Magaazinni Kuufama Meeshaa Wayyaanotaa Goorootti Argamu Guutummatti Barbadaaye.

Aside

Caamsaa 31,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Ummanni onneen isaa gabrummaan madaaye mirga isaa falmachuu fi qabeenya ofiif qabsaawuun gonkumaa hin dhaabbatu.Haala kanaan guyyaa Wayyaanonni ayyaana Gimbot 20 jechuun magaalaa Finfinee keessatti qophiitti jiran irratti humni hin beekamiin tokko qabeenya Investera Tigray kan ta’e magaazina kuufama meeshaa Wayyaanootaa guddaa naannoo Finfinnee lafa Gooroo jedhamutti kan argamu irratti tarkaanfii fudhatameen magaazinichi guutummaatti barbadaayee jira.
Yeroo magaazinni kun gubatutti kaabinooti mootummaa Wayyaanee hoteelotaa fi bakkoota adda addaatti ummata walitti qabuun duskurii siyaasa kijibaa fi guyyaa injifatnoo jedhanii umata irratti geeraraa dhaa osoo jiranii tarkaanfiin akkasii fudhatamuun naannicha fi qondaalota Wayyaanee guddoo waan rifaasiseef jecha humna waraanaa heddumminaan gara Goorootti bobbaasuun ummata naannichaa jequu fi hidhuutti bobbaa guddaa godhee akka jiru beekama.
Gubachuun magaazina kuufama meeshaa kun tilmaama maallaqa miliyoona 10 kan ta’u akka dhabame gabaasi achi irraa argame addeessa.
Diddaan ummataa kun kanaan osoo hin dhaabbatiin kutaalee Oromiyaa gara garaa keessattii fi University akkasumas manneen barnootaa gadii keessatti ummanni Oromoo ayyaana Gimboti 20 kana dura dhaabatee diddaa isaa muldhisee jira.Tarkaanfiileen fakkaatoos bakkoota gara garaati qondaalotaa fi milishoota Wayyaanee irratti fudhatamun beekamaa dha.
Qabsoon itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Diddaan Ummataa gara qabsoo hidhannootti tarkaanfachuun isaa basaasota Wayyaanee galaafate

Aside

Caamsaa 31,2012 Naqamte

Godina wallaggaa Bahaatti Ummaanni Oromoo FDG jabeessee itti Fufee.
Camsaa 28/2012 angawaannii wayyaanee wajjiraa dhimmaa miliishaa Godina Bahaa waallaggaa keessaa hojeetan irratti tarkaanfiin Ummataan fudhatamen ergamtoonni Wayyaanee maqaa isaanii

1.Fiisaa’aa Yonaannis

2. Hamsaaluu Teessoo

jedhaman irraatti tarkaanfiin fudhatameen Madaa’ani hosphitalaa Neqemtee galanii akka jiran qeerroon gabaasa, Fisaa’aa yoohaanis garaa isaa irra rukkutamee yeroo madaa’uu,Haamsaaluu teessoo immoo harka mirgaa irraa rukkutamee kan maada’ee ta’uu odeessii keenyaa mirkaneefatera. Tarkaanfiin kun kan itti fufiinsaa qabuu fi wal irraa hin citnee ta’uu sabboontonnii dhaammaachuun, “ilmaan Oromoo Alagaa jalaa fiigaa jirtaan gochaa keessaan irraa kan of hin deebisnee yoo ta’ee tarkaanfii maayyii kan isiin eeggaatu ta’uu ni hubachiisna” barruun jedhu magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti faca’ee bakkoota waajiroota Wayyaanee ta’anitti ammoo maxxanfamee akka jiru gabaasi nu gahe mirkaneessa.

Qondaala Tikaa Wayyaanee beekamaa Sibaat Arayaa jedhamu irrati tarkaanfiin maayyii fudhatame

Aside

Caamsaa 31,2012 Gabaasa Qeerroo

Caamsaa 30,2012 Godina wallaaggaa bahaa Onaa Haaroo Limmuu   bakkaa Yaasoo fi Abbaa Mo’aa jedhamuu gidduutti sabboontotaa Oromootiin Qondaalaa Wayyaanee nama maqaan isaa Siibaat Abiraa kan ilmaan Oromoo basaasee hiisisuuf bobba’ee,kessaatuu miseensotaa Addaa Biliisummaa Oromoo adamsuu fi yeroo ammaa kana hojii tikaaf kan ramadamee socho’aa jiruu irraatti waaree dura sa’aa 10 am irratti tarkaanfiin mayyii fudhatame.Sabboontonni tarkaanfii maayyii ergamaa Wayyaanee kana irratti erga fudhatanii booda shugguxii irraa hiikkachuun qabeenyummaa qindeessitoota FDG itti gabaasanii akka jiran gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.

Tarkaanfiin kun qindoomina Maadhee Dhugumaa Jaldeessoo fi sadan Egguu tiin qindaa’ee karoorfamee  hojiitti kan hiikame yeroo ta’u  injifatnnoo itti aanuufis bakkoota maadheeleen diinaa dahatanii jiranitti fuulleffatanii akka jiran gaabaasu.

Kana malee karaa biroo Caamsaa 29/2012 Onaa Heebantuutti waraannii wayyaanee uummatatti bobbaafamee jiruu uummatatta dhukaasa bane, barataa Oromoo barataa Bayyanee Alamuu baraataa kutaa 12ffaa,  rasasa wayyaaneen rukutamee madaa’ee yeroo ammaa kana waldhansaaf hospitaala Neqemtee galee waan jiruuf haalli kun uummataa daran arsee waan jiruuf uummanni FDG tti jabaatee seene

Wallagga, Qeellam Keessatti Ayyaanni Wayyaanee Gimbot 20 Diddaa Ummataan Fashale

Aside

Caamsaa 30,2012 Dambi Dolloo

Ayyaana Wayyaanee Ginbot 20 ilaalchisee dhimma guyyaa kanaatti fayyadamee ummata afaan faajjessuuf jedha walgahiin Wayyaanoti Aaanaa Anfilloo Qeellamitti yaaman guutuutti diddaa ummataan fashalee jiraachuu gabaafame.

Sabboontonni Oromoo fi walumaa galatti ummanni Oromoo  Qellem wallaggaa,aanaa Anfilloo irra jiran kan ganda Ashi fi Gargeedaa bakka jedhamutti guyyaa ayyaana kanatWayyaanotaa kana mormii fi diddaan waan bahuu didaniif jecha,humnoota milishaa ganda irra bobbaaftee ummata humnaan waamuu yoo yaalan iyyuu ummanni meeshaa lolaa fi sibiila manaa qabu qabatee milishoota ganda keessa yaa’an of irraa ari’uun akka deebise Qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Kana malees magaalaa Dambi Dolloo keessa ayyaana wayyaanee ilalchisee bakka torbatti(7) waraqaan dhaadannoo

“QABSOON OROMOO ITTI FUFA,

GARBOONFATAAN AMMA KUFA,

INJIFACHUUN KEENYA AMMA DHUFA”

Kanneen jedhan barreefamuun maxxanfamee akka oolee fi magaala keessattis waraqaan hedduminaan warraaqsa Qeerroon gaggeessu kan ibsu facafamuun ummata hedduu akka gammachiisee jiruu fi diinna ammoo rifaasisee haala kanatti dargaggoota magaalaa fi da’immaan kophee haxaawuun bulmaata isaanii gaggeessan karaa irraa qabanii isintu waraqaa facaase jechuun reebaa akka jiran qeerroon magaalaa Dambi Dolloo irraa gabaasa.

Midaaqenyii fi Gindabaratitti Gimbot 20n tarkaanfii transformer irratti fudhatameen dukkanaan simatame

Aside

Caamsaa 31,2012

Godina Shawaa lixaa Midaaqenyii fi Gindabarat keessatti diddaa deemsifamaa jiruun transformeriin gubachuun gimbot 2on dukkanaan akka simatamu taasifamee jira.Oromiyaa keessatti diddaan deemsifamu mootummaa wayyaanee yeroo ammaa dura dhaabbii kan dhorkee fi gara injifannootti deemaa kan jiru dha.Qeerroon Oromoo yuunivarsiitii Walloos guyyaa ayyaana Garboomfataa gimbot 20 uffata gaddaa fi galagalchanii uffachuun guyyaa kana gaddaan dabarsanii jiru.