SBO Amajjii 15 Bara 2014 Sirna kabajaa guyyaa WBO Afrikaa Kibbaatti kabajame irratti yaada hirmaattotaa fi kan biyya keessaa caqasaa

Aside

Raadiyoo Sagalee Oromoo Amajjii 11,2014

Aside

Home

===============

Oromo TV:Oromo Community of Brighton & Hove,UK hosted Oromo 1st

============

“Dhugaa fudhachuun  kan Ulfaatu yoo ta’e ilee,garuu fudhachuun dirqii dha” Dargaggoon Hayyuu Qanaate

Kunoo akkas, Ela ammas, yaa lammii koo garaan na ciise reefu ..Wallee Qeerroo Bilisummaa

Aside

QEERROON YUNIVERSITII HAWAASAAMAMAJJIIN 1GUYYAAN WBO HAALA HOO’AN KABAJAME.‏

Aside

Amajjii 12,2014 Hawaasaa

Qeerroon Yuunivarsiitii Hawaasaa gaafa 2/1/2014 guyyaa ayyaana waboo haala hoo’an kabajatanii oolanii jiru. Haala kabaja ayyaana WBO isa bara kanaa kan bara darbee irraa kan adda isa godhu qabxiilee sadan tokkotu jira isaanis;

1.KEESSUMMOONNI KABAJAA HEDDUUN  AYYAANICHA IRRATTI ARGAMANII ARGAA HEDDUU DABRSANII JIRU. Ergaan jaalli tokko dabarse akkas jetti; diinni keenya yoom illee fira nuuf hin ta;u waan ta’eef firaa fi diina keenya addaan haa baafannu.” BARA SIIF GAMTE NAMA ABBAA KEE AJJEESE WALIIN NYAADHU BARA SIIF MIJATE IMMOO GUMAA SAREE KEETII BAASI JEDHE.” Oromoon kamiyyuu waan isaa haa beeku haa kunuunsus. tokkummaan humna waan ta’eef tokko haa taanu , diinaf hin ergamnu keenyaf malee ergaa jedhu fa’i mana guutuf dabarsan.

2.HIRMAANNAN SHAMARRANII ISA BARA DARBEE IRRA DARAN HOO’EE MUL’ATE.

3.SABBOONTONNO OROMOO DANUUN ISAANII DHIIRAA DHALAAN UFFATA AADAN FAAYAMANII KABAJA AYYAANICHAAF SIIMBOO HIN JIRRE LAATAN

Walumaa galatti qabxiileen armaan olitti eeramuuf yaalaman kunniin ayyaana bara kanaa isa darbe irraa adda taasisu. Qeerroon yuunivarsiitii hawaasaa akkuma baratame sagantaa isaanii dungoo diimaa , magariisa, diimaa qabsiifachuun .fi akkasumas dungoo lakkoofsaa 2014 jedhu qabsiifatanii sagantaa isaanii haala hoo’an dabarsan. Walaloon hedduun onnee namatti hortuu fi quuqqaa garaa oromootaa daran madeessitu mana keessaa dhiyaattee jirti. Inni hunda caalaa nama gammachiisu immoo sabboontonni oromoo bara kana barnoota isaanii xummuranii eebbifaman kabaja ayyaana wbo isa bara dhufuuf spoonsara akka ta’an irbuu seenanii jiru.

Dhuma sagantichaa irratti walitti qabaan koree kabaja ayyaana bara haaraa yuunivarsiitii hawaasaa kolleejjii saayinsii fayyaa dhaamsa akkas jettu dabarse;

Ayyaanni kun ayyaana dur oromoon kajajaatin dhufe malee kan har’a namni dhuunfaa tokko kalaqe ta’uu beektanii oromoonni hundumtuu lafa jirtanitti waggaa waggaan yaadattanii akka ooltan jedha. Addunyaa kana irraa warra jalqaba calendariiykn dhaha uummata addunyaa kanaaf gumaachan keessaa uummanni oromoo isa tokko, sirni lakkoofsa isaas urjii dhahaa jedhama.Kanaafuu nuti oromoonni kaalendarii warri habashaa kalaqe kanatti fayyadamuu dhiifnee kan keenyatti dhimma haa baanu jedhuun ibsa baasanii jiru.

 

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Amajjii 9,2014

Aside

SBO Amajjii 12 Bara 2014

Aside

Raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Amajjii 8, 2014

Aside

“Qaawwa Argatnaan Siseena Qilleessi Karaa Hin Baniin”

Aside

Godina Shawaa Lixaa Keessatti Ayyaanni Bokkuu Cittuu fi Guyyaan WBO Sirna Howwaan Kabajame.

Aside

Amajjii 5,2014 Amboo

Gabaasaa: Amajjii 5/2014 Godina Shawaa Lixaatti Sirni kabajaa Bokkuu Cittuu bifa howaa ta’een ilmaan Oromoo kumootaan lakka’amaniin kabajame. Bokkuun Ccittuu Aamboo irraa gara kibbaatti 15km fagaattee kan argamtu Sirni kabaja Bokkuu Cittuu akka Gadaa Oromootti bakka olaanaa kan qabuu fi Aamajjii garajalqaba Amajjii Guyyaa WBOtti aansuun Amajjii gafaa guyyaa shani kan kabajamu yoo ta’uu kan bara kanas 5/2014 bifa baay’ee miidhagaa ta’een kabajame jira.Sirna kabajaa Bokkuu Cittuu bara kanaa kan asiin fulduraa irraa wanti adda godhuu Ummaanni Oromoo Godina Shawaa Lixaa heddumminaan irraatti argamuun aadaa, seenaa, dhuudhaa, gootummaa, Amaantaa, Afaan fi eenyummaa isaa faarsuu isaati. keessaattuu Sabboontotni Qeerroon Yuunivarsiitii Aamboo, Yuunivarsiitii kolleejjii RiftiVallii Damee Aamboo, Sabboontootni Magaalaa Amboo fi Gudar gamtaan hirmachuu fi Sabboontotni Oromoo Aanotaa Aakka Aanaa Amboo, Tokkee Kuttaayee, Xiiqur Incinni, Geedoo , Jalduu, Wancii, Walisoo fi Giincii irra heddumminaan irraatti argamuun Oromumma fi Sabboonummaa Oromoo sadarkaa duratti olkaasuun leellifatan.Gabasaasa Godina Shawaa Lixaa

Raadiyoo Sagalee Oromoo Amajjii 8,2014

Aside