Aside

Haala Yeroo irratti Ibsa Hatattamaa Sochii Dargaggootaa Bilisummaa fi Deemokraasii (Qeerroo)
Hagayya 21,2012

Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Obbo Mallas Zeenaawii addunyaa kana irraa duáan boqochuun miidiyaalee sirnichaa irratti labsamuun beekamaa dha. Duuti Muummicha Ministeeraa kun eega dhagahamee turullee, mootummichi yeroo dheeraa ukkaamsee taaée amma reef labsuun isaa haala keessa isaa tasgabbeeffachuuf akka tahetti tilmaamna. Muummichi Ministeraa waggootii 21 darban keessatti lubuu ilmaan namaa kumataamaan bilash dhumateef gaafatamaa tahan illee, guyyaan du’a isaa seenaafuu akkas wal dhawuutti fi akka dhala namaatti gadda nutti dhagahame ni ibsina.
Bulchiinsi Obbo Mallas Zeenaawii bulchiinsa abbaa irrummaa fi faashistummaa akka tahe kanneen isa waliin biyya dhiigsan irraa kan hafe hunduu itti walii gala. Obbo Mallas Zeenaawii gochaalee faashitummaa fi abbaa irrummaa bulchiinsa isaanii keessatti hojii irra oolchaa turaniif itti gaafatamaa tahuu eeruudhaan akka hatattamaan aangoo gadhiisan ibsa Caamsaa bara 2011baafneen gaafachuun keenyas hin dagatamu.
Ibsa kana keessatti, biyyi Itoophiyaa jedhamtu tun addatti waggaa digdamman dabran karaa siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee deega caalaa hamaate keessa akka jirtu, sirni siyaasaa mootummichi lafa jalaan ittiin geggeeffamu yaad-rimee Istaaliinistummaa irratti akka hundaaé, qoodamiinsi aangoo walabaa karaa seera baaftotaa (legislatives), seera murtootaa (judiciaries) fi seera alangootaa (executives) dhugaadhaan addaan bahee karaa walabummaa isaanii eeggataniin hojii irra oolaa akka hin jirree fi qabxiilee jajjaboo biroo yaadachiisuudhaan ture kan gaaffii aangoo irraa kaúu Muummicha Ministeeraa kana dhiheessine.
Ammas yaaduma ibsa olitti eerame keessatti kaafne gad jabeessuudhaan gaaffiileen armaan gadii akka hatattamaan sirna amma aangoo harkaa qabuun osoo guyyaan itti hin kennamne deebii argatan barbaanna:
1. Hidhamtoonni siyaasaa hundumtuu osoo sabaa fi amantiidhaan adda hin baane hatattamaan akka gadhiifaman; addatti ammoo hidhamtootni Oromoo kan kumoota kudhaniin lakkaawaman fi hedduun isaanii kan waggaa 21 hidhaan dararamaa jiran akka hatattamaan gadi lakkifaman gaafatna.
2. Gaaffiin hawaasni Muslimaa gaafachaa jiru daddaffiin akka deebii sirnaa argatu, hogganoonni hawaasichaa dhimma kanaan wal qabatee hidhamanis akka gadhiifaman;
3. Seeronni maqaa “farra gooltummaa, seerota hawaasaa fi miti mootummaa, seera media ” jedhuun mirgoota siyaasaa fi hawaasummaa danquuf baafaman akka dafanii kaán;
4. Loloonni mirga bilisummaa fi demokraasiif jecha ummatootaa fi mootummicha gidduutti, addatti ammoo dhaabota ummatoota bakka buán kan akka ABO, ABBO fi kan biroo fi mootummaa gidduutti waggoota 20n dabraniif geggeeffamaa ture akka hatattamaan haasawaa ifaa, bifa ummataa fi addunyaaf banaa taheen dafee akka xumuramu; gaaffiileen ummatoota kanaas karaa nagaan deebii ifaan akka kennamuuf.
5. Mirgi hiriira nagaa bahuu, ijaaramuu fi walitti qabamuu heera mootummaa keessatti mirkanaaé akka hojii irra oolu, qoqqobbiin mirgoota ummataa kana danquuf taasifamaa jiru akka hatattamaan kaú;
6. Mirgi ijaaramuu fi yaada ofii walabaan ibsachuu akka kabajamu.
Sochiin Dargaggootaa Bilisummaa fi Demokraasii (Qeerroon) gaaffiileen armaan olitti kaán akka deebii hatattamaa argatanii fi jijiiramni ifaan hanga argamu qabsoo isaa kan it ti fufu tahuu mirkaneessa. Ummanni keenya Oromoo fi ummatoonni cunqurfamoon impaayera Itoophiyaa keessa jiran cuftuu gaaffii mirgootaa kanatti fayyadamoo tahuudhaan qabsoo bilisummaa fi demokraasiif taasisaa jiran akka finiinsan waamicha dabarsa.
Walumaa gala hanga sirni fi caasaan cunqursaa bakka irraa ka’uu mirgootni Umamtaa fi dimokrasii kabajaman qabsoon ummataa akka finiinuu gadi jabeessinee dhaammatna
Haqni ni injifata!
Ka’I Qeerroo!
Sochii Dargaggootaa Bilisummaa fi Deemokraasiif (Qeerroo)
Hagayya 21, 2012

Ibsa Qeerroo Hagayya 21,2012

Muumichi Ministeera Itiyoophiyaa Mallas Zeenaan Dhukubsachuu Irraan Kan Ka’e Adduunyaa Kana Irraa Boqochuu ETVn Gabaase.

Video

Hagayya 21,2012 Finfinnee
Muummichi Ministeera biyya Itiyoophiyaa adduunyaa kana irraa boqochuun isaa erga dubbatamuu eegalee torbaanota lakkaayee ture,haata’u waan dhokatee hafu waan hin jirreef Obbo Mallasaan buqochuu isaanii ETVn har’a gadi baasee ibsa itti kennuun beekama.
Haalli kun biyya Oromiyaa fi Itiyoophiyaa keessatti jijjirraa siyaasaa jabaa fida jechuun ummanni haalaan irratti mariyachaa jira.Caasaan mootummaa Wayyaanee martuu shororkaayee kan gaafa Mangistuu H/Mariyam biyya gadhiisee bahee san fakkaata.Haalli kun jijjirraa fidee sabaa fi sablammoota kamiifuu Bilisummaa fi Walabbummaatti akka fullaasuuf jecha irratti hojjechuun yeroon isaa amma.
Sirni mootummaa Waayyanee harca’aa jirus jijjirraa hudee qabu fiduuf kan tattafatu hin fakkaatu kanaafis qophii osoo hin taane aangoo irratti of jabeessuuf aanjaa addaa soqachuu waan hin dhiifneef ummanni kana irratti yaada kennachuu fi amma irraa itti of qopheessuun karaa dha.

Ona Limmuu Galiilaa Keessatti Investerooti Wayyaanee Ummata 300 ol Lafa Irraa Buqisanii Kanneen Turan Ifiis Buqa’an

Video

Hagayya 20,2012 Naqamte.
Godina Wallaggaa Ona Limmuu Galiilaa Bakka Harqambee jedhamu irraa qonnaan bultoota Oromoo 300 qe’ee irraa buqisuun gumaati ykn kaasaan tokko osoo hin kafalamiiniif qe’ee alakilii fi abaabiliin irra jiraatan irraa buqisuun qabeenyummaa ofii jala kan dhuunfatan inveesiterroota Wayyaalee lama irratti humni addaa WBO tarkaanfii fudhachuun gabaafame.
Hagayya 18,2012 Inveesteroota maqaan isaanii Abajjee Xilaahun fi Tarikuu Bayyanee kanneen jedhaman irratti humni WBO tarkaanfii fudhateen ummanni naannoo fi kanneen qe’ee isaanii irraa buqa’anii rakkoo fi gidiraa argaa turan gammachuu isaanii wallee fi sirbaan akka muldhisaa oolan gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Godina Wallagaa keessatti yeroo adda addaatti tarkaanfiin diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatamu irraa kan ka’e abootiin qabeenyaa Wayyaanee hedduun naannicha gadhiisanii akka bahaa jiran gabaasi qeerroo addeessa. Ummanni naannoo jirus haala kanaan mirqaansuu fi gammachuu akka qabu beekame.

Godina Iluu Abbaa Booraa magaala Goree keessatti Barattootni Oromoo ” Mangistuun bu”ee Mallasaan du’e Oromoo ka’e!” Jechuun Wallisaa Hiriir a Mormii Wayyaanee Bahan.

Aside

Hagayya 20,2012 Mattuu

Godina Iluu abbaa Booraa magaala Goree keessatti barattootni Oromoo Yuunivarsiitii fi Koollejjii irraa gara magaala kanaatti deebian hiriira nagaa bahan.Hagayya 15/2012 galgala saa 2:00 irraa eegalee barattootni Oromoo magaala kanaa bulchiinsa Wayyaanee balaaleffachuun mirgi keenya haa eegamu,ummanni Oromoo ofiin of bulchuuf mirga qaba,qabeenyii Oromoo haatikfamu,Wayyaanee nu bulchuun kanaan dhumata,hojii dhabdummaan haa dhibamu fi kkf jechuun gara Bulchinsaa magaalittiitti yeroo deeman bulchaan magaala kanaas gaaffi keessan deebii argata jechuun barattoota kana gowwoomsuuf wayita yaalutti dhagaan tumuum milishoota waliin walitti bu’iins uumamee jiraachuun qeerroon gabaasa.

Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti ilmaan Oromoo hojii dhabdummaan rakkisuu irraan darbee maqaa ABOn hidhuu waan itti fufeef barattootni Oromoo yuunivarsiitii fi Koollejjii gamtaan magaala Goree toachuu dandaanii jiran.Walleewwan Oromoon gootuma duruu,Mangistuun buee Mallasaan duee Oromoo kae! Jedhu magaala keessa deddeebiuun wallisanii jiran.Waraannii fi Kaabinootni magaala Goree keessaa kutannaa barattootaan gammadanii akka jiran gabaasni qeerroo magaala Goree addeessa.

Qeerroo-UK Celebrates Oromo Olympians @ London 2012

Aside

http://gadaa.com/GadaaTube

Sochiin Gaaffi Mirga Amantaa Finfinneetti Qabate Naannoolee Biroottis Babal’achaa Jira

Aside

Hagayya 20,2012 Finfinnee,

Sochiin diddaa sirna Wayyaanee fi mirga amantaa irratti eegale itti fufee Finfinnee keessatti mootummaa Wayyaanee dulloomee kufaa jiru ittuu butuchaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.
Sochiin kun Finfinnee irra darbee magaalota biroottis babaldhataa akka jiru gabaafama. Haala kanaan

Gabaasaa Kabajaa Ayyana soomaa hiikaa Hordoftotaa Amantaa Muslimaa ilaalchisuun dhiyatee: Hagayya 19/2012 Akka gutumma biyatittii Hawaasni Musilimaa ayyanaa kanaa sababeeffaachuun FDG sirna Abbaa irree wayyaanee irraattii gaggeessaa oluun bakkaa bakkattii, Godinaa godinattii sagalee walfakkatuu fi dhaadannoo wal fakkaatuu dhageesisaa olee, dhadanno o ummataa Kan Godinaa Jimmaa, Aanota akka Aggaaroo, Sarboo, Sokorruu, Magaalaa Jimmaa, Gattiraa, Geeraa,Deedoo, Shabee Fi Kan Godinaa Illuu Abbaa Booraa aanotaa Akkaa, Dhidheessaa, Goree, Cooraa, Magaalaa Mattuu fi magaalaa Baddallee dhadannoowwan armaan gadii dhageesisuun ummaannii Mormii cimaa dhaageessisaa akkaa Olee maddii qeerroo gabaasee jira
1. Mirgii amantaa keenyaa nuf haa kabajamuu, Hidhaa, ajeechaa fi dararamni nu gahe nurraas haa dhabbatu,
2. Koreewwaan hogansaa Amantaa keenyaa 17 hidhaman daddafiin haa hiikaman, hammaa isaan hin hiikamneti filannoon hin gaggeeeffamu. fi Jechotaa akka Freedom , justice, Unity, fi ol antummaan seeraa haa
kabajamuu jedhuu biyya keessa facasuun mormii dhagesisaa akka jiran beekame.
Haala kanaan kan dhiphate waraanni mootummaa wayyaanee abdii kutannaa fi sodaa guddaan guutamee akka jiru irraa beekama. Sirni mootummichaa kufaa jiraachuu fi angawoonni mootummaa sababaa dhukubaan bulchiinsa irraa maqaa jiraachuun waraanicha keessatti abdii kutannaa fi jijjirama guddaa fidaa waan jiruuf finciloota ka’an dura dhaabbachuuf fedhaa fi haamlee akka itti hin qabne odeessi isaan keessaa lohee ummata bira gahu addeessa.

 

Hawaasti Musiliimaa Adaamaatti diddaa isaanii ibsatan

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 19 Hagayya 2012) Ummati guyyaa har’aa ayyaana sooma hiikaa bahe, salaataan booda gaaffiin mirgaa akka karaa qajeeltoo deebi’uuf gaafate; kanneen seeraan ala hidhamanis akka hatattamaan hiikaman gaafatee jira.

Odeessi magaalaa Adaamaa irraa Qeerroo dhaqqabe akka hubachiisutti, ummati ayyaana edaal faxiriif bahe nagaan erga salaata isaanii fixatanii booda sagalee mormii fi diddaa magaalaa keessa naanna’uun dhageessisanii jiru.

Yeroo kanattis, kanneen gaaffii haqaa waan gaafataniif mana hidhaatti darbaman hatattamaan akka hiikaman dhaamanii kana ta’uu baannaan garuu karaa danda’ame maraan haga mirgi isaanii kabajamutti diddaa fi mormii akka itti fufan jabeessanii dhaamanii jiru.

Qeerroon Adaamaas sochii ummataa kan qindeessuu fi gaaffiin haqaa fi mirgaa haga deebii hin argatiinitti, nagaadhaan amantii ofii gaggeeffachuun akka hin jiraanne hubachiisee jira.

Ummati amantiin walqoodee yoo humna dhabe, wayyaaneef mijjata kan jedhan Qeerroon Adaamaa, ummati marti nagaa, bilisummaa fi haqa biyyattii keessatti dhugoomsuuf falmaa adeemsisamaa jirutti dabalamanii umurii wayyaanee akka gabaabsan hubachiisee jira.

Yeroon kan taa’anii waan adeemaa jiru daaw’atan miti kan jedhan miseensoti Qeerroo Adaamaa yeroo hawaasti Musiliimaa reebaman callisanii ilaaluun oolee bulee eenyuufiyyuu waan hin tolleef gamtaan ka’anii sagalee warraaqsaa akka belbelchan hubachiisee jira. Ummatis dhaamsa Qeerroo kan fudhachuun gamtaan sirna wayyaanee balaaleffataa kan oolana ta’uun hubatamee jira.

Hordoftootni amantaa Musliimaa diddaa jabeessanii itti fufan;Waraanni wayyaanees abdii kute!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 19 Hagayya 2012) Diddaan hawaasa Musliimaa biyyattii keessatti finiinaa jiru daran jabaachaa dhufuun gama tokkoon hawaasa diddaa gaggeessu yoo jabeessu, gama biran immoo humnoota wayyaanee hedduu rifaafsisee akka jiru hubatame.

dsc00223

Qeeroon guyyaa har’aa magaalaa Finfinnee bakka addaddaatti argamee akka gabaasetti, ummaati biyyattii gamtaadhaan mormii fi diddaa isaa sodaa tokko malee dhageessifachuun sadrakaan qabsoo fi diddaa gara olaanaatti akka guddate agarsiisa jedhamee jira.
Hawaasni Musliimaa miliyoonaan lakkaa’amu Laga Haar Istaadiyoomiitti walitti qabamuun erga salaatee booda mootummaa wayyaanee balaaleffatee jira.
Waraanni wayyaanee, fi Poolisiin Federaalaa yaa’uun diddaa sana akka dhaamsuuf dirqamani itti kennamus, diddaan ummataa hedduu gudddaa waan tureef dhaabbatanii ilaaluu malee waan tokko illee gochuu akka hin dandeenye hubatamee jira.
Hawaasni Musliimaa dhaadanoowwan
1. Miseensotni keenya kanneen hidhaman haa hiikaman
2. Sagaleen keenya haa dhaga’amu
3. Amantiin keenya nuuf haa kabajamu
4. Mootummaan dhimma amantii keessa seenuu hin qabu
5. Rabbi malee mootummaan jabaa miti kanneen jedhan dhaadannoo dhageessisanii jiran.
Yeroo gara mana isaaniitti deebi’anis Markaatoo,Piyaassaa,Tekle Haayimaanot,Qaallittii
walumaa galatti kutaa magaala Finfinnee mara keessatti dhaadachuun sagalee dhageessisanii jiran.

dsc00220

Diddaa wal fakkaataan Kutaalee Oromiyaa bakkeewwan hedduutti kanneen akka Mattuu, Baalee, Shaashimannee, Ijaajjii fi Harargee keessatti dhalachuun mootummaa wayyaanee muddee jira.

Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaaf deebii kan hin deebisne taanaan diddaan daran jabaatee akka itti fufu waadaas walii seenuun Addunyaan sagalee isaanii akka dhaga’us dhaammatanii jira.

Sochiin dargaggoota Biyyoolessaa Kan bilisummaa fi Dimokiraasii, yookana Qeerroon Bilisummaas gaaffiin mirgaa hordoftootni amantaa Musliimaa gaafatan diddaa qaama farra garbummaa tahuu irra deebiin hubachiisuun, hawaasti marti amantii, naannoo fi gosaan otuu walhin qoodne gaaffii mirgaa dhugoomsachuuf akka hawaasa Musiliimaa cinaa dhaabbatan dhaamsa dabarsee jira.

Injifannoo uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

FINFINNEE: Diddaan ummata Musillimaa sadarkaa olaanaan gaggeeffame.

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 19 Hagayya 2012) Diddaan hawaasa musliimaa biyyattii keessatti finiinaa jiru daran jabaachaa dhufuun hordoftootni amantaa musliimaa guyyaa hiikkaa Sooma Ramadaanaa irratti mootummaa wayyaanee balaaleffatan.

dsc00219

Oduun roga addaddaa irraa Qeerroo dhaqqabaa jiru akka hubachiisetti, hawaasti Musiliimaa miidhaa fi dhiibbaa mirga isaanii irra gahaa jiru karaa hundaan falmachaa jiran.
Akka kanaan guyyaa har’aa dhaadannoolee garaa garaas dhageessisanii, mootummaa wayyaanees balaaleffatanii jiran.
Gabaasaan Finfinnee keessaa walitti qabame akka mul’isutti, guyyaa har’aa hiririi guddaan Soomaa hiikaa hawaasaa Musilimaatiin wal qabatee dirree masqalaattii Magaalaa Finfinnee steediyeemii guddichaattii gaggeeffamee jira.Sagantaa guyyaa har’aa kana irratti ummaataa miliyoonaa 6 ol ta’u kan hiramaate yoo ta’u, hirriirrii mormii gaggeeffaame kunis miidhaa fi hammeenya baroota digdamman darban saba biyyattii irra gahaa turee, keessa keessa immoo ukkaamfamee adeemaa ture akka ta’e kan ifatti mul’isee dha.
Hiriirri kun hordoftoota Amantaa muslimaa Maagaalaa Finfinnee qofaan utuu hinta’iin, jiraattoota Magaalaa Finfinnee, Qeerroo, sochii Bilisummaa fi warraaqsa Bi ummataa Oromoo fi hawaasaa kutaa biyyaattii garagaraa irraa walittii dhufuun sagaleen mormii guddaan dhageessifamaa jira.

dsc00207

Kessaattuu, dhaadannooleen “hidhamtoonnii siyaasaa biyyaattii haa hiikamaa, Koreewwaan Hoggaansaa Amantaa musilimaa badii tokkoo malee hidhamaan haa hiikaman, Juctice, Freedom, Unity,” kan jedhu bal’inaan dhageessisamaa oolanii jiru. Kan malees, “gaaffiin keenyaa deebii haa argatuu, Filannoon yoo dhugaan jiraatee fi hoggaantoonnii muslimaa hiikaamaan innii iyyuu masjidaattii gaggeeffaamaa malee kanaan boodaa filaannoon keenyaa abbaa irree dhabamsifnee walabummaa argannee amantaa keenyaa gaggeeffaachuudha, dimocracy dhugaan biyyaa keenyaaf ni barbaachiisaa dha,” jechuun diddaa olaanaa dhageessisanii jiru.
Haala kana ilaalchisuun Mootummaan wayyaanee humna Waraanaa kumaatamattii lakkaa’amuu magaalaa Finfinneettii bobbaasuun ummaataa goolaa haa jiraatu iyyuu malee, ummati garuu sodaa fi bir’uu tokko malee mormii isaa dhageessisaa oolee jira.

Hordoftoonni Amanta Musiliimaa Wayyaanee Afaan Qabachiisan

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 19 Hagayya 2012) Guyyaan har’aa ayyaana soomii hiikaa hordoftoota amantaa musiliimaatiin walqabatee diddaa fi mormiin guddaa adeemsisame.Ayyaana guyyaa har’aa kabajameen dahachuunis, hordoftoonni amantaa Musiliimaa waraqaa dhaadannoo wayyaanee balaaleffatu barreessuudhan mormii dhageessisaa oolanii jiru.
Keessayyuu, bakka sagada isaanii, staadyeemiitti Finfinnee keessatti ganama obboroo sa’a 12:00 irraa kaasanii dhaadannoo sirna wayyaanee balaaleffatu dabaree dabareedhaan walharkaa fuudhanii dhageessisaa oolanii jiru.Dhaadannoo guyyaa har’aa dhageessisan keessaas gariin
-Tokkuummaan keenya itti haafufu,
-Rabbi iyya keenya nuuf haafuudhu,
-Yaa rabbi gabrummaa nurraa kaasi,
-Diina keenya yeellaasisi. kan jedhuu dha.
Diddaan akkanaan staadiyeemii sana irraa erga kaasanii hamma magaalaa guutuu Finfinnee keessatti sodaa fi ija laafina tokko malee waraana wayyaanee qaanessannii oolan.
Diddaa kana irrattis, Qeerroon Waarraqsa saba bal’aatti akka ce’uu fi gaffii biyyooleessaa akka ta’uuf jecha hirmaannaa jabaa kan agarsiise yoo ta’u, qooda fudhannaan kunis waraqaa qabsoo kanaan wal qabsiisee saba Oromo achi keessa jiraniif qopheessee hirudhaan namonni kunis waraqaa kana qabatanii dirree kanatti bahanii akka diddaa isaanii dhageessisan gochuun isaanii beekamee jira.

This slideshow requires JavaScript.


.