና:: December 17, 2014

Aside

Hanqina Meeshaa Barnootaan Wal Qabatee Barattootni Qellem Wallagga Aanaa Jimmaa Horroo Kutaa 11 fi 12 Barumsa Dhaabuudhaan Gaaffii Kaasaa Jiru,Dhimma Barnootaan Sobni M/Wayyaanee Miidiyaadhaan Ololu Ifa Jira‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Mudde 19,2014 Jimmaa Horroo 

11387_489669604505323_7735385139558897223_nGabaasa Qeerroo Qellem, Jimmaa Horroo, Muddee 19/2014 Mootummaan Wayyaanee yeroon filannoo jala gahetti misooma barnoota jedhee hafarsuudhaan uummata Oromoon carraa filatamuutiif jecha miidiyaadhaan halkanii guyyaa hafarsaa jira.

Yuuniversitiilee Oromiyaa keessatti baayinaan sadarkaa duraa ol dabaluudhaaf mootummaan baajata guddaa dabalee jira utuu jedhee miidiyaadhaan qaamonni miidiyaa isaatii ololanii gama biraadhaan uummata keessatti ammo barattootni rakkoo hanqina meeshaatiin barumsa dhabanii miidhamaa kan jiran keessattuu barattootni godina Qellem, Jimma Horroo irraa barattootni kutaa 11 fi 12 baratan dhimma barnootaan wal qabsiisanii gaaffii kaasaa jiran, miidiyaaleen mootummaa wayyaanee sodaa fi garaa isaaniif jecha oduu sobaa kan dubbatan, yeroo ammaa uummata biratti kan hubatamee jiruudha, gama barnootaan mootummaan hanga gandaatti baajata guddaa ramadee deggersa barnootaaf kennaa jira kan jedhan barattoota mana barumsaa qophaayinaa Jimmaa Horroo irraa barataniif ammo rakkinoota hanqina meeshaa manni barumsaa qabu guuttachuudhaaf tokkoon tokkoon barataa qarshii 370 kennuu qaba jechuudhaan barattootatti dirqamni kan gadii bu’e torbe kana keessa tahuun isaa gabaani Qeerroo aanaa Jimmaa Horroo irraa ibsa

Kanumaan wal qabatee Muddee 18 irraa kaasanii barattootni kutaa 11 fi 12 baratan mootummaan gama biraadhaan baajata guddaa baaseen 10849770_489684271170523_3966400981765942262_nmisooma barnootaa Oromiyaa keessatti babal’isa, barataan meeshaa guutuudhaan barachuun dirqama isa kanaf ammoo baajatni guddaan ramadamuu isaa miidiyaa isaanii of harkaa qabaniin kan dubbataa jiran haala dhokataa uummanni hin beekneen ammoo barataa irraa qarshii funaanee kaayyoo jedhee olole san guuttachuudhaaf adeemaa jira, isa kanaaf mootummaan akkuma ololaa jiru san baajata san gadi fidee meeshaa san nuuf guutuu qaba, kana tahuu baannan barumsa hin barannu, qarshiin nu gaafattan hannaaf, duudhaa mootummaa irraa oolchuudhaaf malee faayidaa keenya ykns kan uummataa miti mootummaan maaliif uummata sobaa? Hanqina meeshaas utuu qabnu dorgommii barattoota biraa waliin galuu hin dandeenyu jedhanii barumsa dhaabaa kan jiran tahuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

984239_489701554502128_8341123047098626439_nUummanni mootummaan erga of hin dandeenye, gadi haa dhiisu kan hojjetuuf kennuu qaba aangicha, meeshaa barnootaa nan guuta jedhee erga dubbachuu eegalee waggaa meeqa, har’a uummataa fi barataa homaa hin qabne irraa maal barbaada mootummaan tahus hanga kana karaa miidiyaa isaanii nu sobuun maalii jechuudhaan uummannis barataa deggeruu isaa , barattootnis barumsa barachaa kan hin jirre tahuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

SBO Mudde 21 Bara 2014 Oduu – Dhimma Artistoota Oromoo irratti gabaasa akkasumas qophiilee adda addaa

Aside

Artistooti Oromoo Gaaffii Mirgaa Walgahii Wayyaanee/OPDOn Qopheessan Irratti Kaasan Jabaachaa Jira.

Aside

   Gaaffileen Artistoota Magaala Shaashimannetti Marii Taasifamaa Jiruun Ka’an!

OromiaALutaContinua2011FDGMootummaan naannoo Oromiyaa yeroo ammaa waajjiraalee aadaa fi tuurizimii tahuudhaan Atistoota Oromoo Oromiyaa keessaa walitti sassaabuudhaan guyyaa 10f Muddee 15 irraa kaasee Adaamaa galma Abbaa Gadaa fi Arsii Shaashimanneetti gaggeessaa jiraachuun gabaasnee jirra. Marii taasifamaa jiru kana irratti gaaffilee hedduun Artistoota irraa ka’aa jiru hedduudha, kan Adaamaa galma Abbaa Gadaatti taa’amaa jiru gaaffiilee ka’an gabaasuun keenya kan yaadatamuu fi marii magaala Shaashimanneetti Artistootaan taa’amaa jiru irraa gaaffilee muraasa ka’aa jiru kanaa gaditti kan argamuudha.

  1. Mootummaan dhalataa Amaaraa waliin tokkummaa akka qabaannu ni barbaada. Miidhaan Habashaan dur uummata keenya irraan gahaa ture keessa keenyaa hin badne har’a mootummaan akkamiin isaan waliin tokkummaa uumaa jiraadhaa jedhaa?
  2. Dhimma Sportiif Dr Mulaatuun yeroo gara Bahardar deeme isaan irratti iyyanii kan jeeqan ijoolleen Amaaraa namni kun waan oromoo taheefiidha. Presedaantiin naannoo tokkoo maaliif hin kabajamu? Warra Amaaraa biratti uummanni oromoo ammas taanan jaallatamaa hin jiru isa kanaaf dhimma isaan waliin tokkummaa uumuu jedhu irratti walii galtee hin qabnu !!
  3. Minilik qaamaan yoo jiraachuu baateyyuu suuraa isaa fuudhanii kan naannowan minilikiin kan bakka bu’ee jiru ammayyuu jira,namni kun diina Oromoo waan taheef kana arguu hin barbaannu kanaaf isaan irratti tarkaanfii mootummaan maaliif hin fudhatuu?
  4. Oromoodhaaf kan falma hadhawaa taasisaa ture ABO dha, ABOn sababa keessaniif biyyaa bahe,har’a taanan ABOn seenaa guddaa qaba,OPDOn seenaa barreeffame maal qabaa? Seenaa maalii hojjettanii?
  5. Misooma misooma jettanii kan miidiyaa keessaniin kan ololtan waan mul’ataa fi quubsaa uummanni keenya argee hin beeku Itoophiyaan ammayyuu daaraa uffattee jirti, maqaa sobaan hanga yoomitti daldaltuu?
  6. Minilik isaa uummata oromoo miidhaa ture,ajjeesaa ture, saniif weellistoonni amaaraa sirbaafii jiru, nuti gootota keenyaaf gaafa sirbinu maaliif gara siyaasaatti lakkaawamaa? Kan isaanii maaliif siyaasatti hin ilaalamuu?
  7. OPDO fi ABOn Oromoodha, saba oromootiif dhaabbatani, isaan kun lamaan maaliif waliin hon sochoonee? Maaliif isaan lamaaniif biyyi kennamee hin bulchin?
  8. Mootummaan misooma irratti bobbahee hojjetu yoo jiraateef misoomni biyya keessa jiraachuutti ni amanna turre,dirqamaanis haatahu alaabaa Federaalaa fudhanneerra,warri amaaraa garuu ammayyuu alaabaa godaannisa leencaa qabu fudhatanii naannawu,maaliif isaani irratti tarkaanfiin hin fudhatamuu? Erga taheemmoo isaanis maaliif tokkummaa sabaa fi sab-lammootaatti hin amananiree?
  9. Uummata Oromoo keessa beekaan baayeedha, muummicha ministeeraa maaliif tahuu hin dandeenye oromoon?
  10. Dhimma waraanaa irratti Oromoon ajajaa jeneraalotaa tahee hin hojjetuu?

Kan jedhuun gaaffilee guyyaa mari eegalan irraa kaasee ka’aa jiran qabxiiwwan ijoo tahan gaafachuun waan gabaasa nu gahe irraa hubatamaa jira, haaluma kanaan ammallee kan itti fuee jiruudha. Gabaasa dabalataan walitti deebina!