Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Muddee 15 ,2014

Aside

Eegala Irratti Mormii fi Gaaffiin Gootota Artistota Oromoo Irraa Isa Mudateen Walgahiin Artistootaaf Adaamaa Irratti Tahe Ergamoota Wayyaaneen Tasgabbii Dhorke.

Aside

Gabaasa Qeerroo , Muddee 15, Adaamaa irraa

48Mootummaan Wayyaanee artistoota oromoo kaleessa Muddee 15 irraa kaasee magaala Adaamaa keessa itti walgayii teesisuun guyyaa 10f marii jalqabsiise jiraachuun beekame. Akkuma beekamu mootumaan Wayyaanee ilmaan Oromoo sodaa irraa qabu keessattuu weellistoota Oromoo walitti qabuun isaa yaamicha qabsoo oromoof uummata kakaasu hojjechuun, waan uummata gurmeessuu fi onneessu weelluu garagaraan uummannii kan dammaqu, fi kanneen sochii uummataaf sababoota tahan jedhee waan yaaduuf weellistoota walumaa gala artistoota Oromoo walitti qabuudhaan yaada isaanii burjaajessuu, filannoofiis dursee yaadda’uudhaan gama isaaniin filannoo irratti waan amma irraa kaasee suphamuu qaban suphuudhaaf, akkasuma ofitti qabee of duukkaa hiriirsuuf haasaa fi marii bilisaatiin walgayii waamee gaggeessaa jira, akka gabaasni kun nu gahaa jirutti guyyaa har’aa Muddee 16,2014  jecha dirqamaan weellistootni hunduu raayyaadhaan ijaaramanii guddina biyyaaf gahee bahuun dirqama tahuu isaa gadi baasee dubbate, ergamtootni mootummaadhaan ergamanii marii kanaaf dhufan, mootummaan dirqama kana isin irraa eegaa jira jechuudhaan dubbii kan eegalan, tahus deebii fi gaaffiin walfaana artistoota walgayii kana irratti hirmaataa jiran irraa ka’aa oole, mootummaan kan durii caalmaatti ilmaan Oromoo ajjeesuu, hidhuu, barumsa irraa ariyuu, mirgi uumata Oromoo sarbamuun kan caale baree baranaati, bara filannoodhaaf of dhiyeessuu keessatti uummata Oromoo irraa ilaalcha gaarii tuu qabaatee ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti umurii isaanii hin fixan, mana hidhaa keessatti lubbuudhaan dararamani du’aaf saaxilamaa kan jiran, mirga uummataa eegsisuudhaaf gaaffii kaasan malee lubbuu namaa hin balleessine, kana qofa miti mootummaan Wayyaanee uummata oromoo lafa irraa utuu dhabamsiisee fedha isaati, gochi kun hunduu mul’inatti utuu beekamuu akkamiin marii kana nu fakkaattanii ergama mootummaa bahuudhaaf nutti kaastuu? Raayyadhaan ijaaramuun keenya mootumaadhaaf guddina isaati, kan ijaarame nuyiidha, kan guddatu mootummaa nu ajjeessa jiruudha, kanaa walii galuu hin dandeenyu walgayii dhiisnee deemna jechuudhaan jeequmsi artistootaa fi ergamoota mootummaa biraa ergamanii dhufan gidduutti tahee jira.

Boruus gaaffiin dhimma mootummaaf nu waamtan yoo tahe walii galuu hin dandeenyu dhimma aartii oromoo irratti aadaa fi afaan keenya guddiisuu irratti mariin yoo itti fufe walii galteedhaan walgayiin kun itti fufa kanaaf gaaffii dhimma raayyaadhaan ijaaramaa dirqama mootummaan gadi buuse bahaa kan jedhamuuf kun nuuf jecha imaanaa nyaachuuti, kanatti walii hin gallu jechuudhaan adda bahan, mariin kun boruus kan itti fufuudha. Gabaasa isaan walitti deebina!

 

Sababaa Boba’aan Konkolaataa Dhibuu Irraan Rakkoon Mootummaa EPRDF/Wayyaanee Mudate Daran Hammaachaa Jira.

Aside

Muddee 16,2014 Gabaasa Qeerroo Jimmaa

photo0277

Mudde 16,2014 Mootummaan abbaa Irree EPRDF/TPLFn durfamu rakkoo bobaaa konkolaataa uumatatti waakkateen wal qabatee raafama guddaa keessa seene jira. Uummatni biyyattis sochii jiruuf jireenyaa kamuu dhaabuun akka gara FDGtti fuula isaa akka nanneessuuf dirqama jira.

Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaatti rakkoo dhabamuu bobaaa Konkolaataan walqabatee sochii gama konkolaataa fi taaskii fi baajajii faaan godhu dhaabee millaan sochoaa jiraachuun rakkoo ulfaataa keessa seene jira. Akka fakkeenyatti kan magaalaa Jimmaa haa kaasnu malee rakkoon ulfaataa kun yeroo amma kana biyyatti keessatti Godinaalee fi kutaa biyyatti hunda keessatti mudachuun jiruu fi jireenya uummata jeeqaa jiraachuun ibsame jira.

Sirni bulchiinsa EPRDF/TPLF abbaan irree wayyaanee gabaa addunyaa waliin sochouu dadhabuun dinagdee biyyattii fi jiruu fi jireenya uummata irran kasaaraa guddaa qaqqabsiisuun raafama dinagdee biyyatti haala tasggabbeessuu hin dandeenye keessa galchee kan jiruu tauun hubatamee jira. Yeroo amma kanatti rakkoo gama bobaaa mudatee jiruun uummatni lafa hojii isaa fi bakka barbaade gauu hanqachuun jiruu fi jireenyi uummataa haala yaddessaa keessa seene jira, haala kanaan yeroo amma kanatti konkolaatootni kutaa biyyaa irra gara biyyatti sochoanii fi taaskiiwwaan magaalaa tajajila hojii dhaabuuf dirqamuun hojii dhaabani jiru. Halli kun yeroo amma kana Magaalawwaan Oromiyaa Jimmaa, Amboo, Mattuu, Naqemtee, Gimbii, Dambii DOlloo, Burraayyuu, Holotaa, Sabbataa, Sulultaa, Sandaafaa, Laga Daadhii Laga Xaafoo, qaallitti, Finininnee, Duukam, Bishooftuu, Adaamaa, Asallaa, Dirree Dawaa fi kutaalee biyyatti cufa keessatti uummatni rakkoo bobaaa uumameen wal qabatee tajajila geejjibaa dhaabuun rakkoof saaxilamee jiraachuu kallatti hunda irraa qeerroon gabaasa jira. Suuraan argitan kun Magaalaa Jimmatti taksiiwwaan magaalaa fi konkolaatawwaan hojiidhaaban tauu ni hubachifna.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo uummatni biyyatti rakkoo ulfaataa mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF uumeen rafama dinagdee, hojii dhabdummaa, booddetti hafinsa,Hiyyummaa, rakoo siyaasaa, qabinsa mirga dhala namummaa fi dimookiraasii keessatti kufee haala yaaddessaa fi ulfaata keessa waan jiruuf bakka jirtan hundaa yeroon harka walqabatanii mootummaa abbaa irree angoo irra qaarisuuf gamtaan qabsaan amma waan taeef bakka jirtan hundaa dammaquun warraaqsaa FDG akka makamtan waamicha isaa lammiilee biyyattii fi uummata Oromoo hundaaf dabarsuu itti fufe!!

SBO Mudde 17 Bara 2014 Oduu – Gaaffii fi deebii J.Toleeraa Adabaa kutaa xumuraa fi qophii biroo akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti diddaan sirna mootummaa Wayyaanee irratti ka’een waldhabbiin barattoota Oromoo fi waraana Wayyaanee jidduu jabaatee jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Muddee 15,2014 Uni Madda Walaabuu

diddaa9Muddee 14,Guyyaa Kaleessaa Mooraan Yuuniversitii Madda Walaabuu mooraa shaakala waraanaa fakkaata. Humni waraana Wayyaanees abaratoota irratti dhukaasa bane jira.

Edai halkan sa’a 2:00 booda FDG baname,akka gabaasi Qeerroo addeessutti yeroo darbe waraqaa dhaadannoo uummata fi barataa kakaasu Qeerroon Yuuniversitii madda walaabuu mooraa keessatti tamsaasuun barattootni nyaata lagachuudhaan, barumsa dhaabuudhaan diddaa eegalanii kan turan mootummaan Wayyaanee humna bittimsaa itti ajajuu irraan barattootni akka kaayyeffatanii ka’an tahuu baatuus barattoota Oromoo ergasii adamsuudhaan tikootni Wayyaanee qabani mooraa keessaa baasuudhaan bakka ittiin gahan dhabamaa ture,akka walii galaatti barattootni hanga ammaatti hidhamani bakka buuteen isaani dhabamee jiru barattoota 20 ol akka ta’e,tooftaa garagaraan tikni qabaa kan ture, barattoota kaan ammoo marii qabna jechuudhaan mooraan alatti ukkamsanii hidhaa turan,gabaasa Qeerroo MW irraa akka hubatametti torbeema lama dura tahuun isaa waan hubatameef barattootni sabboonti Oromoo guyyaa kaleessaa Muddee 14,2014 wal gurmeessuun  barattootni gaaffii tokko malee, yakka tokko malee mooraa keenya keessaa torban darban hidhaman akka gadhiifaman, gaaffiin keenya bu’uura tahee yeroodhaa yerootti mootummaa gaafacha jirru kan hidhaman akka gadhiifamaniif nyaata dhiisnee, barumsa dhaabnee osoo gaafannuu gaaffii keenya irra tarkaanfachuudhaan mootummaan Wayyaanee ammas barattoota sabboonummaa qaban mooraa keessaa qabee hidhuun maaliif kaayyeffatee ka’e jechuudhaan guyyaa kaleessaa mooraa Yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti baratooti Oromoo gamtaan sagalee ol kaasanii iyya dhageessisuun gaaffii mirgaa gaafatan.

Humni waraana Wayyaanee barattooti mooraa keessaa gara kamittuu akka hin baaneef dura dhaabbatanii meeshaan ittisaa jiru. Kana irratti dabalee humni mooricha eegu hanqatnaan humna dabalataa yaammatanii waraanni komaandoon Wayyaanee naannica weeraruun barattoota Oromoo irratti dhukaasa banuu qeerroon gabaasa.

Haala kanaan Barattootni halkan guutummaa osoo hin rafin barataan keenya hidhame nuuf haa deebi’u, humni waraanaa mooraa keessaa haa bahu jechuudhaan mooraan yuuniversitii Madda Walaabuu dirree waraanaa fakkaatee kan bule halkan edaa yoo tahu guyyaa har’aas haaluma kanaan kan itti fufee jira.

Gama biraan Qeerroon yuuniversitii Mattuus gaaffiin uumata Oromoo deebii argachuu qaba,qoteebulaan haalaan dachii irraa buqa’aa waan jiruuf kun hatattamaan dhaabbachuu qaba sababa jedhuun Muddee 15,2014 diddaa akka dhageesifataa oolan qeerroon naannicha irraa gabaasa.

 

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, December 15, 2014

Aside