Godina Wallaggaa,Magaalaa Naqamtee Keessaa Poolisoonni 4 Hidhannoo Guutuu Waliin Dhabaman.

Aside

Hagayya 02,2012 Naqamte.
Buufata Poolisii Ganda 07 magaalaa Naqamtee jiru keessaa kanneen hojjechaa turan Poolisoonni sirna Wayyaanee 4 gaafa Adooleessa 28,2012 irraa eegalee hidhannoo qaban guutuu waliin magaalichaa fi hojii isaanii irraa dhabamuun warraaqsa ummataatti makaman.
Poolisoonni kun ammaan dura kutaa qabiinsa meeshaa waranaa irraa hojjechaa kanneen turan yeroo ta’u,mootummaan Wayyaanee yeroo irraa gara yerootti dhoksaan ummata deggertoota ABO ta’an meeshaa hidhachiisaa turtan,meeshaa eehama malee qonnaan bultootaaf kennuu keessan waan qabatamaa qabna jedhanii qormaata jala galchaa akka turanii fi sabboonummaanis yakkamaa akka turan beekama.
Yeroo ammaa kana Poolisoonni maqaan isaanii Caalaa Hundumaa fi Tasfayee Caalii kanneen jedhaman warra hafan lama dabalatanii sirnicha ganuun warraaqsa deemaa jirutti akka makaman addeessa. Poolisoonni kun warraaqsa ummataatti haamakaman malee yeroo ammaatti naannoo fi bakka isaan jiran ammo gabaasi nu gahe hin addeessine.
Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!

The Oromo People Should Intensify the Struggle without Being Distracted Misinformation.

Aside

The Oromo People Should Intensify the Struggle without Being Distracted Misinformation.

Oromo Liberation Front (OLF) Press Release,  A group calling itself ‘Oromo Dialogue Forum’ has for the last two months been spreading misinformation to undermine the Oromo people’s confidence and trust in the struggle and on this organization. It is  to be recalled as well that we have been patiently watching and periodically informing our people regarding series of movements under the cover of Oromo Liberation Struggle targeting emasculation of the OLF  activities. As the current group’s activity is also a continuation of the past we are compelled to bring it to
the attention of our people again.
It is clear that this group is escalating its anti OLF campaign to international media. The choice of the  VOA Amharic program to air what it used to hitherto pose as an internal Oromo affair has forced spectators to question the real motive of this group. One of the leaders of the group on July 28, 2012 explained  the identity of the members and the objectives of the group not to the purportedly beneficiary Oromo people in afaan Oromo but on the VOA Amharic program. The Oromo mass back at home, who was not a  party to the petty bickering in the Diaspora, was greeted with such news on international media for the  first time. This shows that the objective of this group is not to find a solution to the Oromo problem but to  please other parties that strive to extinguish the Oromo struggle. Read More:-

OLF Press Release- English version.pdf 01,08,2012

OLF Press Release-Amharic- 01,08, 2012

Ibsa ABO Hagayya 01, 2012

Diddaa Jabaachaa dhufeen Mootummaan wayyaanee uummata qorannoon goolaa jira.Uummatnis jabinaan jala dhaabbate!‏

Aside

Hagayya 01,2012 Gimbi

Godina Wallagga lixaa aanaa Beegii ganda Qondaalaa keessatti qorannaan mootummaa wayyaanee haalaan jabaachuun hojjettootni mootummaa rakkaman.Godina kana keessatti mootummaan wayyaanee Miseensota OPDO isin ABO dha,ABO nurratti ijaaraa jiru jechuun guyyaadhaa guyyaatti

oolmaa isaanii akka gabaasan dirqamsiistee jirti.HojjetaaObbo Tashoomee Dheeressaa jedhamus akeekkachiisa itti kennanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun diddaan Oromiyaa keessatti deemsifamaa jiru jabaachuun shirri mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa ukkaamsuuf deemu Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Mattuu keessatti fashale.Mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa uummatni oromoo hojii dhabdummaan baay’ate,qaala’insi jireenyaa dabale jedhu ukkaamsuuf deemu fashaluun uummatni wal gahiif waamame lagatee jira.Godina Shawaaa lixaa aanaa Ijaajjii keessattis uummatni Musliimaa gaaffii mootummaan Wayyaanee dhimma amantii keessa seenuu hin qabu jedhu jabeessuun mootummaa Wayyaanee cinqan.Mootummaan wayyaanees waraana hedduumminaan bobbaasuun sakatta’insaa fi doorsisaan uummata goolaa jiru.

 

Wallagga,Magaalaa Naqamtee Keessatti Tika Wayyaanee Beekamaa Mitikkuu Araayaa Jedhamu Irratti Tarkaanfiin Fudhatame.

Aside

Adoolessa 31,2012 Laqamte

Godina Wallaggaa Onoota gara garaa kan akka Jimmaa Arjoo ,Baddaallee, Arjoo Guddaattuu, Neqamtee gidduu deemuun irratti gaafatama tikaa qabaatee yeroo dheeraaf sabboontota Oromoo hiraarsuun kan beekamee fi Oromoo hidhuu fi dararuu irratti qooda guddaa nama qabu tika Wayyaanee beekamaa Mitikkuu Aaariyaa jedhamu irraatti humni addaa Adoolessa 30,2012 galgala sa’aa 7:30 wb irratti tarkaanfii maayyii irratti fudhate.
Ummanni magaalaa Naqamtee tarkaanfii kanatti hedduu gammaduun lukkeelee kaaniifs barnoota ta’ee dhiiga Oromootti taphachuu irraa akka dhaabataniif akeekachiisa jalqabaa akka ta’u himaa jiru.
Qabsoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Oromooti 12 Yaada Ummataa Jijjirtanii Fincila Nurratti Kaasifatan Jechuun Magaalaa Jimmaatti Hidhaman.Ummanni Humnaan Hiriira Bahee Wayyaanee akka Deggeru Dirqames Hiriiricha Mormii Wayyaaneen Ibsate

Aside

Adoolessa 31,2012 Jimma
Godinaa Jimmaa Magaalaa Jimmaatti Mootummaan Wayyaanee Adoolessaa 30/2012 ummaataa hordoftotaa Muslimaa ta’an Humnaa Poolisaa fi humna hidhatootaattin Fayyaadamuun ummataa humnaan dirquun akkaa hiriraa bahanii sochii hawaasaa Muslimaa Finfinnee mormaan godhee irraattii ummaannii humnaan bahee deebisee Mootummaa Wayyaanee balalleffaachuun mirgii amantaa keenyaa nuf haa kabajamuu, hoggaantoonnii Amantaa Muslimaa Finfinnee Haa Hiikaman, Maneen sagadaa keenyaa Finfinnee irraa Cufaman haa banamaan jechuun sagalee Mormii dhageesisaan.
Mootummaan Wayyaanee Daldaltotaa irraattii illee Suuqii fi manneen nagadaa humnaan cufuun humna waraanattii fayyaadamee uummataa hiriiraa baasee qaanii guddaan isaa Mudate, haala kanatti rifachuun Mootummaan Wayyaanee Oromotaa nagaa namotaa 12 yaadaa Ummaataa jijjirtaan jechuun qabee mana hidhaa Waajjira pooliisii Magaalaa Jimmaatti darbataman,keessaa maqaan
1.Huseen Mohaamed,
2, Hasaan Abbaa Guddaa
3, Kaliid Abbaa Tamaam
4,Abdallaa Abbaa Biyyaa
5, Abbaa Magaal Abbaa Foggii,
6, Tolaa Abbaa Biyya
kanneen jedhammanii fi namni 6 biroo Mootummaan Wayyaanee Mana Hidhaatti darbatatee kan jiru ta’uun gabaafame.
Haala kana keessa barruuleen warraaqsaa Oromoo kan Qeerroon faca’u baldhinaan naannichatti faca’uun loltooti Wayyaanee fi poolisooti lukkeelee waan qabanii dhiisan wallaluun ummata nagaa jeeqaa turan.
Gama biraan naannoo kana irraa osoo hin fagaagaatiin mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kanaa waan qabee gadhiisuu dhabuu irraan kan ka’ee, Qabsoo ummatotaa gara dabarsuuf jechaa, hordoftotaa amantaa Muslimaa irraattii karaa Radio fi TV isaa maqaa shororkessitummaan ololaa maqaa balleessii ofaa jira, haalumaa Kanaan Adooleessaa 28/2012 Godinaa Jimmaa magaalaa Jimmaa, Aanaawwaan akkaa Sokorruu, Qarsaa, Deedoo, Shabee, Gaatiraa,Geeraa, Gummaa, Sarboo fi Aggaaroo fa’aa irraatti Uummaataan “hiriira nagaa bahaatii shororkeesitotaa maqaa amantaa Muslimaatiin maagaalaa Finfinnee keessaattii hookkara kaasani biyyaa jeeqaa jiraan balalleffaadhaa”, amantaan keessaan baduuf jiraa jedhee Ummaataa humnaan akka hiriiraa bahanii mormaan yaalii godhullee ummaannii diddaa cimaan jalaa dhabbaatee, kan sarbamee jiruu mirgaa keenyaa, hiriiraa malii banaa, ammaa fi ammatti hidhamtonni Muslimaa fi Oromoonni mirga Oromummaaf jecha yeroo adda addaatti hidhaman haa hiikaaman, Hawaaliyaan seeraan alaa Cufaamee haa banamuu, sochii Finfinnee keessatti mirga amantii fi namoomaaf deemsifamaa jiru nuti ni deeggaarraa malee hin balaalleeffaannu,mirgii keenyaa haa kabajamuu jechuu ololaa wayyaanee fi akeekaa ishee fashaleessaan.

Ummanni Aanaa Jaardagaa Diddaa Jabeessuun Walgahii Waraanni Wayyaanee Yaame Lagate

Aside

Adoolessa 31,2012 Jaarte

Mootummaan Wayyaanee Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee Ganda Jaarroo Siree keessatti waraanni ABO seenee jira sababa jedhuun duula guddaa naannichatti bahe. Akka kanaan Adoolessa 28/2012 irraa kaasee Waraanni Wayyaanee TPLF hedduumminaan gara ganda kanaatti bobba’uun uummataan isin ABO beektu,WBO isintu nyaachisa jechuun doorsisuu irratti jalqabanii jiran.
Haalli kun hammaatee wal gahii uummataa guyyaa kana Cirracha Bakakkaatti godhuuf yaalaniinis uummatni kan dide yoommuu tahu,Kanneen wal gahii bahanis Hojii misoomaa irra waan jirruuf fuuldura olola mataa keessaniif nu hin waamiinaa jechuun wal gahii diiganii jiran.Diddaa uummataa jabaachaa dhufeen Mootummaan Wayyaanee dhiphuu keessa seenuun magaala Aliiboo keessatti wal gahii yeroodhaa yerootti gaggeessuun qorannoo Seelii diinaa jedhuun uummata rakkisuu irratti argamu.
Qeerroon naannoo kanaa hojii dhabdummaa,hanqinni tajaajilawwan hawaasaa,hidhaa fi kanneen biroon jabaachaa waan dhufaniif uummatni akka waliin ka’uun mirga isaa falmatu dhaammatanii jiru.Yeroo darbe keessattis uummatni aanaa kanaa hedduumminaan hiriira bahuun gaaffii mirgaa kan gaafatanii fi Alaabaa ABO ol kaasuun isaanii ni yaadatama.

Wallee Warraaqsaa Sakkattaana Sababa Jedhuun OPDOn Dargaggoota Aanaa Gullisoo Dararan.

Aside

Adoolessa 30,2012 Gullisoo
Qondaaloti OPDO aanaa Gullisoo godina Wallaga lixaa keessaa barattootaa fi dargaggoota Oromoo magaalaa fi baadiyyaa keessa deemuun karaa irraa qabanii bilbila harkaa irraa fuudhuun faaruu ABO fi sirboota warraaqasaa kan akka Hirphaa Gaanfuree baattanii deemtu jechuun sakkata’a guddaa gaggeessaa jiraachuu Qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Qondaaloti OPDO milishoota gandaa fi poolisoota of faana buusanii sirba Hirphaa Gaanfureetu bilbila dargaggootaa fi barattootaa irra jiran sababa jedhuun kan sakkata’a gaggeessaa jiran keessaa.
1. Amantii Iddoosaa ga’een isaa Sabquunnamtii ,
2. Tashoomee Akaaluu Afayaa’ii mana maree olaanaa
3. Margaa Jaalal
Kanneen jedhaman yeroo ta’an. Dargaggooti hedduun bilbila isaanii kennuu diduu irraan walitti funaanamanii mana barnootaa Horest Spiingis jedhamu keessatti akka walitti qabamanii jiran Qeerroon naannicha irraa gabaasa. Haala kanaan warra wallee Hirphaa dhageeffattan jirtuu jennaan wallen Hirphaa bilbila keenya irra osoo hin taane onnee keenya keessa jira jechuun ifatti lukkeelee Wayyaaneef ibsuun beekame.
Kanuma waliin naannoo kana gandoota akka Calliyaa Eekkaa keessaa jala deemaan OPDO hojii barsiisummaan kan jiraatu Taayyee Biraanuu barattoota fi barsiisota basaanuun yeroo adda addaatti kan rakkise yeroo ta’u Adoolessa 28,2012 miseensota Qeerroon akeekachiisi jabaan xalayaan akka itti kennamee jiru gabaasan.
Karaa biraa Anaa Ayiraa kana keessatti barsiisotiin 4 maqaa ABOn shakkamuun akka hojii gadi lakkisaniif waraqaan ittiin hojii gadhiisan Adoolessa 27,2012 OPDO irraa isaan dhaqabee jira. Kanneen keessaa mursaas:-

1. Mangistuu Doctooree bars Fiiziksii ,
2. Qees Minaasee bars macaafa qulqulluu,
3. Raajee Darasuu barsiiftuu Baayoojii,
4. Eebbaa Dheeressaa bars Muummee Afaan Oromoo.
5. Kanneen jedhaman keessatti argamu.
Qabsoon itti fufa.Gabrummaan ni kufa!

Hoggantoonni OPDO Godinaa Ummata Hiraarsuuf Bobba’an ,Ifii Hiraaranii Baqatan.

Aside

Adoolessa 30,2012 Giddaa
Aanga’oonni Wayyaanee Godina Wallagga bahaa Adoolessa 27,2012 ummata naannawaa Giddaa Kiramuu jiraatan qorachuu fi humni addaa fi sochiin dargaggoota Oromoo naannoo san jira sababa jedhuun naannichatti bobba’nii waajira bulchiinsa OPDOtti  osoo wal gahii deemsifataa jiranii konkolaataa isaanii irratti tarkaanfiin fudhatameen konkolaatichi akka jirutti gubatee jiraachuu Qeerroon Kiramuu irraa gabaasa.

Aangawoti godinaan qormaataaf gara naannichaatti bobba’an :-

1.Taarraaqenyii Oljirraa Nagaasaa Kaabinee wajjiraa barnotaa Godinaa,

2.Laggasee Dhugumaa waajjiraa dhimmaa dhaabaattii abbaa adeemsaa hojii godinaa,fi

3. Asaffaa Gannatii poolisii itti gafatamaa qoraannoo yakkaa godinaa

Yeroo ta’an aangawoonni OPDO kun ummata dararuuf kan naannichatti bobba’anii turan battala magaalicha dheessanii balaa san jalaa yeroof of baraaruu isaanii Qeerroon Ona Kiiramu irraa gabaasa.

Hogganooti Mana Murtii Waliigala Oromiyaa lama aangoo irraa kaafaman; gabaasaan isaanii garuu raggaasifame!

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 29 Adoolessa 2012) Caffee Oromiyaa jedhamee kan moggaafame, manni marii ummata Wayyaanee hagganoota mana murtii waliigala Oromiyaa lama gabaasaa isaanii erga fudhatee booda aangoo irraa kaasuun gabaasame.Ob Taaddalaa Nagishoo, hogganaan man murtii waliigala Oromiyaa fi itti aanaan isaanii Ob Se’id Jundii aangoo irraa kaafamanii bakka isaanii immoo ergamtooti biroo lama buufamuun beekamee jira.
Yeroo dheeraaf sirna wayyaaneef ergamaa kan turan ilmaan Oromoo kunneen lamaan maaliif aangoo irraa akka kaafaman waanti ibsame hin jiru.
Yeroo aangoo irraa kaafamanis waanti ifatti dubbatame akka hin jirre maddeen Qeerroo gabaasanii jiru.
Biyyi Itoophiyaa Oromoof mana hidhaa ta’uun ifatti yeroo beekama ajiru kanatti kanneen ergattummaa filatanii sirna Wayyaaneef ergaman marti yeroo dhimma saba isaaniif quuqamuu fi naatoo agarsiisanitti akka malee darbamaa turuun seenaa yeroo dhiyoo ti.

Walitti bu’insi Poolisoota naannoo fi kan Feederaala Wayyaanee jidduutti ta’een gara lachuu irraa 5 haalaan madaayan. humni addaa ABOs haleellaa jabeesse.

Aside

Adoolessa 29,2012 Naqamte

Adoolessaa 27,2012  Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onaa Diggaa Saasiggaattii Tarkaanfiin mayyii jabaate poolisotaa nannoo dabalachaa jira. Onaa kanaattii tarkaanfii humna addaan diina irratti fudhatame  Adoolessaa 27,2012 ganamaa qondaalota Wayyaanee konkolaataa bulchinsaa Go/Bahaa Wallaaggan fe’amanii  gara Diggaa Saasiggaatti seenaa jiran irratti haxxee hidhuun haleellaa taasifameen shofeerri konkolaatichaa harka rukutamuun kanneen hafan waardiyyoota isaanii waliin dhukaasa jajjabaa banuun lubbuuf bagaqatnii naannoo san irraa dheessan.

Haala kanatti kan rifatee fi aare mootummaan Wayyaanee Adooleessaa 27,2012 galgalaa humnaa addaatu biyya seene sababa jedhuun poolisoota feederaalaa dabalatee gara gara Onaa Diggaa Saasiggaattii  konkolaalataa barreeffaama”Federal Police”jedhuu qabduun utuu  fiigaa jiraani humnii addaa riqichaa daandii konkolataa Diggaattii seensisuu bakkaa Stiggee jedhamuun beekamuu magaalaa Neqemtee irraa 12km fagaatee kan argamuu jala riphee eggaachuun haleellaa deemsiseen, konkolaataan sun ariitiin waan fiigaa jirtuuf argachuu hin dandeenyee ture.

Haleellaa kanatti daran rfachuun poolisonnii nannoo kan Onaa Diggaa Saasiggaa maltu nuti dhufee jechuun rifatanii meeshaa waraanaa isaanii fudhatanii dirmachuuf akkumaa qophaanii bahanittii waan isaan hin eegnee isaan mudatee, haalumaa kanaan Polisonnii Federaalaa isiin biyyaa maal eegaa jirtuu isinituu biyyaa jeeqaa, karaatti ABO nu eggaachiiftaanii(nu jala keessaanii) ofii magaalaa keessaa boontuu jechuun waliittii bu’insii cimaan gidduu poolisotaa nannoo fi fedeeraalaattii dhalatee, hanganumaan rasasaa wal irraattii xaaxessuun dhufee, dhukaasaa garee poolisotaa lamaan irraa godhamuun uummaannii akkaa malee jeeqame, Pooliisonnii nannoos walitti bu’iinsa klanaan namni lama

1. Caalaa Fiqaaduu fi

2. Amaanu”eel Dasaalenyi

Akka malee madaa’anii Hosptala Naqamteetti ergaman.

Poolisoonni Federaalaa namonnii 3 akka malee madaa’anii dhiigaa coccobsaa konkolaatattii fee’amuu namoonnii ijaan argaan ajaa’ibsifatanii jiru. maqaan poolisotaa federaalaa kanaa yeroof argachuu hin dandeenye.