Caamsaa 30,2012 Dambi Dolloo
Ayyaana Wayyaanee Ginbot 20 ilaalchisee dhimma guyyaa kanaatti fayyadamee ummata afaan faajjessuuf jedha walgahiin Wayyaanoti Aaanaa Anfilloo Qeellamitti yaaman guutuutti diddaa ummataan fashalee jiraachuu gabaafame.
Sabboontonni Oromoo fi walumaa galatti ummanni Oromoo Qellem wallaggaa,aanaa Anfilloo irra jiran kan ganda Ashi fi Gargeedaa bakka jedhamutti guyyaa ayyaana kanatWayyaanotaa kana mormii fi diddaan waan bahuu didaniif jecha,humnoota milishaa ganda irra bobbaaftee ummata humnaan waamuu yoo yaalan iyyuu ummanni meeshaa lolaa fi sibiila manaa qabu qabatee milishoota ganda keessa yaa’an of irraa ari’uun akka deebise Qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Kana malees magaalaa Dambi Dolloo keessa ayyaana wayyaanee ilalchisee bakka torbatti(7) waraqaan dhaadannoo
“QABSOON OROMOO ITTI FUFA,
GARBOONFATAAN AMMA KUFA,
INJIFACHUUN KEENYA AMMA DHUFA”
Kanneen jedhan barreefamuun maxxanfamee akka oolee fi magaala keessattis waraqaan hedduminaan warraaqsa Qeerroon gaggeessu kan ibsu facafamuun ummata hedduu akka gammachiisee jiruu fi diinna ammoo rifaasisee haala kanatti dargaggoota magaalaa fi da’immaan kophee haxaawuun bulmaata isaanii gaggeessan karaa irraa qabanii isintu waraqaa facaase jechuun reebaa akka jiran qeerroon magaalaa Dambi Dolloo irraa gabaasa.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk