Godina Baalee Ona Adaabbaa Keessatti Lukkeen Wayyaanee 3 Irree Ummataan Adabaman.

Aside

Adoolessa 29,2012 Adaabbaa
Gabaasi Qerroo Godina Baalee, Ona Adaabbaa irraa akka addeessuun guyyaa Adoolessa 27 mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana shakkii hordoftoota amantaa musiliimaatiin wal qabsiisee, uummata amantaa musiliimaa qabban kanneen  Ona Adaabbaa jirtaatan sa’a sagadaa eegee sakatta’iinsa masgiida ona Adaabbaa keessatti argamu keessa mootummaan Wayyaanee tikoota isaa galchee sakatta’iinsa akka godhe gabaasaa qeerroon ona sanii irraa addeessa.

Sababa kanaaf uummanis diddaa fi gaaffii mirgaa duraanuu qabu akka qabatu ta’ee gamtaan ka’ee sagalee diddaa isaa dhageessisaa ooluun Qeerroon gabaasa.

Kanumaan uummataa fi tikoota Wayyaanee gidduutti waaree booda naannoo sa’a 3:00 irratti walitti bu’iinsi cimaan akka uumamee jiru gabaasaan addeessa. Tikoota Wayyaanee keessaas irree uummataa fi barattootaan magaalaa Ona Adaabbaa keessatti reebamuudhaan tikni Wayyaanee sadi gara malee miidhamuun gabaafame.

Haala kanaan lukkeeleen Wayyaanee :-

1.Saamu’eel Dibaabaa -Poolisii Oromiaa

2.Geetachoo Tefarra -Milishaa Ona Adaabbaa

3.Caalaa  Warquu -Poolisii Oromiyaa

Kanneen jedhaman uummataa fi barattootaan tarkaanfii adabbii irratti fudhatamee jiraachuun beekame. Kanuma waliin Poolisoonni kanneen miidhaan xixiqqaa irra immoo poolisoota 12 akka ta’e gabaasaan isaa addeessee jira.

Qabsoon itti fufa!! Bilisummaan ni dhufa!!

Hawaasni Musliimaa Gaaffii Mirgaa Itti Fufe;Diddaa isaaniis Humni Dhaabu Dhibe! Qeerroonis labsii warraaqsaa bittimse!

Aside

(Oduu AMMEE:Qeerroo, Finfinnee, 27 Adoolessa 2012) Diddaa ummataa kan torbee tokkoon dura magaalaa guddittii Oromiyaa;Finfinnee keessatti eegale, karaa hordoftoota amantaa Musiliimaa itti fufe.

Gabaasaan amma nu dhaqqabaa jiru akka mul’isutti, guyyaa har’a uummanni godinaalee hunda irraa waamichi godhameefii jiru magaalaa Finfinnee keessatti walgahee diddaa fi mormii isaa dhageessisaa jira.
Magaalattii keessatti uummanni kutaa biyyaa irraa waamichi godhameefii jiru baayinni uummataa miliyoona 3 ol akka dhufee jiru, Qeerroon Finfinnee gabaasee jira.
Yeroo ammaa kanatti magaalattii keessatti mormii gaggeeffamaa jiru humni dhaabu dhabamee akka jiru gabaasaan Qeerroo kutaa Finfinnee keessaa kan mul’isu yoo ta’u, diddaa kana dhaabuuf humni bobba’ee jiru hedduu akka ta’es hubatamee jira.
Yeroo ammaa kanatti diddaa fi mormiin olaanaa adeemaa jira.
Haala kana keessatti Qeerroonis ummataaf dammaqiinsa kennaa kan jiru yoo ta’u barruuleen warraaqsa kan sirna abbaa irree Mallas Zeenaawwii balaaleffatuu fi ummata cunqurfamoo hunda immoo qabsoo bilisummaaf kakaasu faca’aa akka jiru beekamee jira.

Dargaggooti Sidaamaa fincilan; poolisoota wayyaanee 20 irraa hidhannoo hiikkatan!

Aside

(Qeeroo,Awaasaa, 27 Adoolessa 2012)Bittaa fi cunqursaa mootummaa Wayyaanee jalatti miidhaa fi roorroon kan itti baay’ate dargaggooti Sidaamaa fincila kaasanii humnootaa fi ergamtoota wayyaanee irratti tarkaanfiilee jajjabduu akka fudhatan beekame.
Gabaasaa Godina Sidaamaa,Ona Wandoo Gannat,ganda Gugguna Kellaa jedhamu irraa nu dhaqqabe akka addeessutti guyyaa 4 dura;jechuun Adoolessa 23 irraa kaasee dargaggoonni godina saniii 5000 ol gurmaa’uudhaan diddaa isaanii babal’isaa jiran.
Dargaggooti kunneen diddaa gaggeessan keessatti dhaadannoo fi kaayyoo ibsatan keessatti ;”Sidaamaan keenya,magaalan Hawaasaas keenya, lammiin biroon presedantii nurratti ta’uu hin danda’u,nuti uummanni hammana baayyannu, uummata miliyoona 6 utuu qabnuu lammiin biroon nun bitu,mirgi uummata keenyaa kabajamuu qaba, yeroo dheeraa of mul’isuu dhiisuun keenya lammii biroo of irratti goobsaa turre, kun nugaha!” jechuudhaan dargaggoonni godina sanaa diddaa isaanii mul’isanii jiru.Yeroo dargaggooti kunneen diddaa isaanii gaggeessanitti poolisooti wayyaanee diddaa san qabbaneessuufi to’annaa jala oolchuuf bobba’anis, dargaggooti kunneen poolisoota wayyaanee irraa Kilaashii 20 fuudhanii poolisoota kana reebuudhaan garmalee madeessanii akka jiran, Qeerroon gabaasee jira.
Humni mootummaa garuu diddaa dargaggootaa kana gara dabsuun manneen ummataa 50 olitti ibidda qabsiisanii akka gubanii jiran Qeerroon Godina sanaa gabaasee jira.
Dargaggppti kunneen aarii kana irraa ka’uudhaan konkolaataa mootummaa caccabsanii hojiin ala godhanii akka jiran,akkasuma caasaa mootummaa wayyaanee keessaa nama 30 ol uummannii fi dargagoonni akka reeban, caasaa kana keessaas namni 6 garmalee mada’ee du’aa fi jireenya giddduu akka jiru gabaasaan addeessa.
Haaluma walfakkaatuun Moyaalee irratti jeequmsi guddaan akka jiru Qeerroon godina Booranaa jiru gabaasee jira.
Akka gabaasa Qeerrootti wayyaaneen beekaa ummata walitti buusaa jirti. Shira wayyaaneen qabsiiste kaanis namooti 15 akka du’an, akkasuma namoonni 50 akka madaa’anii jiran beekamee jira.

Qabsoon itti fufa!!!
Bilisummaan ni dhufa!!

I.U.Of!!

Odeessa Raadiyoolee

Aside

Raadiyoo Simbirtuu Adoolessa 26,2012

Oromo – Seife Nebelbal Radio Program, July 27, 2012

 

Declaration:The Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy

Aside

Declaration

The Peoples’ Alliance for freedom and Democracy

(OLF, ONLF, SLF and some candidates of AFD)

The aforementioned peoples’ alliances of Ogaden Somalis, Oromo, Sidama and the new candidates of AFD:

After deliberating on the current situation in Ethiopia and carefully observing the level of struggle against the current regime and the apparent confusion created by the sudden disappearance of Meles Zenawi, the “strong man” ruling Ethiopia for the past twenty one years;

Being apprehensive of the current regimes attempts to delude the peoples in Ethiopia regarding Zenawi’s fate and their attempt to maintain the status quo in order to continue their ruthless suppression of all peoples in Ethiopia;  Read More :Ibsa AFD 25 07 2012

 

Hararge,Ona Mi’eessoo Keessatti Poolisoonni Diinaa 3 Irree Ummataan Adabaman.Diddaa Ummanni Taasiseen Sabboontoti Hidhamanis Gadiifaman.

Aside

“Tolaan Dhabnaan Gaaffii Irreen Mirkanfanna”

Adooleessa 27,2012 Mi’eessoo

Harargee Bahaa, Ona Mi’eessoo keessatti shakkii maqaa ABOtiin barattootni hidhamanii akka jiran gabaasa qeerroo yeroo darbee keessatti gabaafamee jira.Haalli kun ummata naannoo fi maatii baratoota kanaa kan yaaddessee fi biyya dhalatanii jiraatan irratti ilmaan isaanii akka loonii qabamanii hidhamuun kan isaan aarse ummanni barattootaa maatii ijoollee hidhamanii waliin wal qindeessuun Adoolessa 25,2012  barattooti hidhaman hatattamaan akka gadhiifamanii maatii isaaniiti deebi’aniif jecha fincila kaasaniin uummataa fi hidhattoota wayyaanee gidduutti walitti bu’iinsa uumuudhaan lukkuulee Wayyaanee keessaa namni sadii harka uummataan reebamee hojiin ala ta’ee mana yaalaa magaalaa Mi’eessoo akka galan gabaasaan addeessa. Lukkuuleen diinaa irree ummataan adabaman kunis :

1.Abbichuu Daagim

2.Waasihuun Mengeshaa

3.Ifreem Zawuduu

Haalli kun jabaatee waan itti fufee uummannis diddaa jabeessuun gaaffii barattooti kun akka gadhiifamanii waan kaaseef Adoolessa 25/2012 galgala keessaa naannoo sa’a 12:00 AM irratti barattooti kun akka gadi dhiifaman ta’ee jira. Diddaan ummaataa kun roorroo if irraa ittisuu waan ta’eef guutuu Oromiyaa keessatti bifa kana fakkaateen akka deemu qeerroon dhaamsa waliif dabarsee jira.

Waraana Wayyaanee Uummata Goolan 5 Irratti Tarkaanfiin Keessa Deebii Hin Qabne Fudhatame.

Aside

Adoolessa 27,2012 Naqamte

Adooleesaa 24,2012 Godina Wallaaggaa Bahaa Onaa Haroo Limmuutti tarkaanfiin maayyii jabaatee itti fufe.

Onaa Haroo Limmuu bakka Darbaa jedhamee beekamu dangaa Gimbii(Haaroo Limmuu Fi Lixaa Wallaaggaa Gimbii)gidduutti waraanaa Wayyaanee Humna Addaa WBO sakkata’uuf bobbaa’ee, gara Gimbiitti cee’uuf naannoo laga dhidheessaa yeroo gahanii lagicha ce’uuf sodaachuun bakka Darbaa jedhamu qubatanii utuu jirani Humni Addaa Tarkaanfii haleellaa irraatti fudhatee waranaa Wayyaanee shan hojiin alaa taasisee jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.

Hanganumaan kan baarage waraannii Wayyaanee dhukaasaa of irraatti banee sagalee meeshaa gurguddaa kan akka Materayesii reebaa turuun saawwaan qonnaan bultootaa nannoo sanaa Afur(4) ajjeesan,kanuma waliin basaasa waraanaa Wayyaanee kan ta’ee miseensii OPDO tokko namni maqaan “Taakkalaa Amantee jedhamuu warannii lagatti rukutamee namnii du’ee jiraa jedhee utuu Haroo Limmuu irraa gara Poolisotaa Gimbiitti bilbiluu”gareen Humna Addaa Haroo limmuu keessaa jiruu siin immoo maltuu sii galchee jechuun akka malee reebani caccabsanii akka jiran qeerroon gabaasa.

Haaluma kanaan yeroo ammaa Gimbii fi Haroo limmuu gidduu Humnaa Addaa Sakkata’uuf jedha olii fi gadi kan raafamaa jirtu humni waraana Wayyaanee abdii kutachuun garatti goran dhabanii jiran.Poolisoonni naannoo sochii waraan Wayyaanee kana irraa mormii fi mufii waan qabaniif haamleen mootummichaaf hojjechuu irraa dhaabbachaa kan jiruu fi gara diddaa ummataattis makamaa akka jiran gabaasichi addeessa.

Wallagga,Horroo Guduruu Ona Amuruu Keessatti Poolisoonni Sirna Wayyaanee Mormuun Ifatti Diddaa Dhageessifatan.Dirqama Addaa Itti Kennames Diduun Waltajjii Gadhiisan

Aside

Adoolessa 25,2012 Amuruu
Godina Horroo Guduruu Wallagaa Onaa Hammuruuttii polisonni qajeelfamaa karaa hoggaantotaa isaanii mootummaa Wayyaanee irraa isaan dhaqabe mormuun fincilaa diddaa garbummaa egalaan.
Adoolessaa 23,2012 poolisoota Onaa Ammuuruuf walgahiin taasifame irratti poolisoonnii fi bulchitoonni naannichaa dirqama karaa mootummaa itti kenname ifatti bahaa akka hin jirree fi kan mootummaan itti kennu waan akka ummata nagaa yakkanii hidhuu irratti waan hin bobbaaneef jecha ceephoon irratti bu’eef poolisoonni aanicha guutummaatti ceephoo karaa aangawoota mootummaa isaan irratti bu’e akka hin fudhanne ibsan.
Aangawoonni mootummaa gara magaala Amuruu deemuun qeeqa ykn ceephoo Poolisoota naannoo irratti dhiheessaniif yeroo poolisoonni naannichaa deebii kennan
• Nuti hojiin keenya poolisii dha, hojiin poolisaa ammoo yakkaa uummataa irraa ittiisuu dhaa, isiin garuu Ummataa keessaa humna addaatu jiraa dhaqaa sakkatta’aa jettaanii ummataa nu jeeqsisaa jirtuu, humni addaa WBO yoo naannicha jiraate sadarkaa duraatti humna ittis biyyaatu ittisa godha malee nuti poolisoonni hojii keenya miti.
• Karaa biraa ummanni osoo takkaa hin iyyatiin humna addaatu naannoo kanaa ummata goolaa jira jettu,garuu ummanni naannichaa takka dhufee waan kana poolisatti hin himanne isin maal irraa kaatanii ummanni goolamuu argitan?
• Nuti poolisoonni ummata keessa deemnee ummata hin jeeqnu,yoo ummanni ani rakkadhe na dhaqabaa jedhee iyyate ummata gargaarra malee callifnee goolii uumuun namoota nagaa hiraarsuuf hin eeyyamnu.
• Ummanni humni addaa nu rakkisaa jira hin jenne,mootummaan maaliif rakkatee waan ummanni hin iyyatiin bakka biraa irraa dhufee naannicha jeeqaa?
Fi kkf jechuun sagalee mormii guddaa dhageessisaa akka turanii fi diddaa kanaan akka itti fufan erga himatanii booda galma walgahichaa gutummaatti dhiitanii bahanii jiru.
Haala kanatti kan rifate mootummaan Wayyaanee Adooleessa 24,2012 waraanaa isaa mooraa leenjii waraanaa Buree irraa konkolaataa Oraalii 3 itti fe’ee ona Kiiramuu irra Qubachiisee akka jiru gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa. Umanni naannichaas eda galgala qubachuu waraana Wayyaanee kanaa mormuun iyyannaa isaa gadoota naannichaatti dabarfachaa akka jiran beekame.

 

Fincila Diddaa Gabrummaa Duubaan Jirtu Sababa Jedhuun Hojjettooti Mootummaa 12 Hojii Irraa Arihaman. Diddaan Ummataas Itti Fufe

Aside

Adoolessa 25,2012 Muggii
Gabaasaan Qellem, Ona Anfilloo irraa addeessuun har’a,Adoollessa 23/2012 hojjetoonni OPDO namni 12 hojii irraa akka ari’aman Qeerroon naannicha irraa gabaaseee jira. Kunis diddaa baatii tokkoo oliif osoo wal irraa hin citiin ona Anfilloo keessatti qabateen hamma har’aatti itti fufuudhaan humni waraanaa fi dabballooti Wayyaanee dhaamsuu waan hin dandeenyeef jecha. Hogganoonni Wayyaanee ol aanoon naannoo sanatti bobba’anii bulchitoota naannichaa isin sochii ummataa fi addatti Qeerroon taasisu keessaa harka qabdu,ABOn ijaaramtanii jirtu jechuun yakkamanii namoonni 12 Adooleessa 23,2012 hojii isaanii irraa ari’amanii jiru. Kanneen kunis:-
1. Ogeessa Fayyaa; Abarraa Waaqjiraa
2.Ogeessa fayyaa; Ayyaanaa Sanbatoo
3.Barsiisaa Marabbaa Foggii
4.Hojjetaa dirree misoomaa ganda gargeedaa, Abdii Furgaasaa
5.Bulchiinsa ganda Yattii, Solomoon Jaallataa
6.Bulchiinsaa fi Faayinaansii aanaa Anfilloo, Masqaloo Higguu
7.Barsiistuu M/B sadarkaa 2ffaa Muggii; Caaltuu Tufaa
8.Itti Aanaa Bulchiinsa aanaa Anfilloo, Suphaa Naga’oo
9.Barsiisaa M/B qophaayina Ashii; Nugusee Hirphaa
10.Barreessaa Ganda Yattii, Phaawuloos Irkaasaa
11.Barsiisaa M/B sadarkaa1ffaa Yattii, Kennasaa Lammeessaa
12.Ittisa ganda Yattii, Roobaa Tulluu
Kanneen jedhaman ABOn shakkamanii ari’amuu Qeerroon magaalaa Muggii irraa gabaasa guutuun addeessa. Warreen hojii irraa ari’aman kunis akka jedhanitti osoo Wayyaaneen nu hin ari’iin duratti ofii keenyaatii hojii sirna bittaa kanaa dhiisuuf akka murteeffannee jirra ifaa waan ta’eef haala kanatti ni gammadna malee homaa gadda adda hin qabne ifaa dha jedhu. Ummanni naanichaas warra hojii irraa ari’aman kana waan qabnuun gargaarrii waliin qoodachaa jireenyaa keenya itti fufuun haalli gochaa wayyaanee kun ammo akka nurraa dhaabbatuuf qabsoo fuula duratti nu eeggatuuf karaa fi aanjaa guddaa nuu bana kan jedhu yaada dhiheeffatanii jiru.
Qabsoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Baha Shawaa Ona Fantaallee Keessatti Alaabaan ABO balali’e.Uummannis Diddaa Taasise.

Aside

Adooleessa 25,2012 Fantaalle.
Gabaasaa godina Baha Shawaa,Ona Fantaallee keessaatti gaafa Adoollessa 23,2012 ummanni diddaa isaa muldhisuun gabaafame. Hojii dabballoota Wayyaanee fi bulchitoota naannoo mormuu fi diddaa isaa muldhisuuf jecha wayita ummanni walitti bahee wallee warraaqsaa fi kan gootota Oromoo faarsu yennaa faarsaa turetti alaabaan ABO ammo konkolaataa hin beekamiin tokko irratti fannifamuun konkolaatichi ona sana keessa balaliisaa qaxxaamuruudhaan barreeffama “BILISUMMAAN SABA OROMOO FI OROMIYAAF!!” jedhu bifa alaabaatiin barreessanii konkolaataa kana irratti kallattii hundaan irratti maxxansuun magaalaa fi qaxxaamura baadiyyaa keessaa asii fi achi yeroo deddee’ibaa turuu qeerroon gabaasa
Haalli kun guyyuma kana hamma galgalaatti itti fufee ummanni rorroo irra jiru muldhifachuuf jecha sirboota warraaqsaan yeroo naannicha dhuufamtu lukkuulee Wayyaanee afaan qabachiisanii akka jiran gabaasaan addeessa.
Kana malees humni poolisa Wayyaanee nama alabaa ABO konkolaataa irratti hidhee olii fi gadi balaliisaa ture kun sabboonaa Obbo Lammii Surruuqaa nama jedhamu dha jechuun shakkanii bakka inni jirutti qabsoof barbaacha irratti yeroo argaman maatii isaas mana itti cabsanii seenuun dararaa yeroo irraan gahan ,uummanni Oromoo magaalichaa nama kana yoo qabdu taatan nutis nama kanaa fi maatii isaa waliin jirra, isin biraa hafaa hin jirru amma hatattamaan dafaatii magalaa kana gadi nuuf dhiisaa jechuun hidhattooni Wayyaanee sabboonaa Oromoo kana qabuudhaaf naannicha deeman akka magalaalicha gadi dhiisanii bahan taasisanii jiru. Haala kanaan ummanni gootummaa qabsoon lammii Oromoo harka lukkee diinaa irraa buufatee nagaan naannoo isaa keessatti jiraachuuf murannoo muldhisuu gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.