የኦሮምያ የጸጥታ ዘርፍ ሃላፊ የዋቄፈታ እምነት ለማዳከም እንቅስቃሴ መጀመራቸውን ተናገረ

Aside

(ቄሮ:የኦሮሞ ወጣቶች  ነፃነት ንቅናቄ :) የኦሮምያ የጸጥታ ዘርፍ ሃላፊ  የዋቄፈታ እምነት ለማዳከም እንቅስቃሴ መጀመራቸውን ተናገረ።

ባለስልጣኑ ፣ ኦነግ በዋቄፈታዎች መጠቀም ይፈልጋል፤ የዋቄፈታ ድርጅት ተወካዮችን ስትራቴጂ ለመፈተሽ በስውርም በግልጽም ሰዎችን አሰማርተናል፤ እነሱ በሚያቀርቡት ሪፖርት ላይ ተነስተን እርምጃ እንወስዳለን ብለዋል።

ቄሮ:የኦሮሞ: ወጣቶች :ለነፃነት: ንቅናቄ : ድምፅ : የሳምንቱ : ዜና:: December 03, 2014

Aside

Humna Waraana Wayyaanee keessaa Ilmaan Oromoo Kan Ta’an Gaaffii Uummata Keenya Ni Deggerra Jedhu!‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Muddee 03,2014

OromiaALutaContinua2011FDGAkkuma beekamu waraana Wayyaanee keessattis wal dhabdeen erga muldhachuu eegalee oolee bubbulee jira, haala kanaan ilmaan Oromoo humna waraanaa keessatti argaman ilaalcha sabboonummaa sadarkaa oliitti keessatti dhalachaa waan deemeef jecha Oromoota kanneen ta’an irratti xiyyeefannaan addaa fi jibiinsi irratti hammaachaa waan dhufeef jedha wal dhabdee fi wal shakkiin guddaa uumamee jira. Haala kanaan kallattii kana irraan gabaasni nu gahe, ilmaan Oromoo waraana mootummaa Wayyaanee keessa jiran uummata keenya irratti harka hin kaasnu, miidhaan uummata Oromoo waraana mootummaa Oromoo ta’an illee waan gaga’uuf jedhcha nutis akka ilmaan sabaa tokkotti obbolaa keenya, abbootii keenya ilaallee ilaalcha diinummaa saba keenya irraa kaasuu qabna sababaa jedhuun kutaalee waraanaa jiran keessatti gaaffii kaasaa jiru.

Mootummaan Wayyaanee haala kana irratti rifaatuu qabu Oromoota garii ramaddii daangaa eegsisuu sababa jedhuun gara gammoojjii biyyattiitti ergaa jiraachuun beekamee jira. Haata’u malee kaayyoon kun , diddaa uummanni Oromoo kaasan keessatti miidhama uumata Oromoo teeny hin ilaallu,hamma ilmaan sabaa taanetti callisuun nu hin baasu isa jedhu irraa madda.

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Dirree Dhawaa Gootummaan Wayyaanee Dura Dhaabbachuun Roorroo Dhageessifatan.

Aside

Dirree Daawwaa

Muddee 1,2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Dirree Dhawaa Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sablammootaan dhoksaan mootummaan Wayyaanee mooraa Yuunibarsiitii Dirree Dawwaa keessatti gaggeessa jiru irratti dammaquun sirna mootummichaa fi gochaa Wayyaanee irratti diddaa kaasuu Qeerroon gabaase.

Halkan edaa sa’aa 12:30 wb irraa eegaluun hanga halkan keessa sa’a 5:00tti Mooraa Yuunibarsiitii Dirree Dhawaa dhuunfachuun walleewwaan warraaqsaa ABO fi uumata Oromoo faarsuu fi qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuun diddaa jabaa kaasan.

Mootummaan Wayyaanees Qeerroon barattootni Oromoo FDG ni kaasu  sababaa jedhuun  guyyaa ayyaana sabaa fi sablamoota sobee itti fakkeessu kana kabajadha jechuun muddamaa utuu jiruu waan godhu dhabee utuu barattootni hin beekiin mooraalee Yuunibarsiitii human waraanaan eegsiisaa ayyaanaa sabaa fi sablamoota jedhu dhoksaatti mooraa Yuunibarsiitii Dirree Dawwaa keessatti kabajaa jiraachuu Goototni Qeerroon barattootni Orpomoo irratti dammaquun gamtaan gaaffii mirgaa kaasuu fi walleelee warraaqsaan mirga saba Oromoof falmaa bulan.

Wallee ABO’n kallacha uummata Oromooti, ABO Abdii Uummata Oromoo fi gaachana Uummata Oromooti, ABO’n dimookiraasiif qabsa’a, ABO’n mirga ilma namaa kabachiisuuf qabsaa’a , ABO’n mirga sabaa fi sablamootaa har’a Wayyaaneen ugguraa jirtu kabachiisuuf qabsa’a jechuun sagaalee warraaqsaa guddaa wallee warraaqsaa ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuu dhageessisuun mootummaa wayyaanee dura dhaabbatan.

Mootummaan Wayyaanee human waraanaa heddumina qabu bobbaasee sochii dargaggoota kana dhaabsisuuf yaalii guddaa godhus dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo soda tokko malee sagalee warraaqsaa wal irraa hin citne itti fufuun dhageesisan. Haala rakkisaa keessatti sagalee warraqsaa Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Dirree Dhawaa dhageesisaan