Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, December 6, 2014

Aside

Baalee, Aanaa Ginnir Irratti Deggersa Mootummaan Wayyaanee Uummata Gaafate Milkii Malee Hafe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Godina Baalee, Aanaa Ginnir irraa, Muddee 6/2014 Uumanni gahee fi dirqama isaa wal faana bahuu qaba kan jedhu mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo Godina Baalee,Aanaa Ginnir irra jiraatu dirqama labse, akka odeessan kun addeessuuti humna hidhaa haaromsaa galmaan gahuudhaaf uummata irraa buusiin walitti qabamuu qaba,uummanni waan argatu irraa mootummaa bira goree kaayyoo isaa kana galmaan gahuun akka dirqamaattis tahe, gaheen uummata irraa eegamu isa kana waan taheef, kaleessa Muddee 5,2014 dhimma kanaaf uummata walgayii teesisuudhaan, mootummaan guddina keenyaaf dhamaati irra jira jedhanii uummata gowomsaa kan turan, caasaan mootummaa wayyaanee godina kana irra jiru erga mootummaa dabarsuudhaaf gara san deeman, uummata irraa deebiin dhimma kanaaf kenname duraan dursa gaaffiin uummata Oromoo fi gaaffiin barattootni Yuunversitii fi koollejjii irratti kaasaa turan deebii haa argatu, mootummaan ijoollee keenya ilaalcha diinummaan ilaalaa akkamiin mootummaa deggeruu dandeenya, barataan keenya utuu hidhamuu, uummanni keenya utuu reebamu, ajjeefamu mootummaa waliin deemuu hin dandeenyu, kanaaf amma waan dhuftaniif nurraa deebii argachuu hin dandeessan isa dura gaaffiin barattootaa deebii argachuu qaba, kan hidhamanillee mana hidhaatii bahuu qabu, yakka malee, waan uummanni Oromoo itti miidhamaa jiruuf deebii isin irraa eegna, mootummaan deebii haqaa fi mirga uummata Oromoo erga kabajee,kabachiisee booda, erga inni mirga isaaf hidhamee booda mana hidhaatii bahe asitti walii galtee irra geenya, hangasittuu gibira kaffaltii waan jedhamu, hidhaa laga abbaayiif jettanii waan nurraa
funaanuuf deemtan waan nurraa argattan hin qabdan, jechuudhaan uummanni deebii kan kenneef namoota muraasa tohannaa jala turse, godina Baalee aanaa Ginnir irratti kaleessa Muddee 5/2014 mootummaan Wayyaanee kaayyoo deemuuf uummata irraa deggersa dhabee,feshelaa’uu gabaasni Qeerroo har’a nu gahe addeessa.

 

Ayyaanni Sabaa fi Sab-Lammii Wayyaaneen Qophaawe Uummata Oromoo fi Barattoota Biratti Hin Kabajamin Oole, Yuuniversitiilee Irrattis Hin Milkaayin Oole!‏

Aside

Muddee 6,2014, Gabaasa Qeerroo
diddaa9Guyyaa sabaa fi sab-lammii jechuun mootummaan Wayyaanee har’a Muddee 6 fi 7,
jechuun har’aa fi boruu naannoo Benishaangul, Asoosaa irratti kabajachuuf deema. Ayyaanni kun Media lee  Wayyaaneen odeeffamuun isaa baatiwwan hedduu kan lakkoofsiiseedha. Guyyaa ayyaana sabaa fi sab-lammoota uummatoota Itoophiya jedhanii kan odeessaa jiran,akkasuma uummanni biyyattii mirga isaa kan kabajame, guddina ariifachiisaa biyyattiin irra jirtuu fi walitti dhufeenya uummata biyyaa kan duraa
irra caale jechuudhaan miidiyaa isaanii kan of harkaa qabaniin ololuun uummata gowomsaa jiru. Haatahu malee odeessa Qeerroo godinaalee garagaraa fi naannoo ayyaanni kun itti kabajame kan baranaa Yuuniversitii Asoosaa irraa nu qaqqabee fi akkasuma Yuuniversitiilee irraa gabaasni nu gahee jiru; ayyaana kana irratti kan hirmaatee fi bobbahe uummata kibbaa fi habashoota irraa kan hafe uummanni Oromoo ayyaana isaanii kan har’aa irratti hin hirmaatin hafee jira, kan uummata oromoo ayyaana kana irratt argaman miseensota OPDO fi hojjetoota mootummaa muraasa irraa kan hafe namni gara san deeme akka hin jirre odeessi Qeerroo kan addeessuudha, kun odeessa gara Yuuniversitii Asoosaa irraa nu qaqqabeedha. Dursa akkuma dhaamnes mootummaan dhimma ayyaana kanaan wal qabsiisee miidiyaadhaan ololuun isaa waan bubbuleedha haatahu malee Qeerroon waraqaalee mooraa Yuuniversitii fi naannoo uummanni keenya heddummatutti kan raabse akka maxxanfamuuf waan gadi buuse keessaa-
– Ayyaanni Sabaa fi Sab-lammii Nu Oromoo Hin Ilaallatu!
– Mirgi Uummata Oromoo Kabajamuun Dirqama
– Nuti Oromoodha, Habashaa Miti!
– Mootummaan Wayyaanee Gabroonfataadha!
– Nuti Oromoon Bilisummaadhaaf Qabsoo Itti Fufna!
– Olola Mootummaa Wayyaaneef Hin Jilbeenfannu!
Akka tamsaasa Qeerroo irraa waraqaan torbee tokko dura naannolee yuuniversitii ayyaanni kun barattootaan kabajamuu qabuuf jala bultii qophiin taasifamaa ture irratti Qeerroon dursuudhaan barruuwwan dhaadannoo olii Yuuniversitiiwwan Madda Walaabuu, Mattuu, Wallaggaa, Amboo, Jimmaa fi Haromayyaatti ergamuudhaan ilmaan oromoo barattoota mooraa Yuuniversitii kunneen keessatti argamaniin maxxanfamuun guyyaa har’aa ayyaanni sabaa fi sab-lammootaa haalaan osoo hin kabajamun hafee jira, waraqaan halkan edaas kan maxxanfamee bule yuuniversitii Mattuu, Madda Walaabuu, Wallaggaa fi Amboo keessatti kan tahe, Yuuniversitiwwan kana keessatti humni waraana halkanuma edaa kan qubatee buleedha.

Odeeffata Mattuu yuuniversitii irraa nu qaqqabaa jiru, humni waraanaa mooraa keessa hanga doormii barattootaatti waan seeneef,barattoonti humni waraanaa mooraa keessaa nuuf haabahu jechuudhaan gaaffii kan kaasan, ayyaanni achirratti akeekame osoo hin milkaayin hafee gara gaaffii barattootaatti deebi’uudhaan wal jeequmsaa fi mooraan keessi tasgabbii tokko malee kan oolee fi ayyaanni sabaa fi sab-lammii kunis daqiiqaadhaaf hin tahin hafe, mootummaan Wayyaanee dhimma filannoof jecha kaayyoo isaa uummataan gahuuf, uummata qabachuuf kan deemuudha, kun mootummaan wayyaanee waan deemuuf waan hubatamaadha. Kanuma dursuudhaan dhaamsi Qeerroon barattootaan, caasaadhaan dabarsaa tureen uummata oromoo biratti har’a ayyaanni kun osoo hin kabajamiin ooleera. Odeessa Qeerroo Yuuniversitii Asoosaa irraa hubatama jirutti humni waraanaa mootummaa Wayyaaneetiin magaalaan sun kan jeeqamee ooleedha, uummata miti kan mul’atu waraana malee, baayina uummataa irra baayina waraana wayyaaneetu caalaa jedhama, kunis shakkii qabu, uummata irraa, barattoota irraa, naannoo sanatti humni waraana WBOs jiraachuu isaa waan shakkaniif sodaa qabanii humna waraanaa heddummeessuu isaanii kan odeessi nu gahe addeessaa jira. Mooraa yuuniversitii Asoosaas humna waraanaan kan eegamee ooleedha, akkasuma yeroo ammaa magaalaaleen Oromiyaa humna waraanaa fi basaastotaan kan dhuunfatamtee jirtuudha jedhu odeessi kallattii adda addaa nu qaqabu, magaalaan Finfinnee fi naannoon ishees baatii sadaasaa irraa kaasee waraanaan marfamteeti kan jirtu, akkasuma yuuniversitii fi koollejjiin waanuma kana fakkaatuudha, mootummaan Wayyaanee nagaa dhabee, hirribas yeroo itti dhabe, haalli yeroo ammaa uummanni oromoo irra jiru waan sodaachiseef sodaan muddamuu isaa waan ifatti mul’ataa jiruudha, gama ayyaana sabaa fi sab-lammii ilaalchisee gabaasni itti fufee kan dhiyaatuudha!