Ummanni Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa Waraan Wayyaanee Ummata Jeequutti dhangaa gurguruu dide.

Aside

Ebla 13,2012 Gabaasa Qeerroo Iluu Abbaa Booraa
Waraanni Mootummaa Wayyaanee Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti bobba’e dargaggoo Oromoo kanneen ta’an karaa irraa fi magaalota keessaa ukkaamsanii mana hidhaatti darbaa jiraachuun beekame. Mootummaan Wayyaanee diddaa Qeerroo deemsifamaa jiru dura dhaabbachuu waan dadhabeef uummata nagaa waraana bobbaasee goolii irratti uumaa jira.Uummatni Oromoo naannoo kanaas waraana Wayyaanee bishaanii fi midhaan nyaatamu gurgura dhorkuun diddaa fi jibbinsa qaban ifatti mul’isaa jiran.

Barsiisotni Aanaa Limmuu magaala Galiilaa ”Yeroon ammaa yeroo farreen Qabsoo Oromoo barbadeessani” jedhan!‏

Aside

Ebal 12.2013 Gabaasa Qeerroo Wallaggaa
Godina Wallagga Bahaa aanaa Limmuu Magaala Galiilaa keessatti barsiisotni Oromoo marii OPDO fashalsan.Poolisoota Wayyaanee barsiisota dura dhaabbachuuf yaalanis darbbanii bira darbanii jiru.Dabballootni Mootummaa Wayyaanee OPDO jajjabeessuu qabna jechuun marii isaanii yoommuu banan Barsiisotni Yeroon ammaa Yeroo itti OPDO jajjabeessan osoo hin tahiin barbadeessani mirga hiree murteeffannaa ummattootaa kabachiisuu dha.Jireenyi OPDO ummata Oromoof kan fayyade hin jiru,waggooda 20 kana keessa hiyyummaa,beela,gadadoo fi hidhaa ajjeechaa Oromootti fiduu malee waan fayyadan tokko illee hin jiru jechuun marii sana fashalasanii jiru. Kana irratti dhaabi tokkochi haqaa kan jajjabeeffamu ABOti jechuun ifatti dubbatanii jiran.

Diddaan Barattoota Oromoo Gara Roorroo Of Irraa Ittisuutti Ce’e

Aside

Ebla 12,2012,Gabaasa Qeerroo Horroo Guduruu
Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee Mana Barumsaa Aliboo sadarkaa Lammaffaa keessatti Barsiisaan Hoogganaa Mana Barumsaa Aliboo ta’ee ergamaa wayyaanee ta’uun barattoota oromoo rifeensa guddistu,Siyaasa gaggeessitu jechuun barattoota rakkise Barsiisaan Oliyaad Gaddafaa barattootaa fi ummata naannoo haalaan waan rakkiseef jedhcha barattooti roorroo of irraa ittisuuf basaasa Wayyaanee kana haalaan reebuu fi miidhuu irraan kan ka’e,Moootummaan Wayyaanee arattoota mana barumsaa Aliboo Jumlaan qabuun mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Yeroo ammaa
1. Barataa Haayilee Maaremaa Barataa kutaa 10ffaa
2. Barataa Taarikuu Waaqoyyaa Barataa Kutaa 10ffaa
3. Barataa Yaadataa Olii Barataa Kutaa 10ffaa
4. Barataa Barasaa Maaremaa barataa kutaa 10ffaa
5. Barataa Dassaalee Galataa Barataaa kutaa 10ffaa
6. Barataa Fantaa Luuccee Barataa kutaa 10ffaa
7. Barataa Galaanaa Xiyyee barataa kutaa 10ffaa
8. Barataaa Baabbee Abdiisaa Barataa kutaa 10ffaa
9. Barataa Bal’isaa Xaasoo barataa kutaa 10ffaa
10. Barataa Misgaanaa Abdiisaa barataa kutaa 10ffaa
Jedhaman waajjira poolisii magaala Alioo keessatti hidhamuun ergama ABO qabdu jechuun reebamuu irratti argamu.

Basaasonni Wayyeenee Yuunivarsiitii Amboo keessaa Basaasan Saaxilaman

Aside

Ebla 11,2012 Gabaasa Qeerroo Amboo
Basaastonni Wayyeenee barattoota fakkaatanii mooraa University Amboo galuun barattoota Oromoo saaxiluuf Mootummaa Wayyaanee irraa dirqama fudhatanii Yuunivarsiitii Amboo keessatti barattoota Oromoo yeroo dheeraaf diinatti gurguraa turan qorannoo qeerroon saaxilamanii jiran.Barattootni maqaan isaanii armaa gadii kun kallattiin Wayyanee irraa dirqama fudhatanii kanneen sochii Qeerroo basaaisan ta’uu barattoonni Oromoo baranii jiraachuun beekame
1. Barataa Indiriyaas Kibruu Muummee Bio-process Engineering waggaa 4ffaa dhalootaan boorana irraa
2. Barataa Malkaamuu Shagatoo Muummee Bio-process Engineering waggaa 4ffaa dhalootaan Boorana irraa
3. Barataa Takkaa Taglee Muummee Agriculture waggaa 3ffaa dhalootaan Godina Shawaa Lixaa Jalduu irraa
4. Barataa Nuuraa Muummee Afaan Oromoo waggaa 3ffaa dhalootaan Arsii irraa
Tahan yuunivarsiitii Amboo fi sabboontota Oromoo bakkeewwan garaa garaa irraa diinatti kennaa turuun isaanii bira gahamee jira.Barattoota kanneen keessaa Barataan Takkaa Taglee jedhamu diina waliin harka cimaa wal keessaa kan qabuu fi barattoota oromoo basaasummaan rakkisaa turuunii fi har’as itti jiraachuun isaa bira gahamee jira.Barattootni kunneenii fi basaastotni ilmaan Oromoo diinatti kennuun qabsoo Bilisummaa dura dhaabbattan gocha badii kana irraa hatattamaan hin dhaabbattan taanaan tarkaanfiin gatii keessan madaalu akka isin eeggatu cimsinee isin beeksisna.Gocha diina waliin hiriira qabaachuu fi Oromoo diinatti kennuu irraa dhaabbachuun qabsoo qeerroon gaggeessaa jiru waliin akka hiriirtanis waamicha isinii dabarsina!

Waraanni Mootummaa Wayyaanee Uummata Oromoo fi Saboota Ollaa jiran Walitti Buusaa jiraachuun Beekame‏

Aside

Ebla 11,2012 Gabaasa Qeerroo Giddaa Ayyaanaa

Mootummaan Wayyaanee Godina wallaggaa bahaatti waraana bobbaasuun uummata Beenishaangul Gumuz hiriirfatee waliin tahuun aanaa Giddaa Ayyaanaa bakka Dirree guddaa jedhamutti uummata nagaa 8 fi bulchaa gandaa Obbo Margaa Toleeraa jedhaman ajjeesanii jiran.Waraanni Mootummaa Wayyaanee uummata Oromoo irraa qawwee hiikkachuuf yoommuu jedhu uummatni Oromoo waan dideef,akkasumas jibbinsa ilmaan Oromoo irraa qaban irraa kan ka’e Uummata Beenishaangul Gumuz waliin tahuun uummata Oromoo fixaa jiran.Haaluma wal fakkaatuun ganda Qeelloo bakka Qonna Galataa Kasasaa jedhamuttis Oromoonni gariin mootummaa wayyaaneen ajjeefamnanii jiran kanneen ajjeefaman akka gabaasi guutuu nu dhaqabeen dhiheessina.

Diddaan Barattoota Oromoo Itti Fufee Mootummaan wayyaanee Barattoota ABO dha Jechuun Yakke

Aside

Ebala 11,2012 Qeerroo Naqamte
Mootummaan Wayyaanee Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti barattoota Oromoo karaa nagaa mirga Oromummaa gaafataa jiraniin isin Miseensa ABO ti jechuun barnoota irraa arii’uuf akeekkachiisa dhumaa kennuun gabaasai nu gahe addeessa.
Barattoota oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaa Qeerroo isintu qindeessa,ABO waliin hidhata qabdu jechuun barattoota Oromoo barnoota irraa arii’uuf akeekkachiisa haakkennu malee barattoonni diddaa isaanii itti fufanii hanga ammaa yuuniversity Wallaggaa raasaa jiru. Haala kanaan Ebla 09,2012 maqaa qeerroo qindeessituu fi ABO jedhuun barattoota Oromoo akeekachiisa dhumaa itti kenname keessaa:-
1. Barataa Lammii Baayisaa muummee sport waggaa 3ffaa
2. Barataa Abdataa Baqqalaa Muummee Ingiliffaa waggaa 3ffaa irraa
Akeekkachiisni itti kennamuu irraan darbee waraana mootummaa wayyaanee yuunivarsiitii keessaan doorsifamuu irratti argamu.Mootummaan Wayyaanee diddaa barattootaa dhaamsuuf tooftaa garaa garaa deemtus tasa lmilkaa’uufii hin danda’u.Qeerroon diddaa jalqabes hanga bilisummaa hin dhaabu jechuun barattoonni diddaa isaanii muldhisuu irra darbanee daree adda adda irratti waraqaa waamicha qabsoo maxxansanii jiru.

Godina Shawaa Lixaa Mana Barumsaa Gudar Sad.2ffaa keessatti diddaan itti fufe!‏

Aside

Ebala 10,2012 Gabaasa Qeerroo Gudar

Godina Shawaa Lixaa Mana barnootaa Gudar Sadarkaa lammaffaa keessatti barattootni Oromoo gaaffiin mirgaa nuuf haa deebi’u jechuun diddaa itti fufan.Barattootni mana barumsaa sadarkaa Lammaffaa Gudar kanneen gaaffiin keenya armaan duraa nuu hin deebine,Barsiisaa fi Barataan Mootummaan goolamuun haa dhaabbatu jechuun diddaa qabsiisan.Mootummaan Wayyaanee diddaa kana dura dhaabbachuuf waraana hedduu bobbaasee odeeffata dhorkuuf network balleessus diddaan kun guutuu Oromiyaatti akka babal’atu uummatni Oromoo gumaata isa irraa eegamu haa bahuun dhaamsa qeerrooti  jechuun barattooti Oromoo Mana barumsaa Gudar dabarfatanii jiru.

Basaastotni Mootummaa Wayyaanee Amantii keessa seenuun uummata gooluuf dirqamni itti kennamuun saaxilame!‏

Aside

Ebla 11,2012 Qeerroo Finfinnee
Mootummaan wayyaanee Manneen Amantii keessatti siyaasni gaggeeffamaa jira maqaa jedhuun basaastota fi amanamtoota mootummaa Wayyaanee poolisii federaalaa keessatti argaman manneen amantiitti namoota amantii sana hordofan fakkeessitee oduu funaanuuf qophaa’uun ishee saaxilame.Mootummaan Wayyaanee gaaddidduu ishee illee amanuu kan dadhabde uummata karaa nagaa amantii isaa gaggeessaa jiru gooluuf karoorfattee jirti.Masgiida keessatti namootni amantiin isaanii musliima hin taane akka ramadaman oduun kun saaxilee jira.Masgiidas uummata musliimaa fakkaatanii akka seenanins ifa tahee jira.Mana Kiristaanaa keessattis akkasuma.Kanaaf abbootiin amantaa Musliimaa fi Kiristaanaa namoota kanneen of keessaa baasuun amantii keessan nagaan akka gaggeeffattan qeeroon dhaamsa jabeessee isinii dhaama.

Rakkoo Dabballoonni Wayyaanee Babal’isan irraan Walitti Bu’insi Uummata Oromoo fi Benishangul Gumuz Itti fufe.

Aside

Ebla 10,2012 Limmu‏
Godina Wallaggaa bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti walitti bu’insi uummata Oromoo fi Uummata Benishaangul gidduutti itti fufee jira.Guyyaa kaleessaa walitti bu’insa aanaa Giddaa Ayyaanaa Bakka Dirree Guddaa jedhamutti uummatni lameen kun wal dhabanii Uummatni Beenishaangul 2 lubbuun isaanii darbee gariin yoommuu madaa’aan Miidhaan uummata Oromoo irra gahe yoo dhibes waraanni mootummaa Wayyaanee uummatni Oromoo akka miidhamaniif meeshaa hiikkachiisaa jira.Uummatni Oromoos meeshaa keenya hin laannu jechuun waraana mootummaa wayyaanee fi uummata Beenishaangul wajjiin falmatti seenee jira.Shirri mootummaa uummata wa dhabsiisaa jiru lolli kun akka tasgabbaa’uuf hirmaannaa homaa agarsiisaa kan hin jirre ragaa tahuus qeerroon aanaa kanaa gabaasee jira.

Wal dhabdeen KGG OPDO keessatti dhalachuun amantootni Wayyaanee yeroo dheeraa hojii fi aangoo irraa ari’aman‏

Aside

Ebla 10,012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Rakkoon Miseensota Koree Gidduu Galeessaa fi Koree Hojii raawwachiistuu DH.D.U.O keessatti dhalachuun hojii irraa wal arii’aa,aangoo irraa wal buusuun jeequmsa gidduu isaaniitti uumee jira.Walgahii isaanii Torban kana taasifame keessatti waldhabdii guddaanii fi walshakkiin gidduu isaaniitti uumamuun aangoo irraa wal darbanii jiru.Haala kanaan:-
1. Isheetuu Dassee barreessaa waajjira Koree Gidduu galeessaa kan turee fi dhalootaan shawaa kaabaa kan tahe hojii irraa arii’amee jira.Bakka Isheetuu kanaas Hiriyyaa haadha manaa Obbo Mallasaa kan taate Aster Maammoo bakka buutee akeeka wayyaanee galmaan gahuuf waadaa seenuun ishee saaxilameera
2. Alamaayyoo Ijjiguu Ministeera Sab quunnamtii federaalaa irraa hojii irraa dhorkamee jira.Namni kun lafa Oromoo naannoo Finfinnee maqaa Investmentiin gurguraa turuun isaa fi dhalootaan Shawaa Lixaa tahuu,Bulchaa Godina Shawaa Lixaa fi Shawaa Kibba lixaa tahuu keessa beektotni ifa godhanii jiru.
3. Lammaa Magarsaa Koree Hojii raawwachiistuu irraa gara Koree Gidduu galeessaatti jijjiiramee jira.Waggaa 10 oliif dhimma nageenyaa irra turuun ilmaan oromoo mana hidhaatti guursisaa turuun isaas beekameera
4. Zalaalam Jammaanee Namni Kun yeroo dheeraaf barreessaa Waajjira OPDO tahuun tajaajilaa kan turee fi lafa oromoo naannoo Finfinnee duuressoota biyya alaa kanneen akka Paakistaan,China,..gurguraa kan ture tahuus bira gahamee jira.Yeroo ammaa kanas gara Waajjira Qonnaatti gadi bu’ee jira.Hojii basaastummaan Tiraafika Godina wallaggaa Lixaa tahee osoo hojjetuu waajjira OPDO akka seenes keessa beektotni isaa ifa godhu.
5. Ahmed Abbaa Jiksaa Ministeera haqaa keessaa guutummaan arii’amee jira.
Koreen Gidduu Galeessaa OPDOs qoqqobbii cimaa Pirezedaantii Naannoo Oromiyaa kan ofiin jedhu Alamaayyoo Atoomsaa irratti kaasuun raafamaa kan jiranii fi Alamaayyoon dhukkubaan Biyya Thiland keessatti cinqamaa jiraachuun bira gahamee jira.Haala kanaan mootummaan Wayyaanee wal amantii wal irraa dhabuun raafamaa jirti.Mootummaan Wayyaanees yoomuu OPDO hin amantu.Kanaaf hiriyyaa fi firaan muuduu irratti argamti.
Kanuma waliin ilmaan Oromoo kanneen OPDO jala galanii Wayyaaneef ergamaa jiran amma irraa gara qabsoo bilisummaa Oromootti akka makaman Qeerroon waamicha dabarsaa jiraachuun beekama.