Mootummaan wayyaanee Akkuma amala isaa dhimma Amantii keessa seenuun hordoftoota amantii garaa garaa gidduutti wal dhabdee uumaa jira!‏

Ebla 27,2012 Qeerroo Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee amantii fakkeessanii uummatni Oromoo siyaasa gaggeessaa jira,Kaayyoo ABO galmaan gahaa jira jechuun uummata gooluu irratti argama.Godinaalee Oromiyaa garaa garaa kanneen akka Baalee fi Arsii keessatti haalli kun haalaan jabaate yoommuu tahu uummatni karaa nagaa amantii isaa gaggeessuu hin dandeenye.Haalli kun guutuu biyyattii keessatti babal’achuun mootummaan Wayyaanee basaastota poolisa federaalaa keessaa funaanuun uffata namootni amantii uffatan uffatanii masgiidaa fi Mana Kiristaanaa seenuun oduu akka funaansisaa jirus bira gahamee jira.Seera biyyattii keessatti mootummaa fi amantiin dhimmoota wal lagatan jedhamanii barreeffamanis hojiin mootummaan Wayyaanee dhimma amantiilee keessa galuun uummata wal danda’ee amantii mataa mataa isaa gaggeeffatju walitti buusaa jira.Haalli kun babal’achuun yuunivarsiitii Jimmaa keessatti filannoo pirezedaantii barattootaa godhamaa jiru irratti protestaantii fi Musliima gidduutti wal dhibdee buusuuf carraaqii guddaa godhee jira.Waan mootummaan Wayyaanee guyyaadhaa guyyaatti wixinu uummata biyyattii kallattii maraan jeeqaa jiraachuun beekame.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

 

Leave a comment