TVOMT Oduu, Ijoo Dubbii, Yaaminsa Hiriira Nagayaa Amajjii 25, 2013 fii Sirba Torbbee kanaa

Aside

Qeerroon Yuunivarsiitii Asoosaa dhimma QBO irratti marii gaggeessaniin booda gaaffii mirgaa kaasan.

Aside

Amajjii 16,2013 Asoosaa
Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti gaaffii mirgaa barattoota oromoon gaafatame mootummaan Wayyaanee dura dhaabbachuuf mana hidhaatti ukkaamsuun isaa ni yaadatama.Gaaffiin mirgaa ukkaamsaan hin dhaabbatu jechuun barattootni oromoo Yuunivarsiitii Asoosaa walitti dhufuun marii erga gaggeessanii ibsa ejjennoo armaan gadii kana baafatanii jiran.Ibsawwan ejjennoo kunneen

1. Hidhaa fi ajjeechaan hanga dhaabbatu qabsoo irraa hin dhaabbannu

2. Mootummaan wayyaanee garboomfataa waan taheef aangoo irra akka buu iyyanna

3. Sagaleen ilmaan oromoo fi sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaa Addunyaatti akka dhagaamuuf dirqama keenya ni baana

4. Paarlamaan biyyattii dhugaa uummataa dhoksu addunyaan akka nuu dhagauu fi hubatu iyyanna

5. Miseensota OPDO tahan hubachiisuun QBO galmaan ni geessisna

6. Waadaa galle haal duree tokko malee ni baana

Barattootni Oromoo kunneen QBO galmaan geessisuuf kutannaan hojjechuuf waadaa erga walii galanii booda sabawwan cunqurfamoo uummata Gambeellaa waliinis walitti dhufuun haala biyyattii irratti marii gaggeessanii jiran.Koreen Hojii raawwachiistuus ilmaan Oromoo fi sabawwan cunqurfamoo Gambeellaaf kan filaman yoommuu tahu dargaggootni Gambeellaa ilmaan Oromoo waliin tahuun mootummaa Wayyaanee aangoo irraa darbuuf hojjechuu isaaniitti ilmaan Oromoof galata galchaa gammachuu isaanii ibsatanii jiran.

Kana malees Qeerroon Yuuniversitii Asoosaa barattooti Oromoo Yuniversitii Fifineetti gaaffii mirgaa gaafataniif deebiin mootummaa Wayyaanee irraa kenname reebichaa fi hidhaa waan ta’eef dhimmi kun akka hatattamaan dhaabbatuuf ifatti xalaaa bulchiisa mooraa Yuniversitichaaf barreessanii jiraachuun gabaafame.

Qeerroon Yuunivarsiitii Miizan Teeppii dhimma QBO irratti marii gochuun ibsa ejjennoo baafatan

Aside

Amajjii 16,2013 Miizaan Teeppii

Garbummaan mootummaa wayyaaneen gaggeeffamaa jiru yeroo kamuu caalaa jabaachuu isaa fi dura dhaabbachuun yeroon isaa amma jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Teeppii walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii erga gaggeessanii booda ibsa ejjennoo lafa kaawatanii jiran.Mootummaan wayyaanee wayita keessa isaa irraa amantii dhabee fi abbaa irrummaan isaa mirkanaaetti gumaatni adda durummaan nurraa eegama jechuun qeerroon marii gaggeessee jira.Marii isaaniis eebbaan kan jalqaban ibsa ejjennoo armaan gadii baasuun waadaa walii seenanii jiran.Ibsi ejjennoos:-

1. Hidhaa, Dararamaa, Ajjeechaa, Ukkamsanii gara dabarsuu, Arraabsoo, Tuffii, Jibbinsaa , fi Gabrummaa Ummataa Keenyaa irraattii Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee gochaa jiruu cimsinee ni balaaleffaanna.

2. Roorroo Diinaan Uummata Oromoo fi Biyyaa Keenyaa Oromiyaa irratti dalagamaa jiruu dhabamsiifnee Ummataa Oromoo bilisoomsuuf irree tokkoon jabaannee ni hojjeenna.

3. Gaaffiin Barattootaa Oromoo kallattii Garaagaraan gaafatamaa ture gaaffii keenya, Ummaanni Oromoo hangaa Bilisummaa isaa gonfatutti gaaffii mirgaa hiree murteeffaannaa uummata keenyaa jabeessinee itti fufna.

4. Uummaanni Oromoo Mootummaa wayyaanee qabeenya ilmaan oromoo saamaa fi samsiisaa,ilmaan Oromoo barnotaa irraa Ajjeeesisaa fi hiisisaa jiruuf gibiraa fi galiiwwan mootummaa wayyaaneef tahan akka hin kaffalle ilmaan oromoo ni barsiisna.

5. Filannoo kijibaa Mootummaan Abbaa irree biyyaa keessaatti gaggeessaa jiru saaxiluun mootummaan wayyaanee abbaa irrummaa tahuu addunyaatti akka beekamu jabeessinee ni hojjenna.

6. Hidhamtootni siyaasaa biyyattii keessatti maqaa shorokeessummaan hidhaman haal duree tokko malee akka gadhiifaman gumaata nurraa eegamu ni baana.

7. Mootummaan Wayyaanee hanga aangoo irraa buutti wareegama barbaachisaa kaffallee waadaa keenya tikfachuun ilmaan oromoo ni ijaarra,ni barsiifna,gaaffii mirgaaf ni qopheessina. Kan jedhan yoommuu tahan mootummaan wayyaanee dhiibbaa barattoota oromoo irratti geessisaa ture yaadachuudhaani.

SBO Amajjii 16 bara 2013

Aside

Gumiin waaqeffannaa Haroo Haramaayaa shira Wayyaanee dura dhaabbatan.

Aside

Amajjii 15,2013 Haromayaa

Barattootni oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa Gumii waaqeffanaa Haroo haramaayaa aadaa fi amantii keenya guddisuuf eeyyama hin gaafannu jechuun shira mootummaa wayyaanee dura dhaabbatan.Mootummaan wayyaanee Gumii waaqeffannaa Haroo Haramaayaa bara 2009 dhaabbate isin QBO tarkaanfachiisaa jirtu malee dhimma waaqeffannaa gaggeessaa hin jirtan jechuun uummata naannoo waaqeffannaan kun itti gaggeeffamu irratti kakaasuu fi barattoota gara waaqeffannaa kanaa deemanis maqaa miseensa ABO yakkaa jira.Miseensotni Gumii waaqeffannaa Haroo Haramaayaa aadaa fi amantii isaanii barsiisuuf mootummaa wayyaanee irraa eeyyama akka fudhatan wayita dirqisiifamanitti nuyi aadaa fi amantii keenya barsiisuuf eeyyama hin barbaanu jechuun mootummaa wayyaanee jala dhaabbatanii jiran.Waardiyootni mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa ilmaan oromoo gara bakka waaqeffanaa kanaa deeman akka dhorkan dirqamni itti kennamus barattoota waliin tahuun dirqama wayyaanee fashalsanii jiran.

Ka’i Oromoo!!

Aside

JAN. 25 * DC * RALLY FOR HUMAN RIGHTS, AGAINST INJUSTICE

Barattootni Oromoo Y uunivarsiitii Finfin needhaa hidhaman maq aa shororkeessumaan himataman.ABO dhaaba mirga namaaf dhaaba tu malee dhiibu miti jechuunis qorattoot a Wayyaanee qaanessa n!

Aside

Amajjii 15,2013 Finfinnee

Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti gaaffiiwwan mirgaa gaafataman mootummaan Wayyaanee maqaa shororkeessummaan shakkuun barattoota Oromoo 28 himata Gaarii Tolliinaan waamaman mana murtiitti dhiyeesse.Guyyaa haraa mana murtii Gullallee dhageettii haqaa fi himataatti dhiyeessuun beellama torbaan Jimaataatti qabuun barattootni barnoota isaaniitti akka hin deebine gochaa jira.Dabni mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo irratti taasifamaa jiru daran jabaachaa kan dhufe yoommuu tahu yeroo ammaa daran rakkisaa fi hammaataa tahee jira.Mootummaan wayyaanee tika mootummaa wayyaaneen ilmaan Oromoo fi habashaa walitti buusuun shira xaxe jalaa miliquuf ilmaan oromoon isintu kana godhe,ABOtu isinii kaffalee kana akka gootan taasise jechuun rakkisaa jiru.Ilmaan Oromoo mana hidhaa keessattis ABO mirgi namaa akka kabajamu malee akka dhiitamu dhaaba barbaadu miti jechuun ifaan mootummaa Wayyaanee qaanessanii jiran.

Oromoonni Ala Jiran Lammiilee Oromoo Biyya Keessaa Hidhamaniif Akka Dirmatan OSAn Waamicha Taasise.

Aside

LOON ABBAAN GAANFA CABSEE, ORMI IJA JAAMSA

Aside

Y.G (2005)

parchment 7Ummati Oromoo Biyya keessa jiru , hiraarrii dhala Namaa irratti hin raawwatamneetu irratti raawwatamaa jiraachuu guyyuu dhaga’amaa jirra. Wayyaaneen abdii kutannaan , miidhaan Ummata kana irraan ga’a jirtu , guyyuu dabalaa deemuu hundatu taajjabaa jira. Waggoota 21 dabran kana miidhaan gama hundaan Ummata Oromoo irra ga’aa jiru, kan baroota dhibbaa dachaa ,dachaan caala. Namummaan keenya, Sabummaan keenya, Qabeenyaan keenya, aadaan keenya Barbadeeffamaa jira. Dhalooti itti aanu beekumsaan, Ogummaan , Barnootaan, Namummaan hegareen isaa akka karaa hin qabanneef shirri waggaa 50tu of irraa baasuu hin dandeenyetu irratti hojjatamaa jira. wayyaanoonni fi waa’eellan isaanii , Biyya Itoophiyaa jedhamtu kana yoo xiqqaate waggaa 50f bulchuu fi yoo itti milkaa’aniif bara baraaf Ummatoota Biyyatti hacuucanii bituuf karoora lafaa qaban irraa ka’nii , sadarkaa 1ffaatti Ummata Oromoo fi qabasoo isaa irratti xiyyeeffatanii hojjachaa jiran.

LOON ABBAAN GAANFA CABSEE, ORMI IJA JAAMSA !.docx

Wayyaaneen ummata Oromoo kuma 25 dachee irraa buqqisuuf karoorfatte; “ummati immoo dachee keenya irraa hin buqqaanu,” jechaa jira.

Aside

(Qeerroo, Naqamtee, 14 Amajii 2013) Mootummaan Wayyaanee akkuma barattetti ummata Oromoo lafa irraa buqqisuuf saganteeffataa akka jiru saaxialame; umamti immoo lafa keenya irratti dhumana malee irraa hin kaanu!” jechaa jira.

Qeerroon maddeen amanamoo wabeeffatee akka gabaasetti, mootummaan Wayyaanee abbootii warraa gara kuma saddeetii olii Arjoo fi Dhedheessaa keessaa buqqisuuf kan bara darbe akeekkatee diddaa ummataatiin fashalee ture irra deebi’ee hojii irra oolchuuf kaabineewwan OPDO addaddaa waliin irratti maryachaa jira.

Akka karoora kanaatti, mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo kuma 25 ta’u, lafa heektara kuma 75 ol ta’u irraa  buqqisuuf akeeka baafattee jirtu hojiitti hiikuuf akka jirtu baramee jira.

Haata’uutii, bara darbe kaampaaniin pirojeekticha hojjachuuf walii galtee seenee ture diddaa ummataa fi fincila Qeerrootiin rifatee waan dhiisee baheef gidduutti addaan cite ture.

Yeroo ammaa kanatti immoo saganticha itti fufuuf mariin adeemsisamaa akka jiru kan saaxilan maddeen Qeerroo, haalli isaas OPDO keessatti mormii kaasaa akak jiru beekamee jira.

Miseesnoti OPDO dhimma kana irratti dhoksaan maryachaa kan jiran yoo ta’u, hedduun isaanii “saganticha yeroo ammaatti itti fufsiisuun kun barbaachisaa miti,”haa jedhan iyyuu malee ummata lafa irraa buqqisuu fi madda galii gabbifachuuf akeeka kan qabu mootummaan wayyaanee jabeessee itti fufee akka jiru hubatamee jira.

Ummatis haala kana irratti walmaryachaa akka jiru kan ibnse Qeerroon, keessayyuu, Qonnaan bultooti fi Qeerroon akkaataa itti mirga isaanii kabachiifatan irratti marii bal’aa gochaa akka jiran beekameera.