Aside

Oromia

Raadiyoo Sagalee Oromoo,Gurraandhala 8,2014

Aside

SBO Gurraandhala 09 Bara 2014 – Yaadannoo Dhumaatii Oromoo Nairobi Kenyaatti geggeeffame kutaa xumuraa, odeeffannoolee biroo fi oduu qabnu caqasaa

Aside

Hayyaa lolaa Yaa lola eeboo… Wallee Haarawaa Artist Jaafar Yusuuf/ Finfinnee Oromiya

Aside

Aside

Jiruu Warraaqxota Oromoo eeggatu

Ibsaa Guutama irraa* | Guraandhala 2014

Jiruun warraqxota Oromoo eeggatu in jalqabaa bilisummaa Oromiyaati. Hanga yoonaa qaccee nafxanyaaf akka addaatt haa ta’u ifaatt yoo xinnaate waggoota shantamaaf fedha ofii ifsuu yaalaa turani. Oromoon mala akka ta’an hubatamuu kadhataa bahani. Garuu kanneen fedhi dhuunfaa jaamse hin dhaggeeffatan yk waan jedhamin qofa dhaggeeffatu. Dhaggeeffachu dhabuu qofa utuu hin ta’in si’ana qabsaawota Oromoo jiruu saanii muummicha irraa maqsuuf duula afaanii ballaa gaggeessutt ka’aniru. Haleellaan saanii afaanii waldhahaa fi hunde hin qabnee akeeka Oromoon dirrirfatan irratt dhiibbaa hin qabne. Kan isaan maraachaa jiru ol ka’a dhaloota haaraa Oromoo giidoo caalaa, dammaqina malbulchaa wayyaa fi qaroo, bilisummaa Oromiyaaf murannoo fi dudhama yoo hin caalle akka angafoota saa qabuuti. Waggaa dhibbaa oliif koloneeffatoon meeshaa qunnamtii dhuunfachuun ummati akka iyyaatii hin arganne tolchaa jiraatan. Si’ana garuu hamma saatt hunduu fulaa teeknoloojiitt gad baasuu argateera. Kanaaf raawwannaan bara doorsisootaa fagoo miti. Guutummaa isaa dubbisuuf http://www.Gadaa.com

Raadiyoo Sagalee Oromoo fi Simbirtuu. Gurraandhala 5,2014

Aside

“ABO Kallacha Qabsoo Wabii Jireenyaa” Walaloo

Aside

Mormii Ispoonsera Biiraa Baddallee Irratti Kaasaniin Wal Qabatee Barattooti Oromoo Yuuniversitii Mattuu 13 Oromummaan Yakkamuun Barnoota Irraa Arhihaman.

Aside

Gabaasa Qeerroo Mattuu Gurraandhala 5,2014

FightMootummaan Abba Irree TPLF/EPRDF/ Engineerota Baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu balleessa tookko malee barmoota irraa ari’e.
Gabaasi Qeerroo yYuuniversitii  Mattuu Guraandhala 4,2014 akka beeksisutti  mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF akkuma amala isa baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu Mummee barmoota Engineering waggaa 1ffaa hanga waggaa 3ffaa barachaa jiranifi kan baratootni mummee garaagara keessatti argaman baratoota 11 barmoota idilee isaanii irraa Waggaa tokkoo hanga waggaa sadii barnoota irraa yeroo adabu, barata tokko immoo guutummaatti barmoota irraa arii’uun,Baratoota lamaa immoo akeekkachiisa dhumaa itti kennuun ilmaan Oromoo abdii biyya fi gaachana uummataa ta’an kun badii tokko malee barmoota irraa arii’amaniiru.

Mootummaan Wayyaanee beeksisa baaseen barattooti Oromoo kun akka mooraa Yuuniversitii Mattuu gadhiisan ibsa baasuun isaa beekamee jira.

Haala kanaan baratootaa Waggaa tokkooffa hanga waggaa 3ffaa badii isanii malee barmoota irraa arii’ataman:

  1. Barataa Dachaasaa Gammadaaa civili Engineering waggaa 2ffaa Waggaa lamaaf barnotaa irra adabame. bakki dhalotaa godina wallaggaa Bahaa.
  2. Barataa Biqilaa Lammii Civil Engineering waggaa 1ffaa waggaa tokkof barnota irra adabame, bakki dhalootaa godina wallaagga bahaa
  3. Barataa Shifarraa Guddisaa Mechanical Engineering waggaa 2ffaa
    waggaa tokkoof barnotaa irraa adabame; bakki dhalootaa godina shawaa lixaa.
  4. Barataa Takkaa Asaffaa Mechanical Engineering waggaa 2ffaa wagga tokkoof barnota irraa kan adabame; bakki dhalootaa godina Shawaa
    lixaa.
  5. Barataa Iyaasuu Qannoo Mechanical Engineering waggaa 2ffaa wagga tokkoof barnoota irraa
    kan adabame; bakki dhalootaa godina wallaagga lixaa.
  6. Barataa Gammaachis Badhaasaa mummee Herreegaa waggaa 3ffaa wagga tokkoof barnota irra adabame; bakki dhalootaa godina wallagga lixaa .
  7. Barataa Jarraa Gemmuu barataa Civil Engineering waggaa 2ffaa, Guutummaatti barnootaa isa irraa kan arii’atame, bakki dhaloota Godina shawaa Lixaa.
  8. Barataa Badhaasaa Dhufeera Electrical Engineering waggaa 2ffaa, waggaa tokkoof barnota isaa irra kan adabame, bakki dhalota godina wallagga bahaa.
  9. Barataa Kaasahuun Mammuyyee Mechanical Engineering waggaa 3ffaa;waggaa tokkoof barnoota isa irraa kan adabame, bakki dhalotaa godina Iluu Abbaa Booraa.
  10. Barataa Geetaa Nugusee Electrical Engineering waggaa 2ffaa, wagga tokkoof barnoota isa irraa adabame.
  11. Barataa Abduul Karim Abdullahi Electrical Engineering waggaa 2ffaa, waggaa tokkoof barnota isa irra adabame jira.
  12. Barataa Namoomsaa Electrical Engineering waggaa 2ffaa,
    akeekkachisa dhumaa itti kennuun kan doorsifamaa jiru, bakki dhalotaa godina wallaagga bahaa.
  13. Barataa Bilisummaa Mul’ifnaa barataa fayyaa(HO) waggaa 2ffaa, akeekkachisaa dhumaa itti kennuun dorsifama kan jiru, bakki dhalotaa godina Shawaa Lixaa.

Baratootni Oromoo armaan olitti maqaan isaani caqafame kun balleessa tokko malee ta’ee jedhamee mootummaan abbaa irree ofiin arrabsoo maqaa balleessi jechoota dhiiga nama danfisanitti fayyadamuun baatii Amajjii 2014  keessa baratoota Oromoo arrabsuun ni yaadatama,Baddalleen Biiraas mooticha Habshaa kan faarsu ispoonsera wallisaa Habshaaf taasise. Wayita kanatti baratootni Oromoo jecha maqaa xureessii fi Ispoonsera biiraa Baddallee mormuun  hiriira nagaa bahan,gaaffii mirgaas bulchiinsa mooraa Yuuniversitichaa gaafatan kun dhageettii dhabuun loltooti Wayyaanee meeshaa waraanaan guutaman mooraa seenuun barattoota reebuu fi hidhuu itti fufee ture.Haala kanaan wal qabatee barattooti Oromoo 13 badiin tokko malee barnoota irraa arihamuu gabaafame.

Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyii Keessatti Ogeessii Fayyaa Miseensa Wayyaanee Akka Tahu Dirqiisiifame Tokko Tikoota TPLFn Dhaaname.

Aside

Gurraandhala 5,2014 Amboo

Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti Ogeessii Fayyaa Alamuu Digaafee jedhamu miseensumma Wayyaanee waan dideef dabbalotaan reebichaan ulfata irra ga’ee du’aaf jireenya gidduutti argama.
Gabaasaa: Ammajjii 29/2014 Godina Lixaa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti hojjetaan wajjira fayyaa tokko talaalii Pooliyoo daa’immaniif gargarsaa biyya alaatiin dhufee kennuuf akka badiyaatti bobba’etti dabbaalota mootummaa Wayyaaneetiin reebamee yeroo ammaa du’aaf jireenya gidduutti argama.

Odeessi bubulee nu qaqabee akka addeessuutti ogeessi fayyaa maqaan isaa Alamuu Digaafee jedhamu Oromummaan yakkamee dabbalotaa mootummaatiin akka malee reebame, cuupheedhaan mataa isaa irra waraaname yeroo amma kana du’aaf jenyaa gidduutti argama. ogeessi fayyaan kun buufata fayyaa aanaa Midaa Qanyii magaalaa Ballaammii keessaa kan hojjetu ogessaa fayyaa ykn nurse ta’ee utuu hojjetu, itti gaafatamtotni wajjira OPDO aanaa Midaa Qanyii yeroo baay’eemiseensa keenya ta’ii jechuun rakkisaa kan turan ta’ee utuu jiru,ogeessii kun dandeetii fi gahumsa ogummaa waan qabuuf hogganaan Wajjiraa Fayyaa Aanaa Midaa Qanyii kan maqaan isaa Asfawuu Girmaa jedhamuu wajjira fayyaatti waamee miseensa maaliif ta’uu diddee amma argitaa jedhee itti dhaadachuun ni yaadatama.

Ogeessii kun dhalli nama hojiin madaalama malee hangan ogeessaa ta’ee jirutti dabbaalumma keetiin na hin madaaltu jedhee of irraa ittisaa utuu jiru talaalliin Pooliyoo daa’immaniif gargarasa biyya alaatiin dhufe kennamaa utuu jiruu ogeessii kun talaallii kana baadiyaatti bahee akka kennuf dirqamee utuu tajajila kana irraa jiru waan miseensa OPDO guutuu didee fi Ilma Oromoo waan ta’ee qofaaf dabbalonnii wayyaanee kun duukaa deemuun lafa inni tajajila kenna jirutti tarkaanfii diinummaa kana irraatti fudhatan. kana biratti yeroo amma kana ogeessii kun dirmannaa seeraa fi yaala gahaa dhabuun rakkoo keessaa jirachuun ibsate jira.
 

SBO Gurraandhala 05 Bara 2014

Aside