Gumiin waaqeffannaa Haroo Haramaayaa shira Wayyaanee dura dhaabbatan.

Amajjii 15,2013 Haromayaa

Barattootni oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa Gumii waaqeffanaa Haroo haramaayaa aadaa fi amantii keenya guddisuuf eeyyama hin gaafannu jechuun shira mootummaa wayyaanee dura dhaabbatan.Mootummaan wayyaanee Gumii waaqeffannaa Haroo Haramaayaa bara 2009 dhaabbate isin QBO tarkaanfachiisaa jirtu malee dhimma waaqeffannaa gaggeessaa hin jirtan jechuun uummata naannoo waaqeffannaan kun itti gaggeeffamu irratti kakaasuu fi barattoota gara waaqeffannaa kanaa deemanis maqaa miseensa ABO yakkaa jira.Miseensotni Gumii waaqeffannaa Haroo Haramaayaa aadaa fi amantii isaanii barsiisuuf mootummaa wayyaanee irraa eeyyama akka fudhatan wayita dirqisiifamanitti nuyi aadaa fi amantii keenya barsiisuuf eeyyama hin barbaanu jechuun mootummaa wayyaanee jala dhaabbatanii jiran.Waardiyootni mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa ilmaan oromoo gara bakka waaqeffanaa kanaa deeman akka dhorkan dirqamni itti kennamus barattoota waliin tahuun dirqama wayyaanee fashalsanii jiran.

One response

  1. Jaallan aadaa oromo jabeessuun,kessa jiraataani dabruu wanti caalaa mee maltu jira.waan ofiiaddatti kabajaa itti godhani itti buluun keessa keenya akka itichu.salphina,gad-aantummaa,oftuffachuu,walumaagalattijiruun du’uu akka nu oolchu shakkii hinqabu.yo oftaane waaqa irraa milkoofna.haga yoom galtee taanee alagaaf hojjanna.teenya gaffaa dhiifne haga yoom namaf hojjanna! gahee! gahe!oyruu tenya haa gaffaa baafnuu yaa oromoo. jabaadhaa bu’aa wanni offi namaf kan alagaa walin wal maddii qabaa laalaa waan dhokataa mlti

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: