Diddaan Dargaggoota Oromoo Hojii Maleeyyii Tahan Har’a Finfinnee Naannoo Kiiloo4 Itti Jabaachuu Irraan Mootummaan Wayyaanee Akka Amala Isaa Humna Waraanaa Fayyadame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee, Muddee 18,2014
??FDG biyyattii keessatti kallattii adda addaan finiinaa jira, barataan Oromoo gaaffii mirgaa dhiyeessuun, manneen barnootaa olaanoo fi godinaalee garagaraa rakkoolee yeroo ammaa mootummaa Wayyaaneen uummata irra gahaa jiruun wal qbatee diddaan ka’aa jira. Gaaffiin mirgaa Yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti dhalate akkasuma Mattuu Yuuniversitii keessatti kan itti fufee jiru haaluma kanaan Yuuniversitiilee biroo keessatti kan itti fufaa jiruudha.

Diddaa wal irraa hin citne, gaaffiidhuma wal fakkaatu, hoji maleeyyiin yerooammaa wal qindeessuudhaan mootummaa Wayyaanee irratti hiriiruun gaaffii kaasuuf kan deemaa jiran kaleessa gabaasun keenya kan yaadatamuudha, diddaan kan jabaatee jiru amma barataa irraa gara uummataa fi barataa hojii dhabee magaala Finfinnee keessa jiraatuun finiinaa kan jiruudha, haatahu malee mootummaan Wayyaanee uummata gaaffii mirgaa gaafatu maqaa shororkeessota jechuudhaan humna waraanaa ramaduudhaan sochii barataa fi uummataa dura dhaabbata, kun guyyuudhaan mootummaan Wayyaanee humna isaatti fayadamee wagga lakkaawataa jiruudha.kr

krGuyyaa har’aa magaala Finfinnee naannoo hoj-dhabdoonni itti hedduummatanitti humna waraana isaa ramadee jira, kan akka Lagahar, Kiiloo 4, Piyaasaa jedhaman keessatti ganama kana humni waraana Wayyaanee ramadamee socho’aa jiraachuu suuraa argame waliin gabaasni isaa addeessa. Gaaffiin hoji maleeyyii gara gaaffii mirgaatti naannahuu taha jechuudhaan waan shakkuuf mootummaan wayyaanee akka amala isaa humna waraana isaatti fayadamaa jira,kana irraan kan ka’e diddaan gama kanaan eegaluudhaaf ture humna bittimneessaa wayyaaneen adda bahanii jiraachuu fi walumaa galatti mootummaan wayyaanee naannoo adda addaatti haala garagaraan gaaffiin ka’aa waan jiruuf, diddaa wal hidhataanis mooraa barnootaa keessatti mul’atee jiru yuuniversitiilee keessatti barumsi dhaabbatee barattootni nyaata lagachuudhaan fonqolcha mootummaa Wayyaanee irratti hiriiruu jabeessanii wan argamanii baratas tahe uummanni Oromoo walitti dhufeenyaan, wal gurmeessuu keessatti waan sodaatuuf tikoota isaa naannolee yuuniversitii, koollejjii,fi bakka uummanni Oromoo heddumattutti qubachiisaa jira

Uummata Oromoof Mirga Gaafachuun Yakka Kanneen Jedhan Bulchiinsi Koolleejjii Barsiisota Jimmaa Barattoota Oromoo 8f Akeekachiisa Kennan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Kolleejjii Barsiisota Jimmaa

DIDDAAMudde 17,2014 Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF Gootota barattoota Oromoo Koollejjii barsiisota Jimmaa 8 irratti karaa dabballoota ergamtoota isaa FDG qindeessa jirtu jechuun biiroo bulchiinsa Koolleejji barsiisota Jimmaatti waamuun doorsise jira.

Isin rakkoo ilaalcha qabdu jechuun biiroo bulchiinsa koollejjichaa fi biiroo presidentii koolleejjii barsiisota Jimmaa ”Abbaa Zinaab Abbaa Olii” kan jedhamuutti waamamuun badii tokko malee maqaa ilaalchaan fallaa mootummaa keenya jirtu jechuun doorsifni humna olii erga irratti gaggessanii booda, barnoota irraas ni arii’amtu jechuun badii tokko akeekachiisi cimaan itti kennamee jira.

Haala kanaan Barattootni Oromoo Oromummaan yakkamuun dararaman kunneen kanneen maqaan isaanii  akka armaan gaditti eeramedha.

  1. Barataa Gulummaa Lammii mummee  Ingiliffaa waggaa 3ffaa
  2. Barataa Ababaa Gudee  mummee baranoota biology waggaa 3ffaa
  3. Barataa Taddalaa Taarikuu mummee barboota herreega. waggaa 3ffaa
  4. 4.Barataa Asaffaa Dhugumaa mummee barnoota Heregaa waggaa 3ffaa

5.Barataa Qaqqabaa Humneessaa mummee herreegaa waggaa 3ffaa

  1. Barataa Abarraa Dheeressaa mummee herreegaa waggaa 3ffaa
  2. Barataa Asaffaa Dhugumaa mummee Keemistirii Waggaa 3ffaa
  3. bBarataa Tokkummaa Hundee mummee herreegaa waggaa 3ffaa kanneen keessatti argaman barattootni Oromoo 8 sababaa Oromummaa isanii qofaan kollejjii barsiisota Jimmaa keessatti doorsifamuun akekkachifni dhumaa barnoota irraa arii’amtu, FDG nurratti gaggeessa jirtu jechuun qorannoon bulchiinsa Koolleejjii Barsiisota Jimmaa fi humna basaasaa fi dabballee TPLF nama maqaan ‘Taarikuu’ jedhamuun doorsifamuun ibsame jira. Goototni barattootni Oromoo doorsifni fi hiraarsi diinaan nurratti godhamu kun takkaa illee kayyoo keenya irraa duubatti nu deebisuu hin danda’u, warraqsaa FDG ni jabeessa malee laffisuu akka hin dandeenye hubachiisuun dargaggootni Oromoo bakka hundaa FDG jabeessuun abbaa irree wayyaanee of irraa qaaarisuu qabna  dhaamsa jajjabina dabarsan.

Barattooti Oromoo Gaaffii Mirgaa Kaasuu Irraan Waraanni Wayyaanee Mooraa Yuuniversitii Haromayaa Dhuunfate

Aside

Gabaasa Qeerroo Haromayaa,Mudde 18,2014

diddaa9Guyyaa gaafa Mudde 16,2014 Mooraa Yuuniversitii Haromaayaa keessatti barruuleen uumata Oromoo hadheessanii fi qorqalbii cabsan maxxanfamuu irraan baratooti Oromoo gaaffii mirga Oromoo kaasan. Haala kanaan barattooti Oromoo naannoo Mana Kitaabaa ( Library) itti wal qindeessuun sagalee diddaa dhageessifatan. Kun kana ta’aa osoo jiruu battalatti humni waraana Wayyaanee bakka irraa dhufe hin beekamne mooraa guutuu naannawuu fi baratattoota Oromoo doorsisuun akka isaan diddaa dhaabanii fi naannoo san irraa bittinfaman gadi jabeessanii akeekachiisuun dirqiin barattoota gaaffii isaanii dhaabanii ofii mooricha dhuufantanii jiru.

Haalli kun kanaan hin dhaabbante gabaasa dabalata Qeerroon booda irra ni dhiheessa.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, December 17, 2014

Aside