Sabboonaan Oromoo Barsiisaa Dirribii Nagaasaa Mootummaan Wayyaanee Waggaa Sadiif Manneen Hidhaa Ma’ikalawwii fi Qaallittii Keessatti Hidhee Dararaa Cimaa Irraan Gahaa Ture Irraa Dandamachuu Dadhabuun Har’a Wareegame.

Aside

Barsiisaa Dirribii Nagaasaa (3)Gabaasa Oduu Gaddaa Mudde 9,2014 Sabboonaan Oromoo Barsiisaa Dirribii Nagaasaa daraaraa(torture)  guddaa mootummaan EPRDF/TPLF/n  irratti rawwataniin waggaa Sadii (3)oliif Mana hidhaa Wayyaanee Ma’ikalawwii fi Qaallittitti hidhamee dararama kan ture, darara ulfaataa irratti rawwatamaa tureen hakan Edaa hospital Geedootti lubbuun isaa Wareegame.

Sabboonaan Oromoo  Barsiisaa Dirriibii Nagaasaa barsiisaa M/B Geedoo Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inatti muummee barnoota Information Technology barsiisaa kan ture, Sochii warraqsaa dargaggootni Oromoo mirga abbaa biyyummaa Uummata Oromoo kabachisuuf gaggeessan keessatti ga’ee guddaa taphachaa kan turee fi sabboonaa Oromoo mirgii namummaa fi dimookiraasii uummata Oromoof kabajamuu qaba jechuun soda tokko malee gaaffii mirga abbaa biyyummaa finiinsa turedha.

Gootichi Oromoo barsiisaa Dirribii Nagaasaa bara 2010  carraa barnoota Mastersii argachuun Yuunibarsiitii Adaamaatti damee barnoota Information Technology tiin carraa barnoota Mastersii itti fufee barachuu utuu jiruu mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n humnoota tikaa isheen bara 2011 ukkamsuun FDG qindeessa jirta, sochii warraqsaa Qeerroo bilisummaa Oromoo qindeessaa jirta, ABO waliin hidhata guddaa qabda jechuun ukkamsuun mana hidhaa Wayyaanee gidduu galeessatti darbame humnoota tikaa Wayyaaneetiin daraara(Torture) guddaan waggaa tokkoo oliif  irratti fudhama turuu yeroo irraa gara yerootti gabaasaa turuun keenya ni yaadatama. Wayyaaneen  gooticha Oromoo barsiisaa Dirribii Nagaasaa waggaa tokkoo oliif maa’ikalawwiitti dararaa turuun, waggaa lamaa oliif immoo Mana hidhaa Qaallittiitti daraaraa turuun yeroo garaagaraa gabaasa kan turredha.

Mana hidha Qaallittittis haalan dararaa ulfaatan kan irratti gaggeeffama ture yoo ta’uu, dararama ulfaata irratti rawwatameen akka malee dhukkubsatee achii keessatti lubbuun isaa illee haala sodaachisaa irra turuu gabaasa turre, mootummaan Wayyaanee barsiisaa Dirribii Nagaasaa Waggaa Sadii(3) oliif erga dararaa turtee booda ganna darbe  Hagayyaa 2014 keessa mana hidhaa qaallitti irra kan gadi lakkise utuu inni du’aa fi jireenya giddutti dararama jiruu ta’uun beekamadha. Gootichi Oromoo barsiisaa Dirriibii Nagaasaa erga mana hidaa Wayyaanee irraa ba’ees guyyaa tokko boqonnaa hin argannee dararama waayyaneen irratti rawwatteen haala fayyuu hin dandeenyee fi yaaddessaa keessa turuun halkan edaa galgala Hospitalaa Geedootti lubbuun isaa Wareegamee jira.

Yeroo ammaa kana reeffii Gooticha Oromoo barsiisaa Dirriibii Nagaasaa ganda dhaloota isaa Aanaa Calliyaa Magaalaa Baabbichaa gara maatii isaatti  galee kan jiru yoo ta’uu, Sirni awwaalcha gooticha Oromoo barsiisaa Dirribii Nagaasaa guyyaa boruu Aanaa Calliyaa Magaalaa Baabbichatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, sirna Awwacha isaa kana irratti argamuuf uummatni Oromoo, dargaggootni barattootni Oromoo fi barsiisotni Oromoo godinaalee Oromiyaa garagaraa fi dhaabbilee barnootaa garaagaraa irra gara kanatti adeemaa jiru, uummatni kumoota dhibbootan lakka’amuus guyyaa boruu magaalaa Baabbichaa irratti sirna gaggeessa gooticha Oromoo kanarratti akka argamuuf jiruu ta’uun haalaan eegamaa jira.Barsiisaa Dirribii Nagaasaa

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee yakka ofiin dhala Oromoo irratti dalage kanan soda guddaa keessa seenuun Magaalaa Amboo hanga Magaalaa Geedootti human waraanaa guddaa ramaduun magaalotni Amboo, Gudar, Tokkee Kutayyee, Baabbichaa, Geedoo, Ijaajjii fi Baallammiin waraanaan qabamtee jirti.

Haaluma kana ilaalchisuun  Qeerroo bilisummaa Oromoo dararaa ulfaataa gooticha Oromoo barsiisaa Dirribii Nagaasaa irratti rawwatamaa turee fi Wareegamuu gooticha kanaaf gaddaa ulfaataa itti dhagaa’amaa jiru dargaggoota Oromoofi uummata Oromoo hundaaf ibsaa jira. Bilisummaa uummata ofii kabachiisuuf warregamuun darqama qabsoo keessatti goota mudatu waan ta’eef saba ofiif wareegamuun gootummadha, barsiisaa Dirriibii Nagaasaa wareegama gootummaa baase, qabsa’aan ni kufa qabsoon itti fufa jechuun dhaamsa ilmaan Oromoo bakka jirtan hundaa sirna gaggeessa gooticha Oromoo kanarratti akka argamtan jechuun dhaamsa dabarsuun, kanneen fageenyii fi haalli isin hanqisee qabsoo bilisummaa Oromoo goototni qaaliin irratti wareegamaa jiran galmaan geenyee bilisummaa keenyaa akka gonfannuuf FDGtti akka jabaattan jechuun dhaamasa gaddaa dabarsee jira. Gabaasaan sirna awwaalchaa fi Seenaa gooticha Oromoo barsiisaa Dirribii Nagaasaa kan itti fufuun isiniif ergamu ta’uu ni hubachiifna!!

SBO Mudde 10 Bara 2014 Oduu – Ibsa Qeerroo Bilisummaa fi Gaaffii fi deebii J.Toleeraa Adabaa kutaa lammataa akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Muddee 09, 2014

Aside

Dargaggoonni Oromoo Godina Wallagaa Qeellam, Aanaa Jimmaa Horroo Ibsa Ejjennoo Fudhatan.

Aside

Ibsaa fi Ejjennoo Qeerroo Wallagga Qellem,Aanaa Jimmaa Horroo

Muddee 09,2014 Jimmaa Horroo

QeerrooWaggoota qabsoo Oromoo lakkoofsisaa har’a gahan keessatti, waggaa dhufaa darbaa bara itti sobni dhugaa caalee umurii isaa dheereffatee har’a gaheen, uummata Oromoo afaan faajjeessuudhaan mootummaan wayyaanee aangoo isaa dheereffate har’a gaheera.  Uummanni Oromoo kan hubatee jiru eessattis tahu yoomiyyuu mootummaan wayyaanee sobaan dahatee, humnatti fayadamuudhaan, horiittis hirkachuudhaan uumata Oromoo gowomsaa, hidhaa ajjeessaa har’a gaheera, waggaa dhiyoo asitti waaree jaal Laggaasaa Waagii wareegamee kaasee caasaan mootummaa Wayyaanee gara lixa Oromiyaa jiran doorsisaa fi oftuulummaan itti dabalamee uummata irratti roorrisuun nii kaasuu guyyuudhaan dabalaa dhufe, uumataanis ABOn hin jiru, kan jiruyyuu kunoo ajjeesne, jechuudhaan uummata sobuun hojii isaanii fardii ture, waan namni itti amanee mana isaa keessaa mallattoo fi dhiigni isaas dhaaba ABO faarsu maqaa hadheessuudhaan, maqaa balleessuudhaan uummatan dhaabni akka jibbamu taasisuu isaanii hojii isaanii duraati kun waan hubatamaadha.Ibsaa fi Ejjennoo Qeerroo Wallagga Qellem,Aanaa Jimmaa Horroo

Barattooti Oromoo .Ayyaana Sabaa fi Sab-Lammii Wayyaanee Irratti Gaaffii Mirgaa Kaasuun Gochaa Sirnichaa Dura Dhaabbatan.

Aside

 Gabaasa Qeerroo Muddee 09,2014

Asoosaa BeeneshanguAlaabaa konkl Gumuz ,Muddee 7/2014 Godina Beenishaangul Gumuuz Magaalaa Asoosaa bakkaa Wayyaaneen ayyaanaa sabaa fi sab-lammoota kabajan jira jechuun ololaa jiranitti goototni barattootni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoo biyyatti Yuunibarsiitii Asoosaa wallee warraaqsaa irratti wallisuu fi roorroo dhageessifachuun mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuu eegalan. Barruuleen warraaqsaa haalaan bittinneeffaman. Qeerroon barattootni Oromoo wallee warraqsaan ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan.

Muddee 6/2014 Irraa Egaluun Gootootni Qeerroon  barattootni Oromoo fi barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa shira Wayyaanee irratti dammaquun Guyyaan ayyaana sabaa fi sablammoota kun uummataa Oromoo fi lammiiwwaan Cunqurfamoo biyyatti hin ilaallatu jechuun diddaan waan dura dhaabbataniif jecha Mootummaan Wayyaanee human Poolisii federaalaa fi human waraanaa bobbaasuun magaa Jimmaa fi Mooraawwaan Yuunibarsiitii Jimmaa fi kolleejjii barsiisota Jimmaa irratti eeggichi haalan jabaate gochaa jira.

Yuuniversitii Jimmaa , Addaatti immoo Goototni Barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Muddee 6/2014 mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa  mooraa Agriculture keessatti humnaan walitti qabamani akka guyyaa ayyaanaa sabaa fi sablammii Wayyaanotaa irratti yaada kennaniif dirqamuun galma moorichaa lafa barsiisotni, hojjettootni Yuunibarsiitichaa fi bulchiitootni magaalaa Jimmaa fi Godina Jimmaa dabballootni Wayyaanee jiranitti biyyaatti keessatti sirna mootummaa dhufaa darbaa keessa kan Oromoof qajeele tokko illee akka hin jirre bifa gahaa ta’een ibsame.

Kana malees mootummaan Wayyaanee humnaa fi dirqamaan guyyaa ayyaana sabaa fi sablamoota jechuun ololaa jiru kana Aanota Godina Jimmaa keessatti akka kabajamuuf dhiibbaa guddaa kan gochaa ture diddaa uummatan duraa fashalee jiraachuu qeerroon gabaasa. Uummatni Oromoo ibsaa fi sochii qabsoo warraaqsaa FDG itti jiru dabarsaa jiruun walqabatee uummatni Godinichaa Aanoota kanneen akkaa, Limmuu Saqaa, Limmuu Koosaa, Geeraa, Gaatiraa  fi Aggaaroo fa’aa irratti uummatni olola wayyaanee kana irraa qooda fudhachuu diduun mormii guddaa sirna nama nyaataa Wayyaaneef qabachuu mul’isan.  Akkuma godinichaatti dabballotni Wayyaanee karaa ETV fi radio isaanii olola gaggeessan dhabuun muddama guddaa keessa galuun guyyaa har’aa muddee 8/2014 galgala kana dhoksaan mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti kabajuuf yaaliin godhamus Qeerroon goototni barattootni Oromoo wallee warraaqsaa itti qabsiisuu eegallaan dabballootni Wayyaanee soda keessa galuun sagantaa eegalan addaan kutuun kan dhaaban ta’uun mirkanaa’era.

Yuunivesitii Wallaggaa,   Mudde 7/2014 Goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaas guuyyaa ayyaana sabaa fi sablamoota biyyattin kabaja jira jechuun wayyaneen ololaa jirtu , gammata barattoota Oromoo jabeessuun barri Wayyaaneen 23, xummurtee 24 lakkawwachaa jirtu kun lammiilee biyyattiif bara ukkamsaa, bara rakkinni gama amantaa, siyaasaa fi dinagdee fi hawwaasummaa itti ulfatee fi rakkisaa ta’ee bara nagaa fi nageenyi dhibamee sirni dabballummaa abba irrummaa itti gaafa baase, Addatti bara Oromoon jumlaan itti wareegamee mirgii namummaa fi dimookiraasii ilma namaa itti ukkanfame jechuun barruulee garaa garaa bittinneessuun olola sirni garboomsaa Wayyaanee ofaa jiru balaaleffatan, goototni barattootni Oromoo dame Gimbiis adeemsuma walfakkaatuun olola wayyaanee fudhatama dhabsiisuun wayyaanetti waaroo salphina uuffisan. Mooraan Yuunibarsiitii Naqamtee fi Gimbiis human waraanaan eegama jira.

Haala kanaan mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF sochii diddaa fi dura dhaabbannaa shira wayyaanee qeerroon barattootni Oromoo argisiisaa jiran irra yaaddoo fi sodaa guddaa FDG narratti qabsiifame jedhu irraa ka’uun mogaloota gurguddaa Oromiyaa akka Jimmaa, Mattuu, Naqamtee, Amboo fi Finfinnee  human poolisaa Federaalaa fi human waraanaan eegaa jira. Dhaabbileen barnoota Oromiyaa akka Yuunibarsiitotaa fi Kolleejjootni hundinuu poolisii federaalaan eegama jiru. Addaatti mootummaan wayyaanee  human waraana guddaa gara dhiha Oromiyaatti bobbaasuun dandiin  magaalaa Mattuu irra  gara Asoosaa geessuu human loltuun eegaama jira, haaluma walfakkatuun daandiin Wallagga dhihaa Danbii Dolloo, Gimbii fi Asoosaa geessuu human loltuu guddaan irratti ramadamee eegama jira.