Poolisoonni Sirna Wayyaanee Tajaajilaa Turan 8 meeshaa guutuu waliin galmee Wayyaanee gubuun Dhabaman

Aside

Waxabajjii 24,2012
Waxabajjii 20,2012 Godina wallaggaa Bahaa Onaa Haaroo Limmuu bakkaa Abbaa Mo’aa fi Yaasoo gidduutti waraanaa Wayyaanee sakatta’insaaf Bobbaatee irraatti tarkaanfiin maayyii fudhatame.

Gootonnii sabboontonnii Oromoo Maadhee Dhugumaa Jaldeessoo fi Saadan Egguutiin hooggaanaman akka gabaasanitti humni hin beekamiin daandii konkolaataa bakkaa Abbaa Mo’aa fi Yaasoo gidduutti boollaa qotanii qindeesuun  daandii konkolaataa kutanii, konkolaataan Waranaa Wayyaanee Feetee Deemtuu Boollaa tooftaan qotamee qindaa’ee keessaa butee garagaluun lubbuun loltootaa 6 kan hooggaanaan isaanii namni maqaan;

*Dayyaas G/Mikaa’el jedhamuu keessaattii argamuu  battalumatti Du’ani, namonni kudhaan (10), akka malee maadaa’an. Konkolaataan ittin deemaa jiran hojiin alaa taatee jirti, Mootummaan wayyaanee gochaa kanatti akka malee rifachuun humnaa waraanaa bakkaa Abbaa Mo’aa jedhamuu tti guuraa jirti.

Dargaggoota Oromoo Ka’i Yeroon Teetii !!! Hin Hifatiin Dhiibi…..!!!(Dhiibi Qeerroo – Nuhoo Gobana)

Video

Hegeree Media, Nuhoo Gobana, Qeerroo, Surraa Oromiyaa

Mootummaan Wayyaanee Miseensota isaa irraa amantii dhabuun Qeeerrummaan Isaan Yakke.

Aside

Waxabajjii 24,2012

Mootummaan garboomfataa Wayyaanee miseensota isaa irraa amantii dhabuu irraa kan ka’e Godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree Ganda Areertuu keessatti dargaggoota Oromoo ‘isin Miseensota keenya karaa misoomaa irraa kaasaa jirtu’’Qeerroo nurratti ijaaraa jirtu maqaa jedhuun dargaggoota qorannoon rakkisuu irratti argama.Mootummaan wayyaanee dargaggoota ganda kanaa oolmaa keessan gabaasuu qabdu jechuun rakkisuu irratti argama.Dargagglootni
1. Kabbadaa Daadhii
2. Asaffaa Abbabaa
Jedhaman ergamtoota mootummaa wayyaaneen akka tikfamanii fi guyyaa guyyaan oolmaa isaanii hin gabaasan taanaan akeekkachiisni kanneen itti kenname keessaa garii dha.
Kana Malees Abbaa irreen aangoo biyyattii qabate qabeenya oromoo saamuuf kan kutate Godina Shawaa Lixaa aanaa Dandii keessatti bosona Cillimoo argamu hedduumminaan muruun humnaan guuraa jiraachuunii fi uummatni diddaa dhageessisaa jiraachuu qeerroon aanaa kanaa gabaase.

Walitti Bu’insi Mootummaan Wayyaanee Uummattoota gidduutti uumu babal’achaa dhufe

Aside

Waxabajjii 24,2012

Biyya Itoophiyaa jedhamu keessatti Mootummaan Wayyaanee tokkummaa uummattoota biyyattii diiguuf tooftaa garaa garaa bixxilaa turuunii fi lubbuun uummata hedduu,qabeenyi hedduun baduun isaa ni yaadatama.Yeroo ammaa kanaas Mootummaan wayyaanee walitti bu’insa Uummattoota Kibbaa keessatti uumeen Uummatni Sidaamaa fi Walaayittaa walitti bu’uun uummatni walaayittaa irratti miidhaan garaa garaa gahuu irratti argama.Mootummaan wayyaanee magaala Hawaasaa keessa Federaalota dhibbaan lakkaa’aman maqaaf kan naqe yoommuu tahu,Yeroo mootummaa irratti uummatni ka’u malee yeroo uummatni lameen wal lolan hin tuqiin jedhamanii dirqama fudhatanii akka deeman iccitiin Federaalota naannoo sanatti bobba’e keessaa bahe saaxilee jira.

 

RAB: PART2 – Exclusive Interview with the Chairman of the Oromo Liberation Front (OLF), J/ Daawud Ibsaa

Video

Wayyaanee TPLF dargaggoota Oromoo hojii dhaban gara Adda waraanaa Gowwoomsee geessuuf olii fi gadi kaachuun isaa milii dhabe.‏

Aside

Waxabajjii 24,2012 Finfinnee

Biyyattii keessatti diddaa mootummaa Wayyaaneetti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf mootummaan abbaa irree Wayyaanee dargaggoota gara Adda Waraanaa deemtu jechuun Godinaa Godinatti deemuun galmeessaa jira.Dargaggootni Oromoo Hojii dhabdummaan rakkachaa jiran Carraa Adda Waraanaa deemuuu hin didan jechuun akeeka kan godhate mootummaan abbaa irree dargaggoota Oromoo galmeessaa jira.Godina Iluu abbaa Booraa magaala Mattuu fi Magaala Jimmaatti maaliif akka galmeessan osoo hin himiin dargaggoota 300 ol kan galmeessan yoommuu tahu,Isin adda Waraanaa deemtanii dirqama hin baatan taanaan Maqaan keessan nu bira jira,Yoo bakka kanatti diddaan tokko dhalate,Itti gaafatamummaa kan fudhatu isini kanaaf deemuu qabdu jechuun doorsisaa dirqisiisaa jiru.Miindaa jabaan isinii kaffalama jechuun dargaggoota oromoo gowwoomsuu irratti argamu.Qeerroon naannoo kanaa shira mootummaa wayyaanee dursee hubachuun dargaggoota oromoo naannoo biraafis dhaammanna jedha.

Mootummaan Wayyaanee shira amantiilee gidduutti kalaqeen walitti bu’insi uumame hammaataa ta’aa jira

Aside

Waxabajjii 24,2012

Biyya Itoophiyaa jedhamtee waamamtu keessatti uummatni biyyattii keessaa gaafa nagaan oolee bule takkaa hin argine.Uummatni aadaa fi safuu fi amantiin wal danda’ee waliin jiraatu erga Mootummaan garboomsaa Wayyaanee gara Aangootti ba’ee wal waraanuu fi wal jibbinsaan akka jiraatu tooftaa aangoof gidduu isaaniitti waan uumameef uummatni amantiin wal danda’e baroota dhufaa darbaa dheeraaf jiraachaa ture yeroo ammaa kana gochaa fi shira Wayyaaneen ummatoota jidduutti uumaa jiruun  yeroodhaa yeroottii walitti bu’aa jira.Hordoftootni amantii Musliimaa fi Kiristaanaa Mootummaan Wayyaanee wal dhabde gidduu isaaniitti kalaqe irraan ka’uun Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Mattuu,Dhidheessaa fi Kamisee walitti bu’uun hordoftootni amantii lamaanii wal miidhuun gara Hospitaalaa akka seenan ta’ee jira.Mootummaan Wayyaanee walitti bu’insa kanaaf kan gammade yoommuu tahu,walitti bu’insa kana tasgabbeessuuf hojiin hojjetu hin jiru.Humna uummataa diddiigaa dhimma aangoo kan itti gaggeessaa jiru mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo naannoo kanaa doorsisaa fi hidhuu irratti argama.Ilmaan Oromoo lama Magaala Mattuu keessatti dhoksee gara mana hidhaatti fudhachuus kanneen ijaan argan ragaa bahu.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Mootummaan Wayyaanee Diddaa uummataa dhaamsuuf maqaa ”Seelii Diinaa” jedhuun dargaggoota mana hidhaatti guuraa jira

Aside

Waxabajjii 24,2012  Shaambu

Mootummaan wayyaanee diddaa Uummataa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti qabate dhaamsuuf dargaggoota oromoo maqaa Seelii diinaa jedhuun mana hidhaa mootummaa wayyaanee Magaala Aliboo keessatti guuruun dararuu irratti argamti.Dargaggootni

  1. Misgaanaa Rabbirraa aanaa J/Jaartee ganda Jaarroo  Siree irraa
  2. Tolosaa Rumichaa aanaa J/Jaartee ganda Diimaa Jokkee irraa
  3. Sharifoo aanaa J/Jaartee ganda Diimaa Jokkee irraa
  4. Tolosaa Galataa aanaa Horroo Guta irraa
  5. Fayyeeraa Ganda Laaloo Igguu irraa
  6. Dargaggoo Mokonnon Laaloo Igguu irraa dargaggoota oromoo 6 mana hidhaa kanatti mootummaa wayyaaneen ukkaamsaman waliin dararamaa jiru.

Gaaffiin Mirgaa uummatni Oromoo naannoo kanaa gaafate poolisoota naannoo biratti fudhatama qabaachuun poolisootni naannoo kanaa uummata waliin gaaffii gaafachaa kan jiruu fi mootummaan wayyaanee amanamtoota ishii gidduu galeessa irraa bobbaasuun Poolisootas isin ergama diinaa qabdu jechuubn qorannoon rakkisaa jirti.Diddaan uummataa jalqabame hidhaa fi doorsisaan dhaabbachuu akka hin dandeenye mootummaan wayyaanee jala sararee baruu akka qabus uummatni naannoo kanaa fi maadheen ABO dhaamu.

Diddaan Qeerroo fi ummataa poolisootattis ce’e; lubbuun poolisoota Wayyaanee sadiis galaafatame.

Aside

(Qeerroo, Naqamtee, Waxabajjii 20/2012) Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onaa Giddaa Ayyaanaa, Guttinitti Buufataa poolisii 2ffaatti walitti bu’insii guddaan poolisotaa Wayyaanee Gidduutti uumamee dhukaasaa wal irraattii reebuun poolisonnii wayyaannee namonni sadii batalumatti du’uun namonni lama akka malee maada’aniru.

Gabaasaan Qeerroo bakka san irraa akka odeessa nuuf dabarsetti, ka’umsi  waliitti bu’insaa kanaa poolisotaa ilmaan Oromoo duraa aangoo irraa jiran shakkuun ilmaan Amaaraa fi Tigiree gara aangootti baasuuf ,wayitaa wayyaaneen shiraa xaxaa jirtutti kan dhalatee dha.

Akka kanaan,poolisonnii  Ilmaan Oromoo aangoo irra turan  aangoo keenyaadabarsinee Habashaattii hin kenninuu jechuun Habaashootaa aangoo fudhaachuuf qophaa’an irratti dhukaasaa banuun namoonni sadii batalumaatti si’a ajjeefaman namoonni lamaa madaa’anii mana yaalaa galuun gabaafamee jira

Poolisonnii Habaashaa aangoof utuu fiigaanii ajjeefamaan 1, Poolisii Tasalem Eliyaas, lammii Amaaraa, 2. Poliisii Wandimaagenyii Taageenyi lammii Amaaraa, 3, Poolisii Araayaa W/Miikaa’el   Lammii Tigree kanneen du’aan yoo ta’aan, Poolisonnii lamaa kan madaa’an yeroof maqaan kan nu hin geenyee ta’uun ni hubaachiisna,

Waliitti bu’iinsaa uumamee kanaanis Magaalaan Guttiin akkaa malee jeeqamaa Oluun gabaafamee jira.

Kan kanaan otuu jiruu, Walgahiin baratootaa miseensotaa OPDO ta’anii Onaa Dongoroo M/B Dongoroo sadarkaa 2ffaa fincilaa diddaa garbummaattii jijjiiramee waxabajjii 20/2012 baratoonnii OPDO hin barbaannuu jechuun walga’ii dhiitanii ka’uunii jiru.
Akka kanaan barattooti kunneen mootummaa abbaa irree balaleeffaachuun gabaafamee jira.
Akkasumas “dhaabni OPDO kun beekamtii hin qabdu, ummaataa Oromoos bulchuu hin dandeessuu,” jechuun baratoonnii dhaadannoo Oromiyaan ni Bilisomti, jedhuu dhageessisaa akka oolan oduun kun dabalee hubachiisee jira.

Filannoo Gamtaa Barattootaa Mooraa Yuunivarsiitii Hawaasaatti Tikni Mootummaa barattoota oromoo basaasuu fi doorsisuuf bahe wal dhabe

Aside

Waxabajjii 22,2012 Gabaasa Qeerroo Hawaasaa
Mooraa Yuunivarsiitii Hawaasaa Keessatti Filannoo barattootaa deemsifamaa jiru irratti Miseensotni OPDO fi jala deemtotni mootummaa wayyaanee nuyitu filatama jechuun olii fi gadi fiiganis Qeerroon diddaa burqisiisuun mooraa yuunivarsiitii Hawaasaa Yaaddoon liqimsiise.Mooraan yuunivarsiitii Hawaasaa yeroo dheeraaf waraana mootummaa wayyaaneen tikfamaa kan ture yoommuu tahu,yeroo ammaa kana haalaan daran jabaachuun Tiknii fi waraanni mooraa yuunivarsiitichaa seenuun hojii basaasummaa jalqabuun isaanii saaxilamee jira.Wal dhabbiin tika mootummaa wayyaanee yuunivarsiitii kana keessatti bobba’an gidduutti dhalachuus odeeffatni isaan keessaa ni saaxila.
Kana malees karaa biraa hojjettootni Magaala Finfinnee bulchinsa aanaa 7 keessatti hojjetan Miseensummaa wayyaanee dirqiin akka guutan dirqamsiifaman.Hojjettootni bulchinsa kana keessatti hojjetan Mormii guddaa kan dhageessisan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee Miseensummaa hin guuttan taanaan hojii irraa arii’amtu jechuun akeekkachiisee jira.Bulchinsa aanaa kanaa keessatti ji’oottan shaman darbanitti mootummaan wayyaanee Poolisoota Gibira irraa funaanuuf leenjisaa kan turee fi diddaan kan isa simate tahuun isaas ni yaadatama.