Ebla 20,2012,Gabaasa Qeerroo Geedoo
Lixa Shawaa Aanaa Geedoo mana barnootaa sadarkaa 2ffaa barattootni kutaa 12ffaa kan ta’an baayinni isaanii 500 ol ta’an kutaa 12 ffaa kan baratan qormaata biyyoolessaatti kan dhiyaatan,akkasumas barattoota Aanaa Midaaqany ,sadarkaa 2ffaa,kan kutaa 12ffaa baratan baayinni isaanii 200 ol ta’an akkkasumas barattoota Aanaa Dandii,Meettaa Roobii barattoota kutaa 12ffaa ta’an baayinnii isaanii heddumminaan mootummaan Wayyaanee walitti qabuudhaan heera mootummaa Wayyaanee hin fudhattan yoo ta’e,fincila goochuun diddaa gaggeessaa jirtan hin dhaabdan yoo ta’e qormaata akka hin fudhanne isin dhorkina jedhee akka doorsisaa jiru beekame. Kanas ta’ee barattoottoon jechaa fi doorsisa kana dura dhaabbachuun gaaffiin keenya nuu deebi’uu qaba sababaa doorsifamnuufii hin jiru jechuun mootummaa Wayyaanee irratti fincila kaasanii akka jiran gabaasi Qeerroo addeessa. Gootonni barattooti Oromoo manneen barnoota kanaa kunis doorsisa kana sodaan utuu itti hin dhaga’amin diddaa isaanii itti fufanii jiru.Waan irra gahame itti fufuun qeerroo lixa Shawwaa irraa jala bu’ee ni gabaasa.
Blog Archives
Qabsaawaa Artist Kadir Sa’id, ABO….. ABO…ABO….. Dhaaba koo Walaba Kan Hin Qabne Kijiba…
Aside
Waraanni Mootummaa Wayyaanee Diddaa Godina Iluu Keessaa Dhaabuuf Uummata Goolaa Jira.
Aside
Ebla 20,2012 Gabaasa Mattuu Irraa
Waraanni Wayyaanee Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Buree gandoota Gommaa fi Hooboo Mirriigaa jedhaman keessatti bobba’uun uummata Oromoo nagaa isin ABOti,WBO nyaachisuu fi gargaaruun akka waraanni mootummaa rukutamu taasiftaniittu jechuun uummata irratti qorannoo jabeessuu irraan darbee nama karaa deemu hunda sakatta’aan rakkuu irratti argamu.Waraanni mootummaa Wayyaanee kun torbaan darbe haleellaa WBOn irratti fudhatameen baaragee ummata naannoo sanii ijaa bahuuf jecha olii fi gadi haa kaatu malee kanuma waliin haamleen isaa guddoo bu’ee akka jiru ummanni naannichaa gabaasa. Kanuma waliin ummani anaa kana keessa jiru sochii WBOn taasisee fi tarkaanfii fudhatameen abdii guddaa horatee akka jiru qeerroon naannicha irraa gabaasa
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
“Har’as Imimmaan Haadhaa Hin Qoorre.” Qeerroo Dirree Dhawaa
Aside
(Qeerroo, Dirree Dhawaa, 18 April 2012) Guyyaan Gootota Oromoo, Ebla 15 universitii Dirree Dhawaa keessatti haala hoo’aadhaan kabajame.
Akka gabaasaan Qeerroo hubachiisutti ayyaanni guyyaa Goota Oromoo kunis bakka mandheeleen bilisummaa hundi argamanitti sirna hoo’aa fi miidhagaan Dilbata darbe kabajamee jira.
Qeerroon Dirree Dhawaa akka ibsanitti, yeroo ayyaana Goototaa kabajatan kanatti, har’as akkuma kaleessaatti Oromiyaan dhiigaa jiraachuu ibsuuf, “har’as immimaan haadhaa hin qoorre,” jechuun gaddaan yaadatanii Oolaniiru.
Sabboontotni mooraa yuniversitichas ayyaanichaa huccuu gurracha godhachuun mooraa yuniversitii keessatti kan kabajan yoo ta’u haala yeroo ammaa mootummaa wayyaanee ummata keenya irraan gahaa jiru irrattis marii bal’aa gaggeessuun isaanis baeekameera.
Waltajjiin marii Qeerroos sagantaa gaddaa mooraa keessatti erga raawwatee booda magaalaa Dirree Dhawaa bakka Afran Qalloo jedhamutti walgahuun ibsa ejjennoo armaan gadii irratti waliigaluu isaanii ibsachuun waltajjicha milkiin xumurratanii jiru.
Ibsa Ejjannoo Qeerroo Dirree Dhawaa
1. FDG Jaarmiyaa qeerroon oromiyaa keessatti dalagamaa jiru karaa dandeenye maraan ni deeggarra,ni tumsinas.
2. Hidhamuu,Ajjeefamuu,biyya ari’amuu fi barnootarraa ari’amuun yakka oromummaati malee badii keenya miti waan ta’eef hanga inni kun dhaabbatu cimsinee fincilla.
3. Saamicha lafa oromiyaa maqaa investimeentiin deemaa jiru ni mormina.
4. Barattoota harka diinaa jiran ykn miseensota OPDO ta’aniif waamicha dhiyeessinee Tokkummaa Oromoo mooraa kanaa hundeessuun saba tigree lammiilee keenyaaf summii ta’an irratti ni hojjenna.
5. Ayyaanota jalee opdo kan akka walqixummaa sabaaf sablammii, ginbot 20 fkf irratti gadda qabnu ni agarsiifna.
6. Qabsoo bilisummaa ABOn finiinsaa jiru ni deeggarra,irrattis ni hojjenna!
7. Tokkummaa gama siyaasaa,aadaa fi amantii sabboontotaa gidduu jiru irratti hojjechuun sabboonummaa ni ijaarra.
8. Maddagalii uummachuun mandhee tarkaanfii cimsinee diinaa fi basaasota qaanessuunis hojii yerooti.
Walitti Bu’insi Mootummaan wayyaanee Uummata Oromoo fi Gumuz gidduutti qabsiise Daran jabaate!
Aside
Ebla 18,2012 Naqamte
Walitti bu’isi mootummaa garboomfataan Wayyaanee tahe jedhee Godina Wallagga bahaa uummata Beenishaangul Gumuzii fi Uummata Oromoo gidduutti bixxile daran jabaachuun Aanaa Jiddaa bakka Dirree Guddaa jedhamutti ilmaan Oromoo lamaa fi Beenishaangul shan ajjeefamuun hedduun madaa’anii jiran.Uummatni Beenishaangul Gumuz mootummaa Wayyaaneen irraa meeshaa gurguddaa fudhachuun uummata Oromoo irratti duulaa jiru.Waraanni mootummaa Wayyaanees gara uummata Beenishaangul Gumuz tahuun uummata Oromoo rukkutaa jiran.
Haaluma wal fakkaatuun walitti bu’insi barattoota Gambeellaa fi Barattoota uummattoota Kibbaa gidduutti Yuunivarsiitii Arbaaminc Damee Abbayyaa keessatti dhalachuun hedduun wal madeessanii jiran.Mootummaan Wayyaanees bobba’uun barattoota oromoo doorsisaa jirti.
Guyyaan Gootota oromoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti Alaabaa ABO qabachuun ayyaaneffatame!
Guyyaan Gootota oromoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti Alaabaa ABO qabachuun ayyaaneffatame!
Aside
Ebla 18,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Guyyaan gootota oromoo haala ho’aan Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa keessatti ayyaaneffatamee jira.Guyyaan Gootota oromoo barattoota yuunivarsiitii Finfinnee,Haramaayaa,Hawaasaa,MiizanTeeppii,Wallaggaa,Amboo,Gondar,Jimmaa,Walloo,Arbaamic,Walaayittaa Sooddoo,Dirree Dawaa,Madda Walaabuu keessatti shaamaa diimaa magariisa qabsiisuun,Alaabaa ABO fannisuun,uffata aadaa Oromoo uffachuun qophiilee garaa garaan kabajamee jira.Ayyaanni kun Eebbaan jalqabuun marii mooraa qabsoo guddisuu irratti erga taasifamee qophiileen kanneen akka walaloo,baacoo,Muuxannoo walii qooduu fi kanneen biroon dhiyaachuun ibsa ejjennoo erga baafatanii hojii irra oolchuuf waadaan xumuranii jiran.Ibsi ejjennoo isaaniis hanga qabsoon ABOn gaggeeffamu galmaan gahutti waliin hiriirra,qooda nurraa eegamus ni baana kan jedhu of keessatti hammata.
Haaluma wal fakkaatuun Ayyaanni Guyyaa gootota oromoo Godinaalee Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa fi manneen barnootaa gad aanaa keessatti ayyaaneffatamee jira.Ayyaanni kun alaabaa ABO bakkeewwan garaa garaatti fannisuu of keessatti hammatee jira.Godina Shawaa lixaa magaala Gudar,GincXiqur incinnii,Geedoo,Gindabarat keessatti sabboontotni oromoo Alaabaa ABO qabachuun ayyaaneffatanii jiran.Magaala Gudar keessattis Alaabaa ABO fannisuun diinni Oromiyaa irraa hoomaa akka hin qabne ifaan mul’isanii jiran.
Godina Wallagga bahaa aanaa Sibuu siree,Magaala Naqqamtee,Jiddaa Haroo Limmuu,Eebantuu,ukkee fi kanneen biroo keessattis ayyaanni haala ho’aan qophiilee garaa garaan ayyaaneffatamee jira.
Godina Horro Guduruu Wallaggaa magaala Shaambuu,Saqalaa,Fincaa’aa,Jaartee fi Amuruu keessattis sabboontotni oromoo alaabaa ABO qabatanii ayyaaneffatan haamileen isaanii guddachuunii fi yoomuu hanga bilisummaa duuba kan hin deebine tahuu ibsanii jiran.
Godina Iluu abbaa booraa keessattis sabboontotni oromoo haala ho’aan ayyaaneffatanii jiran.Ayyaana kana irratti mariin garaa garaa taasifamuun haalli diddaan itti naannoodhaa naannootti deemsifamus wixinamee jira.
Guyyaan Gootota Oromoo fi Hundeeffama Qeerroo Kabajame
Aside
(Qeerroo, Adaamaa, 16 Ebla 2012) Qeerroon Bilisummaa guyyaa Gootota Oromoo fi guyyaa hundeeffama Warraaqsa Bilisummaa fi Dimokiraasii Dargaggoota Oromiyaa kan waggaa tokkoffaa haala hoo’aa fi dammaqinaan akka kabajatan gabaasaan Qeerroo ni hubachiisa.
Qeerroon Guyyaa Gootota Oromoo fi guyyaa hundeeffama Qeerroo kan kabajatan kaan isaanii haala iccitii ta’een hojiileee ummata dammaqsuu fi dhibdee biyyattii kanneen hin beekne hubachiisuu fi bakkee birootti immoo kannneen rakkina hawaasummaa qaban waliin oolanii jajjabeessuun akka kabajatan beekamee jira.
Keessaayyuu, hawaasa biyyattii waan nyaatanii fi dhugan hin qabneef, gargaarsa gochuun akka kabajatan kan ibsan Qeerroon magaalaaleee Oromiyaa hedduun, hordoffii diinaa haalaan cimaa ta’e eeggachaa waan kaayyeffatan akka milkeessan dhaamanii jiran.
“Nuti Qeerroon Oromoodhaa ija saba keenyaa duratti ilaalamnee abdii saba keenyaaf taanee kan jiruu,dirqamni olaanaan kan nurraa eegamu hubannee hirmaanna akeenya gumaachuuf daran kakaanee jirra,” kan jedhan Qeerroon magaalaa Finfinnee immoo, karaa hundaan of jabeessanii hojiia qabsoo diddaa akka itti fufan hubachiisanaa jiru.
“Nuti marti keenya barattoota ta’e hojjetootni Oromoo seenaa wareegama ilmaan Oromoo fi gootota Oromoo darbanii fi ammallee qabsoo bilisummaa Oromootiif ta’aa jiru keessatti nutis diddaa keenya fuulleffachaa wareegama Bilisummaa keenyaaf gatii baasuuf qophii qabnuu fi murtoo keenya ni haaromsina,” kan jedhan Qeerroon, itti fufuunis, “lubbuudhaan kan jirru alaa fi keessaan dhaabaa Adda Bilisummaa Oromootiifis baga guyyaa ayyaana Gootota keenyaa kan bara 2012tiin isin gahe jechaa nutis hamma nuuf danda’ameen kabajaa keenya ayyaanichaaf qabnu kallattiilee danda’amuun himaannaa keenya dachaadhaan guddisna,” jedhanii jiru.
Qeerroon magaalaa Finfinnee keessa jiraatan kunneen ayyaana Gootota Oromoo fi guyyaa hundeeffama Qeerroo sababeeffachuudhaan hiyyeeyyii karaa irra ciisan waliin waan qaban kan hirmaatan yoo ta’u. haala kanattis lammiileen biyyaattii hedduun gammadanii akka jiran hubatamee jira.
Akkasumas Waraqaaleen waamicha qabsoo daandii konkolaataa fi bakka mulatutti kan maxxansame yoo ta’u, ummatis diddaa mootummaa Wayyaaneef qabu daran jabeessee guyyaa kufaatii wayyaaanee akka dhiyeessu dhaamsi darbeefii jira.
Qeerroon aakn immoo akkuma haala mijjataa argatanitti, kaan manneetii jireenyaa keessa jiraatan keessatti dungoo qabsiisuudhaan alaabaa fannisanii gootota Oromoo yaadachuun kan kabajatan yoo ta’u, yeroo kanattis dhaamsa waaltaa Qeerroo irraa darbe kan diddaa karaa nagaa adeemsisu, fudhatanii akka hojii irra oolachan waadaa isaanii haaromsanii jiru.
Guyyaa hundeeffama Qeerroo Bilisummaa ilaalchisuun ibsi ejjannoolee addaddaas wiirtuu ayyaanni itti kabajame maratti kan bahan yoo ta’u, ibsa ejjannoolee bahan keessattis haga qabsoon bilisummaa Oromoo galii isaa dhaqqabutti, ukkaamsaa fi ajjeechaa diinaaf akka hin jilbeeffamnne, qabsoon karaa mijaateen qindeeeffachuu fi itti fufuun akka barbaachisu ibsamee jira.
Haala kabaja ayyaana Gootota Oromoo fi guyyaa hundeeffama Qeerroo ilaalchisee qophiin guddaa biyya keessaa fi biyyoota ollaaOromiyaa keessatti kabajamaa jira; gabaasaaleen ayyaanichaa sababa qunnamtiin turuu malanis akka nu dhaqqabaniin akka isiniif dhaamnu asumaan beeksifna jehuun qunnamatiin Qeerroo dhaamsa isiniif dabarsee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Qeerroon waadaa Diddaa Karaa Nagaa Haaromse!
Aside
(Qeerroo, Finfinnee, 15 Ebla 2012) Sochiin Bilisummaa fi Dimokiraasii Dargaggoota Oromiyaa kan gabaabbibaan Qeerroon Bilisummaa ibsa guyyaa hundeeffama Qeerroo waggaa tokkoffaa ilaalchisee baase keessatti warraaqsa wagga tokkoof walitti aansee finiinsaa ture keessatti hojii boonsaa dalaguu isaa ibse.
Qeerroon ibsa baaseen akka hubachiisetti, haallii fi tarkaanfiin diinni ummata Oromoo ajjeesuu fi qe’ee isaa irraa buqqisuu hedduu hammaachaa kan dhufe ta’us, gochaaleen farra ta’an marti hojii abbootii irree waan ta’eef ummata didee Bilisummaa isaa barbaadaa jiru kamiyuu daran jabeessee falmaatti kan kakaasu malee boodatti kan hin deebisne ta’uu hubachiisee jira.
“Duulli diinaa akka nuti diddaa keenya dhiifnuuf karaa hundaan nutti hammmaatu illee, sochii wagga tokko keessatti taasifneen sirna garboomsaa wayyaaneef akka hin bulle mirkaneessenee jirra,” kan jedhe Qeerroon, “kana boodas diddaan keenya gara ummataatti darbee bu’aa buusaa waan jiruuf sochii karaa nagaa taasisnu jabeessinee itti fufna,” jedhee jira.
Kana malees, Qeerroon ibsa baase keessatti dhaamsa dabarseen, ummati nagaa fi bilisummaa jaalatu marti humnaa fi dandeettii isaanii walitti qindeessanii, diina farra nagaa fi bilisummaa ta’e buqqisuu irratti akka hojjatan hubachiissee jira.
“Dhalooti Oromoos akkuma wagga tokko dura waadaa bilisummaa seenuun qabsoo diddaa garbummaa finiinsuu eegaletti qabsoo diddaa garbummaa irratti fuulleffatee hojjachuu qaba,” kan jedhee jira Qeerroon, diddaa karaa nagaa adeemsisuuf eegele illee akka itti fufu waadaa isaaa haaromsee jira.
“Seenaa wareegama ilmaan Oromoo fi gootota Oromoo darbanii fi ammallee qabsoo bilisummaa Oromootiif ta’aa jiru keessatti nutis diddaa keenya fuulleffachaa, wareegama Bilisummaa keenyaaf gatii baasuuf qophii qabnuu fi murtoo keenya irra deebinee haaromsina,” jedhe Qeerroon.
Qeerroon dabalee akka hubachiisanitti, sochii wagga tokko keessatti taasisaniin bu’aa hamlichiisaa argamsiisuu isaa ibsee, hata’uutii diddaan karaa nagaa godhani mootummaa Afaan qawween malee Afaan nagaa hin beekne biraatti gatii kan hin qabne ta’us, fedhii fi waadaa nagaaf qabnu mul’isuuf qabsoo karaa nagaa diina buqqisuuf godhamu akka itti fufan beeksisanii jiru.
Remembering Innocent Oromos in Jail: A Glimpse of Qeerro’s One Year Report
Aside
Compiled from Qeerroo News by: Daandii Qajeelaa
Every year on April 15, Oromo nationalists all over the globe commemorate the fallen heroes of Oromo nationalists who gave their precious lives for the freedom of their people and the liberation of their country, Oromia. Many lost their lives in the battle field while fighting the oppressive military forces of the Ethiopian regimes, past and present. Many others were killed at their homes, at their work places and in prison cells during a brutal torture for the simple reason of being an Oromo. Yes, for the simple reason of being an Oromo! This may sound untrue, but it is a fact. Here is how it happens.
In Ethiopia, if you are an Oromo person, by default you are a suspect of being a member or supporter of the Oromo Liberation Front (OLF). In reality, this is true in the sense that most Oromos support the OLF and reject the so called Oromo People’s Democratic Front (OPDO), an Oromo organization created around the end of the previous military government of Mengistu Hailemariam by the then rebel group called the Tigrai People’s Liberation Front (TPLF) in the Tigrai region. Today, despite the fact that the Tigari population is a tiny minority with only 6% of the Ethiopian population, the leader of TPLF, Meles Zenawi, is single handedly ruling Ethiopia using the OPDO and other similar robot and puppet organizations that are named “sister” to TPLF. Well, they are not really sisters. They are creatures invented and maneuvered by the TPLF. To see this, it is enough how they vote in the current parliament, all of them raise their hand together always, supporting whatever the Meles clique present to them. This can happen only with one condition – namely, they are really “robots” who actually breathe like humans.Remembering the Innocent Oromos in Jail
