Baha Shawaa Ona Fantaallee Keessatti Alaabaan ABO balali’e.Uummannis Diddaa Taasise.

Adooleessa 25,2012 Fantaalle.
Gabaasaa godina Baha Shawaa,Ona Fantaallee keessaatti gaafa Adoollessa 23,2012 ummanni diddaa isaa muldhisuun gabaafame. Hojii dabballoota Wayyaanee fi bulchitoota naannoo mormuu fi diddaa isaa muldhisuuf jecha wayita ummanni walitti bahee wallee warraaqsaa fi kan gootota Oromoo faarsu yennaa faarsaa turetti alaabaan ABO ammo konkolaataa hin beekamiin tokko irratti fannifamuun konkolaatichi ona sana keessa balaliisaa qaxxaamuruudhaan barreeffama “BILISUMMAAN SABA OROMOO FI OROMIYAAF!!” jedhu bifa alaabaatiin barreessanii konkolaataa kana irratti kallattii hundaan irratti maxxansuun magaalaa fi qaxxaamura baadiyyaa keessaa asii fi achi yeroo deddee’ibaa turuu qeerroon gabaasa
Haalli kun guyyuma kana hamma galgalaatti itti fufee ummanni rorroo irra jiru muldhifachuuf jecha sirboota warraaqsaan yeroo naannicha dhuufamtu lukkuulee Wayyaanee afaan qabachiisanii akka jiran gabaasaan addeessa.
Kana malees humni poolisa Wayyaanee nama alabaa ABO konkolaataa irratti hidhee olii fi gadi balaliisaa ture kun sabboonaa Obbo Lammii Surruuqaa nama jedhamu dha jechuun shakkanii bakka inni jirutti qabsoof barbaacha irratti yeroo argaman maatii isaas mana itti cabsanii seenuun dararaa yeroo irraan gahan ,uummanni Oromoo magaalichaa nama kana yoo qabdu taatan nutis nama kanaa fi maatii isaa waliin jirra, isin biraa hafaa hin jirru amma hatattamaan dafaatii magalaa kana gadi nuuf dhiisaa jechuun hidhattooni Wayyaanee sabboonaa Oromoo kana qabuudhaaf naannicha deeman akka magalaalicha gadi dhiisanii bahan taasisanii jiru. Haala kanaan ummanni gootummaa qabsoon lammii Oromoo harka lukkee diinaa irraa buufatee nagaan naannoo isaa keessatti jiraachuuf murannoo muldhisuu gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.

1 thought on “Baha Shawaa Ona Fantaallee Keessatti Alaabaan ABO balali’e.Uummannis Diddaa Taasise.

  1. Galatoma inni kun yada gaaridha itti ansuun itti gaafatamtonni Adda bilisummaa oromoo bakka jirtani waraana kenya kan yeroo dheeraaf leenjisaa turtan akka garaa biyya teenya oromiyaadhatti dhufanii ummata oromooti wajjiin qabso itti fufee bilisumma yeroo dheeraaf barbaacha turre san waalin argatu qabna bcz ummani oromoo yeroo ammaa WBO if biraa dhabeeti malee jaalalli nuti ABOf qabnu kan durirra isa guddaadha kanaf barri khun kan bilisummaa waan tahef pls bakka jirtani lafaa kha’aa dhamsi kiyya kanuma galatoma yaa lammii too!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s