(Qeerroo, Naqamatee, 29 Ebla 2012) Saamamuu lafa abbootii Oromoo, ajjeefamuu saba Oromoo, reebamuu fi ariyatamuu, rasaasaan tumamuu ilmaan Oromoo sababeeffachuudhaan qeerroon magaalaa Leeqaa Naqamtee fi mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessa baratan walitti dhufuudhaan wal gayii gabaabaa adeemsisuudhaan ejjennoo qaban lafa kaayatanii jiru.
Akkasumas miseensoti Qeerroo itti dabaluun dhaamsa dabarsan keessatti qabsoo Bilisummaa Oromoo karaa hundaan gargaaruuf waadaa waliif seenuudhaan qabsootti akka jabaatan murteeffatanii jiran.
“Baayinni Oromoo mootummaa wayyaanee aarsuudhaan lammii biroon akka ilmaan Oromoo ajjeesee fixu mootummaa wayyaanee karoorsus diddaa mootummaa wayyaane irratti eegalle itti hammaachaa kan deemnu kan ta’u malee boodatti akka hin deebine mirkaneessina,” kan jedhan miseensoti Qeerroo, “Gumuz gofa osoo hin taanee ilmaan Tigraayis wal guuranii yoo dhufan kanaan booda ejjennoon keenya ammas mootummaa wayyaanee abbaa irree kana of irraa fonqolchuudhaaf murtoo qabnu beeksifna,” jedhan.
“Bara baayyee sodaa wayyaaneetiin sochii warraaqsaa deemamee karatti rarra’aa tureera,” kan jedhan miseensoti Qeerroo kunneen, “amma garuu mee nuti abdiin saba Oromoo waanjoo garbummaa yeroo dheeraa nurra ture of irraa galagalchuuf tokkuummdhaan,saba keenya kakasuudhaaf hidhannee kaanee jirra,” jedhanii jiru.
Gocha gaddisiisaa uummata Oromoo irra gahaa jiru kana dura akka dhaabbatan murteeffatanii kan jiran miseensoti Qeerroo, “ammas irra deddeebinee gocha mootummaa wayyaanee dura dhaabbanna; kaayyoo isaa fesheleessina; kaayyoon diinaa keenyaa galma akka hin geenye jechuudhaan dhaamsa waliif dhaama,” jedhanii jiru.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk