Hogganooti Mana Murtii Waliigala Oromiyaa lama aangoo irraa kaafaman; gabaasaan isaanii garuu raggaasifame!

(Qeerroo, Adaamaa, 29 Adoolessa 2012) Caffee Oromiyaa jedhamee kan moggaafame, manni marii ummata Wayyaanee hagganoota mana murtii waliigala Oromiyaa lama gabaasaa isaanii erga fudhatee booda aangoo irraa kaasuun gabaasame.Ob Taaddalaa Nagishoo, hogganaan man murtii waliigala Oromiyaa fi itti aanaan isaanii Ob Se’id Jundii aangoo irraa kaafamanii bakka isaanii immoo ergamtooti biroo lama buufamuun beekamee jira.
Yeroo dheeraaf sirna wayyaaneef ergamaa kan turan ilmaan Oromoo kunneen lamaan maaliif aangoo irraa akka kaafaman waanti ibsame hin jiru.
Yeroo aangoo irraa kaafamanis waanti ifatti dubbatame akka hin jirre maddeen Qeerroo gabaasanii jiru.
Biyyi Itoophiyaa Oromoof mana hidhaa ta’uun ifatti yeroo beekama ajiru kanatti kanneen ergattummaa filatanii sirna Wayyaaneef ergaman marti yeroo dhimma saba isaaniif quuqamuu fi naatoo agarsiisanitti akka malee darbamaa turuun seenaa yeroo dhiyoo ti.

2 thoughts on “Hogganooti Mana Murtii Waliigala Oromiyaa lama aangoo irraa kaafaman; gabaasaan isaanii garuu raggaasifame!

  1. Ha jabaannu jarana! Wayyaaneen wuxxifachaa jirti. Afuurri keessaa ba’uuf waan ta’eef. Yeroo hunda caalaa tokko taanee waliin kaaneerra. Amma finiinsuudha. Waaqayyos nu gargaara. Oromoon tokkodha. Waaqnis Oromoo taassisee nu uume. Kan waliif galuu qabnu garuu dabarsinee halagaa/diinatti akka wal hin kennine. Qabsoon itti fufa. Oromiyaan ni bilisoomti.

  2. Malaammaltoota Naatoo Sabaa Hinqabne OPDOn Ari’atte

    Jarreen lamaan OPDO dhaan ari’ataman kun malaammaltoota ummata Oromo sabbata irraa mulqaa turanii fi caasaa matta’aa diriirsuudhaan hawaas keenya akka malee dararaa turan. Kana bira darbes mirgoota namoomaa ilmaan Oromoo sirna Waayyaneetiif ergamtuu ta’uudhaan dhiitaa turan. Kana waan ta’eefis jarreen kun ‘quuqama’ sabaaf argisiisuu waan eegalaniif ari’ataman yaadni jedhu gonkumaa fudhatama kan qabu miti. Saamtotni fi ergamtootni kun ummata nyaachuurraa fonqolchamuun isaanii tarkaanfii jajjabeeffamu ta’us sirna Wayyaanee nama nyaataa kana fulla’iinsaan jigsuuf haa ariifannuu.

Leave a comment